Oduu: Ajjeechaa namoota 60 oli Hidhattoota Amaaraa naannichatti socho’an, naannoo Amaaraa irraa dhufantu raawwate: KMNI

Finfinnee, Fulbaana 07/2022 – Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa haaraa baaseen, Oromiyaa Lixaatti adeemsa haleellaa guyyoota lamaaf namoota hidhatanii naannicha irraa walitti qabamanii fi kanneen aanaalee ollaa mootummaa naannoo Amaaraa irraa qaxxaamuraniin raawwatameen, hawaasa Oromoo keessaa namoonni 60 ol ta’an ajjeefamuu mirkaneesse. 

Namoonni ijaan argan torban darbe yaada Addis Standardiif laatan ajjeechaa kanaaf “hidhattoota Faannoo” himatan. Gabaasni komishinichaa waa’ee hidhattoota Faannoo garee milishoota al-kallattiin hidhatanii naannoo Amaaraa irraa dhufan hin kaasne.

Haa ta’u malee, ajjeechaan ummata nagayaa Hagayya 30 – 31 godina Horro Guduruu Wallaggaa, aanaa Amuruu keessatti akka raawwatame gabaasni KMNI mirkaneessee jira.

Namoonni miidhamanii fi buqqaatota 20,000 ol ta’an kanneen yeroo ammaa magaalaa Oboraatti qubatanii jiran “dhimma xiyyeeffannoo guddaa barbaadu” jedhe Komishinichi.

Komishinichi dhimmicha irratti jiraattota fi qondaaltota mootummaa waliin akka dubbate ibseera. Haleellaan kun kan raawwatame erga humnoonni nageenyaa mootummaa naannoo sanatti bobbaafaman gara naannoo biraatti geeffamanii booda. Akka Komishinichi jedhutti, Hagayya 29 miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo, mootummaan “Shanee” jechuun kan waamu, “magaalaa guddittii aanichaa Oboraa qabachuuf” yaalii godhaniin hawaasa Amaaraa keessaa namoota sadi ajjeefamuu isaanii hordofee Hagayya 30 fi 31 hidhattoonni aanaa Amuruu fi Ganda Haroo Addis Alam irraa, akkasumas aanaa ollaa naannoo Amaaraa, Buree jedhamu irraa walitti qabaman miseensoota hawaasa Oromoo aanaa Amuruu Agamsaa, Jog Migiir, Tam Ilaamuu, Jaboo Doban, Tombee Daangaabee, Jawaaj, Ginaaree, Laagee, Michaa, Luqumaa, fi gandoota ( xixiqqaa) Waalee keessatti jiraatan irratti haleellaa raawwatan. 

Adeemsa keessatti haleellaa guyyoota lamaan kana raawwatameen, “namoonni 60 ol ajjeefamaniiru” kan jedhe Komishinichi, jiraattota naannichaa fi qondaaltota mootummaa irraas “namoonni 70 ol miidhamuu isaanii”; qabeenyi fi loon jiraattotaas saamamuu hubachuu danda’uu ibse. “Gandoota haleellaan irra gahe keessaa ammallee bakkeewwan ammallee rakkoo guddaa itti jiru jiraachuu, akkasumas jiraattonni 20,000 ol ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’an magaalaa Oboraa keessatti haala rakkisaa keessa akka jiran jiraattonni ibsaniiru,” jedha KMNI.

Gabaasichi odeeffannoo namni haleellaa kana irraa lubbuun hafe yaada isaa Addis Standardiif kenne kan mirkaneesse yoo ta’u, eeruun Addis Standardiif laatame akkas jedha: “hidhattoonni loon 5000 ol saamaniiru. Waan jennu hin qabnu, manneen daldalaa, meeshaaleen manaa illee hin hafne, isaan [hidhattoonni] konkolaataa isaanii irratti fe’anii deeman.”

Dabalataan, Komishinichi akka odeeffannoo jiraattota irraa walitti qabeen balaan nageenyaa haleellaa kanaan dhufu furmaata akka hin arganne ibsuun “haleellaan walfakkaataan godina walfakkaatuu keessatti aanaalee Jaardagaa Jaartee, Kiiramuu fi Abee Dongoroo keessatti raawwatamuu danda’a jedhamee yaaddoon jira” jedhe.  

Komishinichi “naannoowwan haleellaan itti raawwatamanitti humnoonni nageenyaa mootummaa hatattamaan akka bobbaafaman” akkasumas jiraattota buqqa’an gara jireenya tasgabbaa’aatti deebisuuf nageenyi akka jiraatu fi “qorannoo sirrii ta’een itti gaafatamummaa akka mirkanaa’u” gaafateera.

Komishinara Olaanaa KMNI Dr. Daani’eel Baqqalaa, komishinichi haala jiru hordofuu akka itti fufu fi “haleellaa gaddisiisaa lammiilee nagaa irratti raawwatame akka isa yaaddese” dubbateera.

Kana malees, Daani’eel, mirgi lubbuu, nageenya fi mirgi lammiilee nagaa balaadhaaf akka hin saaxilamneef humnoonni nageenyaa naannoo sodaan nageenyaa jiru irraa yeroo kaafaman “of eeggannoo sirrii ta’e godhamuu akka qabu” akeekkachiiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.