Safaricom bira darbee: Invastimantii Kallattii Biyya Alaa, Sabdaneesummaa, fi Murtii Dogoggoraa

Ayyalaa Galaan (PhD) @AyeleGelan  

Safaricom Finfinnee  gahee  osoo hin turin mormiin isa mudate. Hoggantoonni Safaricom garaagarummaa daldalaa Itoophiyaa fi Keeniyaa gidduu jiru waan hin hubanne fakkaata.

Dhaabbatichi bakka gabaa haaraa keessa qubachuuf hojii duraa irratti bobba’ee ture. Isaan keessaa hojjattoota biyya keessaa qacaruun gabaa guddaa Itoophiyaa tajaajiluu fi duula beeksisaa gaggeessuun dhufuu isaanii beeksisuun kan dabalatu ture.

Hojii lamaan kana  karaa  qoosaa ta’een raawwatan. Kun biyya akka Itoophiyaa kan hawaasni damee siyaasaa fi hawaasummaatiin karaa waldhabdee hedduu qabu keessatti balaadhaaf of qopheessudha.

Barruu kana keessatti taateen Safaricom fiixee rakkooti jedheen falma. Taatee Safaricom ibsuun jalqabeen booda gara dhimmoota imaammataa gadi fagoo dhaabbilee dhuunfaa, mootummaa, keessattuu kan Ethio-telecom ilaallatuttin ce’a.

Raafama Safaricom

Hoggantoonni Safaricom hojiiwwan duraa gama qacarrii fi adeemsa waliigalaa suuqii dhaabuutiin gaggeessuuf dhaabbilee daldalaa biyya keessaa irraa gargaarsa barbaadan fakkaata.

Qacarrii irratti akka gargaaru kan imaanaa itti kenname  adeemsa kana waan balaadhaaf saaxilee fakkaata. Hojjattoonni qacaraman irraa  loogii sirnaa mul’atee jira, kan isaa caalaatti mul’ate  Oromoonni ummata Itoophiyaa keessaa %40 ol ta’ee , hojjattoota haaraa Safaricom keessatti hin argamne jedhu yaada kennitoonni miidiyaa hawaasaa. Kunis hawaasa Oromoo keessatti miira loogii kakaasuun waan hin oolle.

Duulli hariiroo hawaasaa akkuma adeemsa qacarrii rakkisaa ta’uu mirkaneesse. Itoophiyaan biyya afaanonni hedduun itti  dubbatamu ta’uun ishee  beekamaadha, maqaa fi seeraan, Afaan Amaaraa afaan hojii Fedeeraalaati, garuu lammiileen Itoophiyaa baay’een Afaan Oromoo dubbatu.

Sababa kanaaf, dhaabbanni mootummaa biyya keessaa jiru kan yeroo dheeraaf tajaajila teelekoomii dhuunfatee ture, Ethio telecom, dhuma irratti heddummina afaanii hubatee tajaajila isaa tokko tokko Afaan Oromootiin kennuu eegale.

Haaluma kanaan, Safaricom, yoo xiqqaate, Ethio-telecom fakkeessuun meeshaalee beeksisaa isaanii keessatti Afaan Oromoo hammachuu danda’a  jedhamee eegamee ture. Haa ta’u malee Afaan Oromoo meeshaalee beeksisaa Safaricom’n hojjete kamiyyuu keessatti hin fayyadamne ture. 

Kanaafuu, meeshaalee beeksisaa hojjachuu keessatti of eeggannoo malee qacarrii fi filannoo afaanii walitti makuun kokteelii Molotov uumuudhaan xumurame.Hawaasni Oromoo dallansuun duula miidiyaa hawaasaa torban tokkoo oliif turu kan aktivistoonni miidiyaa hawaasaa Oromoo miseensonni hawaasa Oromoo tajaajila Safaricom akka ugguran jajjabeessuu jalqaban.

Dhuma irrattis Safaricom dhuguma akka isaan miila isaaniitti dhukaasan hubatan. Hagayya 16, 2022 dhaabbatichi tiwiitara isaa irratti akkas jechuun barreesse: “Bakka bu’oota duula miidiyaa hawaasaa dhiheenya kana gaggeeffame waliin wal argine, yaaddoo isaaniis dhaggeeffanneerra. Dhaabbata loogii tokko malee Itoophiyaa hunda bakka bu’u ijaaraa akka jirru fi yeroo fedhetti mariif qophii akka taanr mirkaneessina.”

Hubannoo fi Itti Gaafatamummaa

Safaricom gabaa telekoomii Itoophiyaa keessa seenuu isaa irraa barumsa argachuun ni danda’ama. Barumsi jalqabaa Safaricom mataa isaa ilaallata. Taateewwan uumaman irraa hubannoon jalqabaa jalqaba Safaricom komii ummataa dhaggeeffachuuf ariifataa ta’uu isaati. Rakkoolee hawaasa Oromoo dallansiisan yeroo isaa eeggatee sirreessanii booda hubannoo guddaa fi ittigaafatamummaa hawaasummaa dhaabbataatiin hojiilee gara fuula duraatti karoorfatu jedheen eega. 

Gareen lammaffaa taatee kanarraa barumsa argatan invastaroota biyya alaa biroo duraanuu Itoophiyaa keessa socho’aa turan, kanneen akka Safaricom haaraa dhufan ykn namoota Itoophiyaa keessatti invastimantii gochuuf yaadaa jirani.

Itoophiyaan waggoota kurnan darbaniif sochii hawaasummaatiin raafamtee jirti. Sababni sochii kanaaf bu’uuraa kan  ta’e jal’ina diinagdeeti, kunis gaaffii siyaasaa wajjin kan walqabate yoo ta’u, gartokkoon isaa akkaataa invastimantii kallatti biyya alaa affeeramee booda biyyattii keessatti akka socho’u hayyamame irraa kan maddedha.

Fakkeenyaaf, mormiin Oromoo , kan bara 2018tti mootummaan Adda Dimookiraatawaa Warraaqsa Ummata Itoophiyaatiin (ADWUI) aangoorraa buqqisuun xumurame, bu’uuraan mormii kana kan bobeesse qonnaan bultoota Oromoo kuma dhibbaan lakkaa’aman lafa abbootii isaanii Finfinnee fi naannoo ishee irraa buqqisuuf karoora ba’e ture.

Adeemsa sochii hawaasummaa kana keessatti dhaabbileen biyya alaa  gaariin miidhamaniiruu. Kunis kan ta’e invastaroota biyya alaa invastimantii irraa abdii kutachuu fi xiyyeeffannoo dhabuun isaaniitiin alatti, sababa hariiroo waldhabdee hawaasa biyya keessaa fi dhaabbilee gidduu jiruuni.

Oromoon fi hawaasni sabaa fi sablammoota Itoophiyaa hafan jal’inaafi faayidaa irraa dhiibamuu  waliin walqabatu irratti miira olaanaa qabu. Dhaabbileen biyya alaa waldanda’uu hawaasaa qofa osoo hin taane dantaa ofii isaaniif haala lafarra jiru dagatanii dammaqinaan socho’uu hin qaban.

Itti gaafatammummaan  hawaasa dhaabbilee  Itoophiyaaf haala qabatamaa (contextualize) gochuun barbaachisaadha.  Invastaroota biyya alaa waldhabdee hawaasa gidduutti duraan jiru hammeessuurra rakkoolee salphisuuf gumaachuuf itti gaafatamummaa qabu.

Riifoormii Diinagdee

Taateen Safariikoom kun akkaataa Itoophiyaan dhaabbilee mootummaa dhuunfaatti dabarsuuf  yaadamee hojiitti hiikuu ilaaluuf carraa nuuf kenna. Mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee mootummaa muraasa gara dhuunfaatti dabarsuu yeroo labsu, dhaabbilee mootummaa dhuunfaatti dabarsuu waliin walqabatee murtii ragaa irratti hundaa’e kennamuu dhabuu ilaalchisee yaada kennitoonni hedduun yaaddoo qaban ibsaniiru.

Dhimma kana irratti karaa fuulduraa ibsuuf yaaluun  walduraa duubaan barruulee barreesseen ture. Tokkoon tokkoon isaanii tarkaanfiiwwan dhuunfaatti dabarsuu ilaalchisee yaaddoo jiru kaasuuf hordofaman, fakkeenyota barbaachisoo lama kennu: 

  1. Itoophiyaaf Riifoormii Diinagdee Ragaa Irratti Hundaa’etu Barbaachisa (Addis Fortune, Onkoloolessa 05, 2019) haala qabatamaa lafarra jiruun imaammata hundee gochuun baay’ee barbaachisaa ta’uu irratti hubannoo uumuuf yaadamee ture.
  2. Barreeffama biraatiin, Riifoormii Diinagdee Itoophiyaa ‘Homegrown’: Yaada Boodaa (Addis Fortune, Onkoloolessa 12, 2019) jedhu keessatti, dhiibbaa dhaabbilee biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu irraa dhufu caalaa yaadni ummata biyya keessaa dursi kennamuufii akka qabu ibseera.

Yeroo sanatti murtii dhaabbilee mootummaa dhuunfaatti dabarsuu irratti dhiibbaa ummanni dabalaa dhufeef deebii kennuudhaan aangawoonni ejjennoo isaanii irra deebi’anii akka ilaalan abdiin qaba ture. Ariitiin gara dhuunfaatti dabarsuu sodaachisaa ture, sababiin isaas, yeroo tokko tokko, gochaa waan hin badin sirreessuu kan mul’ise inni guddaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ture.

Yeroon akkuma darbaa deemuun garuu, fedhiin dhuunfaatti dabarsuu kan hin dhaabbanne ta’uun isaa ifa ta’aa dhufeera, kunis adda durummaan abdii kutannaa bulchiinsi haaraan maallaqa alaa  jabaa  argachuuf qabu irraa kan ka’e ture.

Qabee Dhangalaasu 

Sharafa alaa argachuuf jecha dhaabbilee mootummaa biyya alaatti gurguruun bu’aa yeroo gabaabaaf jecha dhukkubbii yeroo dheeraa daldaluu akka ta’e ifa ture. Damissee Girmaa, Piroofeesara Injinariingii Telekoomii muuxannoo waggoota kurnaniif qaban, yaada barbaachisoo ta’an walitti fidanii gabaabsuun kitaaba ‘Plugging the Leaky Bucket: A Technologist’s View of Ethio Telecom’s Proposed Privatization’ jedhu keessatti dhiyeessan.

Fakkeenyaaf, Safaricom jalqabarratti kaffaltii Doolaara Ameerikaa miiliyoona 850 raawwachuun gabaa telekoomii Itoophiyaa seene. Haa ta’u malee, Saafariikoom waggoota kurnan dhufaniif Itoophiyaatti hojjetee galii birriin argachuun booda bu’aa isaa doolaaraan dhaabbata  Keeniyaa jirutti dabarsuun qaama waliigalteeti.

Waggoota muraasa qofa keessatti Safaricom kaffaltii jalqabaa caalaa ergama, akkasumas dhangala’iinsi waliigalaa maallaqni gara biyya alaatti  ergamu kaffaltii jalqaba irratti kaffalame caalaa baay’ee guddaa ta’a. Kanaafi hayyoonni hubannoo qaban haala kana ‘dhukkubbii yeroo dheeraa bu’aa yeroo gabaabaaf’ jedhanii kan moggaasan.

Fiigicha Farda Lamaa?

Telekoomiin Itoophiyaa hanga ammaatti dhabbilee ummataan kan dhuunfatame ta’ee jira. Gabaa guddaa Itoophiyaa keessatti kenniinsa tajaajilaa guutuu kan hojjetu dhaabbata mootummaa Ethio telecom jedhamu qofa. Sababni Ethio telecom dhuunfaatti dabarsuu sharafa alaa argachuuf osoo hin taane dhuunfatamuu tajaajilaa guddaa ta’e diiguuf ta’uu qaba ture.

Mootummaan dhuunfatamuu cabsuun tajaajila fooyyessuu, baasii hir’isuu, fi faayidaa taarifa hir’isuun argamu maatii jiraattotaa fi dhaabbilee daldalaaf dabarsuudhaan bu’aa gahumsaa fiduun isaa waan hin oolle; dhumarratti walgargaarsa hawaasummaa fooyyessa.

Bakka biraattis karaalee telekoomii Itiyoo caccabsuun gabaa telekoomii Itoophiyaa keessatti dorgommii akka seenan yaada dhiyeesseen jira. Mootummaa  karaa dhuunfachiisuun cabsuun bu’uuraan kan barbaachisu dhaabbileen hedduun gabaa seenanii wal dorgomanii maamiltoota tajaajila fooyya’aa ta’een akka hawwataniifi.

Adeemsi Ethio-telecom dhuunfaatti dabarsuu Safaricom jalqabuu qofaan yoo xumurame, sana booda too’annoo dhaabbata tokkoo irraa gara dhaabbilee muraarasatti, qophii dhaabbileen lama qofti gabaa qooddatanitti ce’uu ta’a. Gabaa akkasii keessatti dhaabbileen taarifa murteessuuf waliigaltee irra gahuun isaanii waan hin oolledha.

Taariifa sirreessuuf Safaricom fi Ethio telecom wal-gahii ykn bobba’iinsa sirnaa biroo gaggeessuu hin qaban dorgommii akka hin uumamneef. Dhaabbileen kunneen callisanii walii galuu danda’u, walhubannoo irra ga’uudhaan fi taarifa hir’isuu dhiisuun dhaabbataaf faayidaa akka qabu wal hubachuudhaan.

Gabaa telekoomii Itoophiyaa keessatti haala dorgommii fardaa lamaa akka hin uumamneef aangawoonni Itoophiyaa saffisaan socho’uu qabu. Fakkeenyaaf, lakkoofsi opereetota Keeniyaa shan, Taanzaaniyaa  saddeet, Yugaandaa soddomii shan, Ruwaandaa keessatti ammoo lama. Itoophiyaan tokkoon tokkoon biyyoota kanaa caalaa opereetota kennaman baay’inaan barbaachisa, kunis Itoophiyaan biyyoota Baha Afrikaa kunneen dachaa sadii hanga afuriin caalti, teessuma lafaa fi baay’ina uummataatin.

Baankota Dhuunfaa Fakkeessuu

Taateen Safaricom mootummaa Itoophiyaaf akka dammaqiinsaatti tajaajiluu mala. Duraa fi hunda dura, aangawoonni carraa daldalaa biyyattii keessa jiran hundaaf invastaroota biyya alaa barbaaduuf waadaa garmalee hinaaffaa qaban to’achuu qabu. Invastaroota  biyya alaa affeeruun barbaachisaadha, abbootiin qabeenyaa biyya keessaa carraa jirutti fayyadamuu danda’an akka hin jirre erga mirkaneessanii booda qofa.

Itoophiyaan injinarootaa fi hoggantoota daldalaa gahumsa qaban biyya keessaa fi alaa, addunyaa guutuutti faca’anii, haala diinummaa biyya keessaa waggoota kurnan darban keessa ture irraa baqatan baay’inaan qabdi.

Ethio telecom waggoota kurnan hedduudhaaf lammiilee Itoophiyaan gaggeeffamaa tureera. Akka yaada kiyyaatti mootummaan baankota dhuunfata jiran fakkeessuun fi gabaa telekoomii Itoophiyaa dhaabbilee biyya keessa dorgommiitti galchuu danda’a.

Waggoota kurnan darban keessatti imaammata diinagdee mootummaa ADWUI qeeqa bal’inaan barreesseen jira. Haa ta’u malee, damee baankii keessatti eegumsa gabaa biyya keessaa ilaalchisee mootummaan ADWUI imaammata galateeffamuu qabu hordofuu isaa amanuu qaba.

Abbummaan baankota dhuunfaa daldala biyya keessaaf qofa kennameera. Haa ta’u malee, ani nan falma, ADWUI waan sirrii hojjete tarii sababa dogoggoraatiin ta’uu danda’a. Daldala michuu isaanii fi dhaaba waliin hidhata qabaniif liqii baankii mirga argachuu barbaadan, liqiin akka barbaadanitti akka haqamu qajeelfama kennaniiru.

Kaka’umsa hamaa cinaatti dhiifnee, damee faayinaansii abbootii qabeenyaa biyya keessaaf qabachuun murtoo sirrii ture. Dhaabbilee biyyoota hedduu irraa dhiibbaan guddaan jiraatus imaammata kana irratti cichuudhaaf waadaa galuun tattaaffii ija jabinaan ADWUI galatni isaaf mala ture.

Sababa kanaaf, baankonni dhuunfaa dagaagee, dameen isaaniis guutummaa Itoophiyaa keessatti baay’achaa dhufan. Baankonni dhuunfaa Itoophiyaa loogii baankota mootummaa irratti isaan mudatee fi gabaa isaanii babal’isuu irraa uggura hedduu isaan irratti kaa’ame dabalatee rakkoo hunda duratti milkaa’aniiru.

Hanga ammaatti  imaammattoota baankii Itoophiyaa keessa jiran irraa barumsi inni guddaan sakatta’uu fi madaaluu isaan   hawaasa Itoophiyaa keessatti “kalaqan” ta’uu isaati. Hawaasni Itoophiyaa garaagarummaa olaanaa qaba. Haala akkasii keessatti miirrii kan ofii ta’uu gahee murteessaa qaba. Fakkeenyaaf baankonni jiran akka dhaabbilee aksiyoonaatti hundeeffamanii jalqaba irratti hawaasa adda addaatiin ijaaramaniiru.

Baankonni dhuunfaa Itoophiyaa yaada kennitoonni irra caalaan isaanii dogoggora ta’uu isaanii mirkaneessaniiru, kunis hawaasa hunda tajaajiluu fi walitti hidhamiinsa hawaasaa guddisuu isaaniitiin hubannoo mootummaa ykn dhuunfaa biyyattii keessatti argaman kamiyyuu caalaa.

Namoonni damee baankii naannoo isaaniitti dhihoo jiranitti herrega banan, maqaa ykn ka’umsa baankotaa gonkumaa hin dhiphisan. Dabalataanis, baankonni irra caalaan isaanii magaalotaa fi magaalota Itoophiyaa irra caalaan isaanii keessatti damee kan banan yoo ta’u, fakkeenyaaf, Baankiin Awaash Baahir Daarii fi Mekele keessatti argaman qabu ture.

Hojimaata daldalaa bu’uuraa akkasiitiin ijaarsi biyyaa Itoophiyaa kan tarkaanfatudha. Yoo opereetoroonni telekoomii kana hordofan, sana booda walitti hidhamiinsa hawaasaa guddisuuf dameen biraa ni dhufa jechuudha.

Gabaabumatti

Taatee Safariikoom hawaasa Itoophiyaa sadarkaa hedduutti mul’ise. Fakkeenyaaf, yeroo baay’ee dhaabbileen biyya alaa garee tokko garee biraa irratti akka meeshaatti itti fayyadamaa turaniiru.

Bara ADWUI qonnaan bultoonni Oromoo miliyoonaan lakkaa’aman lafa abbootii isaanii irraa buqqifamanii lafa qonnaa lalisaa warra daraaraa, akkasumas misoomsitoota qabeenyaaf dhiyeessuuf ture. Yeroo kana Safariikoom dogoggorfamee Oromoo dhiibe.

Siyaasa cinaatti dhiifnee, Safarikoom seenuun gabaa telekoomii Itoophiyaatti dorgommii fiduuf eessayyuu hin dhihaatu. Itoophiyaan yoo xiqqaate dhaabbilee telekoomii sadii dabalataan barbaaddi.

Mootummaan dhaabbata telekoomii biyya alaa kan biraa qacaruu irraa akka of qusatu cimsee gaafadha. Bu’aa yeroo gabaabaa dhukkubbii yeroo dheeraa fiduu danda’uudha.

Dhimmoonni dirqisiisoo ta’an jiru dhaabbilee biyya alaatif qooda dhiyeessuun hubannoo fi faayidaa kan qabu ta’a. Kunis kan barbaachisu yeroo daldalli sun dandeettii teeknooloojii abbootii qabeenyaa biyya keessaa bira ga’uu danda’u barbaadu yoo ta’u, telekoomii garuu isaan keessaa tokko miti.

Kan hin haalamne, dhaabbati biyya alaa teknooloojiin guddate tokko kaappitaala veenturee fi akka monopolii qajeelfama qabuutti mootummaa ykn dhaabbata biyya keessaa waliin ta’uun bu’uuraalee telekoomii dhaabuu fi kunuunsuuf akka hojjetu hayyamamuu qaba, fkn. Safariikoomii Ethio telecom waliin.

Dhaabbileen hafan tajaajila kennitoota ta’uun, sochoositoota bu’uuraalee misoomaaf kiraa manaa argachuu fi kaffalan ta’a. Tajaajila telekoomii jechuunis SIM kaardii fi sa’aatii qilleensaaf mootummaan abbootii qabeenyaa biyya keessaa dhaabbilee telekoomii haaraa hundeessuun of gidduutti akkasumas opereetota jiran waliin akka dorgoman dursa kennuu qaba.

Kanaafis mootummaan damee telekoomii akkaataa abbummaa fi hojimaata hojii baankota dhuunfaa Itoophiyaa jiran hundeessuun to’achuu keessatti hordofamu hordofuun moodeela gochuu qaba. AS

Ayyalaa Galaan (Ph.D.) ogeessa dinagdee qorannoo Inistiitiyuutii Saayinsii Kuweet (KISR) keessatti hojjattu. Itoophiyaa, Kuweet fi Iskootilaandirratti moodeela diinagdee fi hojmaata irratti  qo’ata,  ilaalcha isaas ni qooda. @AyeleGelan Tiwiitara isaa irrattis ni barreessa. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.