Oduu: Rakkoo nageenyaa Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Lixaatin namootni kuma 155 ol buqqa’aniiru; Horroo Guduruutti buufataaleen fayyaa 13 saamamaniiru- UNOCHA

Finfinnee, Fulbaana 08/2022 – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) gabaasa haaraa Fulbaana 06, 2022 baaseen rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Lixaatti uumameen namootni kuma 155 ol ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uu beeksise.  Akka UNOCHAn gabaaseetti, sababa rakkoo nageenyaa kanaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa irraa namoota 54,000 kan buqqa’an yoo ta’u, Godina Wallagga Lixaa irraa namoota 101,000 ta’an; waliigalaan namoonni 155,000 ol ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. 

Horroo Guduruu Wallaggaa qofatti buufataalee fayyaa 13 kan saamaman yoo ta’u, yeroo jeequmsi uumametti buufataalee fayyaa 28 fi ambulaansiiwwan 5 gubachuun ummata tajaajila fayyaa bu’uuraa akka hin arganne dhiibbaa uumeera jedhameera. Akka odeeffannoo waajjira fayyaa godinichaa irraa argameen, sababa nageenya dhabuutiin tajaajila ambulaansii dhabuun waggaa kana keessatti du’a haadholii 20 fi du’a daa’ima reefu dhalate 64 gaheera. 

Kana malees, ergamni lixa Oromiyaatti bakkeewwan dhaqqabuuf rakkisaa ta’anitti tajaajila namoomaa dhaqqabsiisuuf godhamu sababa rakkoo nageenyaatin magaalaa Najjoo bira darbee deemuu hin dandeenye. Walumaagalatti, haalli hojii gargaarsa namoomaa dhiha Oromiyaa qormaata keessa kan jiru yoo ta’u, Hagayya keessa kutaalee Bahaa, Lixaa fi Qeellam Wallaggaa keessatti rakkoon nageenyaa itti fufee jiraachuu gabaafameera.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu magaalaa Agamsaa keessatti, Hagayya 30 ganama irraa eegalee guyyoota walitti aanan lamaaf namoonni hidhatan haleellaa gaggeessaniin hawaasa Oromoo irraa lubbuun namoota 60 ol darbuu Addis Standard jiraattota ijaan argan irraa wabeeffachuuf gabaasuun isaa ni yaadatama. Namoonni ijaan argan torban darbe yaada Addis Standardiif laataniin “Waraanni Faannoo meeshaa gurguddaa hidhatan Haroo Aanaa Kiraamuu irraa gara Agamsaa dhufanii waraana bananii” jechuun ajjeechaa kanaaf “hidhattoota Faannoo” himatan.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa Fulbaana 06, 2022 baaseen, Oromiyaa Lixaatti adeemsa haleellaa guyyoota lamaaf namoota hidhatanii naannicha irraa walitti qabamanii fi kanneen aanaalee ollaa mootummaa naannoo Amaaraa irraa qaxxaamuraniin raawwatameen, hawaasa Oromoo keessaa namoonni 60 ol ta’an ajjeefamuu mirkaneesse. Gabaasni komishinichaa waa’ee hidhattoota Faannoo garee milishoota al-kallattiin hidhatanii naannoo Amaaraa irraa dhufan hin kaasne. Haa ta’u malee, ajjeechaan ummata nagayaa Hagayya 30 – 31 godina Horro Guduruu Wallaggaa, aanaa Amuruu keessatti akka raawwatame gabaasni KMNI mirkaneessee jira. Namoonni miidhamanii fi buqqaatota 20,000 ol ta’an kanneen yeroo ammaa magaalaa Oboraatti qubatanii jiran “dhimma xiyyeeffannoo guddaa barbaadu” jedhe Komishinichi.

Komishinichi dhimmicha irratti jiraattota fi qondaaltota mootummaa waliin akka dubbate ibseera. Haleellaan kun kan raawwatame erga humnoonni nageenyaa mootummaa naannoo sanatti bobbaafaman gara naannoo biraatti geeffamanii boodadha kan jedhe Komishinichi, Hagayya 29 miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo, mootummaan “Shanee” jechuun kan waamu, “magaalaa guddittii aanichaa Oboraa qabachuuf” yaalii godhaniin hawaasa Amaaraa keessaa namoota sadi ajjeefamuu isaanii hordofee Hagayya 30 fi 31 hidhattoonni aanaa Amuruu fi Ganda Haroo Addis Alam irraa, akkasumas aanaa ollaa naannoo Amaaraa, Buree jedhamu irraa walitti qabaman miseensoota hawaasa Oromoo aanaa Amuruu Agamsaa, Jog Migiir, Tam Ilaamuu, Jaboo Doban, Tombee Daangaabee, Jawaaj, Ginaaree, Laagee, Michaa, Luqumaa, fi gandoota ( xixiqqaa) Waalee keessatti jiraatan irratti haleellaa raawwatan. 

Adeemsa keessatti haleellaa guyyoota lamaan kana raawwatameen, “namoonni 60 ol ajjeefamaniiru” kan jedhe Komishinichi, jiraattota naannichaa fi qondaaltota mootummaa irraas “namoonni 70 ol miidhamuu isaanii”; qabeenyi fi loon jiraattotaas saamamuu hubachuu danda’uu ibse. “Gandoota haleellaan irra gahe keessaa ammallee bakkeewwan ammallee rakkoo guddaa itti jiru jiraachuu, akkasumas jiraattonni 20,000 ol ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’an magaalaa Oboraa keessatti haala rakkisaa keessa akka jiran jiraattonni ibsaniiru,” jedha KMNI.

Kanaan duras hidhattootni Amaaraa Guraandhala 12/2022 godina Horroo Guduruu Wallagga aanaa Abee Dongoroo ganda Botoroo Booraa keessatti haleellaa gaggeessaniin namootni 29 lubbuu dhaban. Haleellaan kun saamicha fi qabeenya barbadeessus kan dabalate ture. Haleellaa kanaan manneen 64 gubataniiru. Jiraataan aanaa Abee Dongoroo eenyummaan isaa akka hin ibsamne gaafate “Hidhattootni Amaaraa aanaalee Abee Dongoroo fi Jaargadaa Jaartee irraa walitti dhufanii dubartoota fi daa’imman dabalatee namoota 20 haala sukkanneessan ajjeesan” jechuun Addis Standarditti hime ture. AS

Lixa Oromiyaatti, addatti ammoo Wallagi Bahaa fi Horroo Guduruu Wallagaa keessatti rakkoon nageenyaa hammaatee jira, walitti bu’iinsi hawaasa baay’achaa dhufeera akkasumas  waraanni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi humnoota mootummaa [federaalaa + naannoo] waggoota 3-4 darbaniif gaggeeffamaa jiru hawaasa gaaga’ama guddaaf saaxilee jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.