SEENAA USMAAYYOO MUUSAA

Suuraa: Miidiyaa Hawaasaa

Finfinnee, Usmaayyoo Muusaa baatii Amajjii 1967, Baha Oromiyaa magaalaa Haroomaayaatti dhalate. Barnoota isaa sadarkaa jalqabaa magaalaa Haroomaayaattii barate. Usmaayyoon Hawwisoo Caffee Gadaa fi Baandii Gadaa Oromoo keessatti saboonummaa fi wallisummaan baroota dheeraaf tajaajilaa ture. Usmaayyoon jiruu fi jireenyaan ennaa ummata isaa wajjin lafa irra ture gara laafinaa fi mararoo guddaa uumama Waaqni uume hundaaf qabaachuun beekama.

Usmaayyoon Bara 1987 ega Abdii Mahammed (qophee), Kadir Sa’id, Adam Haarun, Abdii Abraahim, Halloo Daawwee fi artistoota biiro waliin wal bareen booda
fedhii jaalala muuziqaa  isa kessa jiru ifatti baasuuf Abdii Mahammed wajjiin hojii muuziqaa qindeeyffatee shakala xumuree albama tokkofaa isaa gitaara Ahis habbootan dabaalee mana muuziqaa JOLIY kan je’amutti gurgure, garuu kaasettiin isaa osoo magaalaarra hin ooliniif hafe.

Bara 1991 eega dargiin lkufee booda waamicha Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Artistoota Oromoo hundaaf godhe fudhatee hawwisoo caffee gadaa wajjin magaalaa dadar keesatti gurmaa’ee qabsoo itti fufe. 

Bara 1992 erga mootummaan Ce’umsaa diigamteen boodas Usmaayyoon sirboota siyaasaa uummata Oromoo jajjabeessanii fi hamilee cimsan wallisaa ture. Albama lammaffaa isaa nuyaamti kan jadhu bara 1995 magaalaa irra akuma oolchetti, bara 1996 keessa qabamee hidhame. Waggaa saddet guutuu mana hidhaa Zuwaay keessatti jireenya hadhawaa dabarse.

Bara 2004 keessa akka mana hidhaa Zuwaayii gad lakkifamettis ji’umsana keesa albama 3ffaa baase. Usumaayyoon sababa roorroo, dararaa qaamaa fi qalbii irra ga’aa tureen mana hidhaa Zuwaay keessatti baatii Sadaasaa bara 2006 addunyaa kana irraa du‘aan godaane. Usmaayyoo Muusaa abbaa ijoolee shanii ture. 

Hubachiisa Gulaalaa: Seenaan kun Barruu Gootota Oromoo irraa qindaa’e

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.