Magaalaa Finfinnee Masgiidota Adda Addaatti Hiriirri Nagaa Godhame

Suuraa: Miidiyaa Hawaasaa

Mahleet Faasiliin

Finfinnee, Barattootni Musliimaa manneen barnoota magaalaa Finfinnee keessatti baratan baatii Ramadaana keessa mooraa mana barumsaa keessaa fi mana barumsaa bahanii akka hin salaatne dhorkamuun isaanii dallansuu uumeen har’a hordoftootni amantaa Islaama fi barattootni magaalaa Finfinnee Masgiidota garagaraatti hiriira nagaa taasisaniiru

Dhaadannoo adda addaa qabatanii hiriira kan bahan hordoftootni amantaa Islaamaa, poolisiin qabamanii hidhamuu isaanii hiramaatan hiriiricha barataa Abdulkadir bilbilaan Addis Standarditti hime. 

“Nuti kan gaafanne mootummaan harka isaa  amantaa irraa akka kaasu.  Mooraa mana barumsaa keessaa fi mana barumsaa bahanii akka hin salaatne dhorkamuu isaa ammas ta’ee gara fulduraatti ni mormina ” kan jedhe Abdulkadir hanga gaaffiin keenya nuuf deebi’utti mormiin keenya itti fufa jedhe.

Guyyaa lamaan dura, hoggantootni Biiroo Barnoota Finfinnee fi itti gaafatamtootni manneen barnootaa marii kaleessa gaggeessan irratti manneen barnoota tokko tokko keessatti gochoota maqaa amantaan raawwataman mul’achu isaani fi kunis seera ittiin bulmaata manneen barnoota waliin kan faalleessu ta’uu ibseera biirichi. Marii kana irratti barattootni muraasni mooraa mana barumsaa keessatti gocha amantaa waliin walqabatu raawwachuuf yaalii gochaa akka jiraniifi ajandaan siyaasaas gara manneen barnoota keessa akka seenu gochuun barattoota haala hin barbaachifne keessa akka galan taasifamaa jiraachu ka’eera.

 Komishiini Poolisii Magaalaa Finfinneetti itti gaafatamaan sabqunnamtii komaandar Faasikaa Fantaa dhimma namoota hidhamanii irratti  gaafatamee,“Walgahii irraa waanan tureef Odeeffannnoo hin qabu” jedhe.

Hayyuun Musliima beekamaa Ustaaz Abubakar dhimma kana irratti  gaaffiin “Gochaa kana duuban maaltu yaadame?” jedhu hariiroo uummataa fi mootummaa giddu jiru “gaarii” jedhame ibsamu akka hin dandeenye ibsuun gaaffii guyyaa guyyaa ta’aa dhufeera jedhe.  AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.