Oduu: Ameerikaan “Eertiraan waraana Itoophiyaa keessa deebitee seenuu ishee” balaaleffatte

Finfinnee, Fulbaana 03/2022 – Ameerikaan wal waraansa Itoophiyaa akka haaraatti humnoota nageenya federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti Hagayya 24 jalqabee yeroo ammaa kana gara naannoo daangaa Itoophiyaan Sudaan waliin qabdutti babal’ate keessatti “Eertiraan deebitee seenuu ishee” balaaleeffatte.

Pirees Sekreetarii Kaariin Jiin-Piyeer ibsa Fulbaana 02 kenniteen akka jetteetti, “Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Pirezidaant Baayidan Ambaasaaddar Maayik Haamer, dhuma torban kanaa irraa eegalee rakkoo kaaba Itoophiyaa keessa jiru hiiku irratti bobba’uuf gara Itoophiyaa ni imalu. Qaamoleen hundi waraanaa dhaabuu fi marii nagaa irratti bobba’uu akka qaban ergamaan addaa Haamer ni dabarsa,” jette.

“Eertiraan waldhabdee keessa deebitee seenuu ishee balaaleffachuurra darbee,: Ameerikaan “haleellaa TPLF naannoo Tigraayiin alatti itti fufee jiru, akkasumas haleellaa qilleensaa mootummaan Itoophiyaa raawwate” balaaleffatteetti.

”Waldhabdee uumameef furmaata waraanaa hin jiru. Waraana akka haaraatti jalqabameen dura, ji’oota shaniif dhukaasa dhaabuu gargaarsa namoomaaf jedhame taasifame jajjabeessinee turre, amma immoo gargaarsa namoomaa itti fayyadama waraanaaf qabamuu isaatin baay’ee yaaddoo qabna,” kan jette Kaariin Jiin-Piyeer, “qaamoleen hundi of-danda’uu qabu. Akkasumas, keessumaa gargaarsa namoomaa fi tajaajilli bu’uuraa qaamolee rakkatan hundaaf kennamu deebi’ee akka jalqabamu qooda fudhattoota hundaa ni gaafanna,” jette.

Eertiraan waraana kana keessatti hirmaachuu ishee mormuun balaaleffannaa mootummaa Ameerikaa irraa ka’e, waraana akka haaraatti jalqabame kana booda bobba’uu ishee irratti hawaasa addunyaa irraa mirkaneessa jalqabaati.

Waraana Tigraay isa duraa keessatti qooda Eertiraan qabdu jalqaba haaluu fi gocha hammeenyaa garmalee humnoonni Eertiraa lammiilee nagaa irratti raawwatan akka “soba adii“ jechuun gabaafame booda, Caamsaa bara 2021 keessa Itoophiyaan gocha hammeenyaa lammiilee nagaa irratti raawwatame keessatti loltoonni Eertiraa hirmaachuu isaanii amantee, akkasumas Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (EHRC) mootummaatin deeggaramu dabalatee gabaasa kanaan dura dhaabbileen mirga namoomaa kennan, “naannoo Tigraay magaalaa Aksuum keessatti sarbiinsa mirga namoomaa hamaa fi haleellaa namoota nagaa irratti raawwatame” ifatti ibsuun mirkaneessaniiru.

Haa ta’u malee, Itoophiyaan Eertiraan waraana deebi’ee eegale keessa deebitee seenuu ishee haalteetti. Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Dr. Silashii Baqqalaa Fulbaana 02 CNN waliin haasaa taasiseen, “tasumaa miti” jedhe. Akkasumas “sanarratti odeeffannoo hin qabnu; miidiyaa hawaasaa irraa dhageenye” jechuun TPLF “amala Eertiraan gara waldhabdee keessa akka galtu harkisuu qaba” jechuun komateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.