Ministeerri Barnootaa Eebbifamtoota Dhaabbilee Olaanoof Qormaata Bahumsaa Kennuu Eegaluufi

Deetaan Ministira Ministeera Ministeera Barnootaa Saamu’eel Kiflee (PHD)
Suuraa: Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Dhaabbileen Barnoota Olaanoo gama akkaadamikii fi dhaabbatummaan guutummaa guutuutti of danda’anii socho’u hanga jalqabanitti qormaatni bahiinsa eebbifamtoota barnoota olaanoof kennamu yeroof Ministeera Barnootaan kan laatamu ta’uu Ministeerichi beeksise.

Ministeerichi Pirezidaantota dhaabbilee barnoota olaanoo waliin haala hojiirra oolmaa qormaata bahiinsa irratti marii kan taasise yoo ta’u, qophii Ministeericha ilaalchisee hayyoota adda addaan barreeffama qorannoo dhiyaate marii irratti taasifameera. 

Ministeerichi, bara barnoota itti aanuu jalqabe qormaata bahiinsa dhaabbilee barnoota olaanoo akka laatamu fi kanaafis qophii barbaachisu godhamaa akka ture beeksiseera.

Baatii Guraandhala bara kana keessatti Ministeerri Barnootaa qulqullina barnoota dhaabbilee barnoota olaanoo fooyyeessuuf barattoota digirii jalqabaaf qormaata bahiinsa laachuuf qophii irra akka jiru ibsee ture.

Marii Wiixata, Ebla 4, 2022 gaggeeffame irratti Deetaan Ministira Ministeera Barnootaa Saamu’eel Kiflee (PHD) qormaanni kun Yunivarsiitiwwan barattoota beekumsa fi gahumsaan gahaa qaban akka horatan isaan taasisa jedhe. 

Akkasumas humna namaa gahumsa olaanaa qabu fi dorgomaa ta’e gabaatti dhiyeessuuf gargaara jedheera. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.