Oduu: Itoophiyaan waamicha ogeeyyiin Mirgoota namoomaa dhiyeessaan angoo isaaniiti oli jechuun karaa walta’insaa akka cufu akeekkachiiste

Finfinnee, Fulbaana 9/2022- Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa “ibsa Komishiniin Ogeessota Mirga Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaarratti kenne nu mufachiise” jechuun “Itoophiyaa irratti Mana Maree Nageenyaa mootummoota gamtoomanii tarkaanfii  akka fudhatu waamicha dhiyeessuun aangoo isaanii miti” jechuun kuffiseera.

Itoophiyaan Komishinichi “dhiibbaa siyaasaaf mirga namoomaa meeshaa waraanaa godheera” jechuun himattee. Dabaluunis “akeeka isaa isa dhugaa saaxilee, carraa walta’insaa Mootummaa waliin qabu hunda cufee.” jette. 

Ibsi Ministeerichaa  miseensonni Komishinii Ogeessota Mirga Namoomaa Idil-addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii muudaman, Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii haala Itiyoophiyaa fi Gaanfa Afrikaa “haala hamaa jiru ilaalcha keessa galchuun” ajandaa isaa keessa akka turu gaafataniif deebii kennuuf ture.

“Komishinichi waldhabdee ABUT araara namoomaa cabsuun uumef hubannoo sirrii hin qabu. Komishinichi dhimmoota nagaa fi nageenyaaf balaa ta’an irratti aangoo ofii isaatiif kennuu hin danda’u,” jechuun Ministeerri kun waamicha Komishinichaa “Itiyoophiyaa irratti Manni Maree Nageenyaa mootummoota gamtoomanii tarkaanfii  akka fudhatu waamicha dhiyeessuun aangoo isaanii miti” jechuun kuffiseera.

Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa komishiinichi  “amala of eeggannoo hin qabne”  agarsiise jechuun himate “murtoon Komishinicha hundeessu, fi hojiiwwan Komishinichaa siyaasaan kan kakaafaman ta’uu Mootummaan dubbate ni mirkaneessa” jedhe. 

Ministeerichi “ibsa Komishinichi kenne osoo morminuu, Ministeerichi Mirgoota Namoomaa kabajuu fi kabajamuu isaa itti fufsiisuu akkasumas namoota sarban seeratti dhiyeessuuf waadaa Mootummaan Itoophiyaa gale irra deebi’ee ibsuu barbaada” jechuun xumure. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.