Oduu: Mootummaa Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa, Gamtaa Afrikaa fi UN murtoo naannoon Tigraay marii nagaa Gamtaa Afriikaan durfamu fudhachuuf dabarse simatan

Finfinnee, Fulbaana 13/2022 – Mootummaan Ameerikaa, mootummaan naannoo Tigraay adeemsa nagaa Gamtaa Afrikaan durfamu fi “giddu-galeessitoota waliif fudhatama qabaniin” gaggeeffamu fudhachuuf ibse akka gaariitti simachuun, “hatattamaan labsii dhukaasa dhaabuu akka labsamu” akka eegu ibseera.

Mootummaan naannichaa gorsaa preezdaantii naannoo Tigraay kan ta’e Geetaachoo Raddaa fi hogganaa Olaanaa Raayyaa Ittisa Itoophiyaa duraanii Letenaal Janaraal Tsaadiqaan Gabratinsaa’e mootummaa naannichaa bakka bu’uun marii nagaa irratti akka hirmaatan filachuu beeksiseera.

Dilbata, Fulbaana 11 Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, fi Gamtaan Awurooppaa, biyyoota fi dhaabbilee biroo dabalatee, ibsa mootummaan naannoo Tigraay Fulbaana 11 baaseen ejjennoo isaa ”adeemsa nagaa cimaa gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamu” fudhachu isaa beeksise akka gaariitti fudhachuu beeksisaniiru.

Akka Rooyitars gabaasetti, Waayit Haawus ibsa Wiixata baaseen humnoonni naannoo Tigraay kaaba Itoophiyaa keessa jiran adeemsa nageenyaa Gamtaa Afriikaan durfamu ni fudhanna jechuun ibsa kennan ”simmachuu” ibseera.

“Yeroon kun garee lamaaniifuu yeroo murteessaa waraana dhaabanii gara marii nageenyaatti deebi’aniiti” kan jette dubbii himtuun Waayit Haawusii Kaarin Jiin Peer, Itoophiyaan “yeroo kanatti nagaa fiduutti carraa kennu qabdi” akkasumas “Eertiraa fi kanneen biroo waraana keessaa bahu qabu” jette.

Kanaan dura mootummaan federaalaa fi naannoon Tigraay dhimma marii nageenyaa irratti gahee Gamtaan Afrikaa qabu irratti garaagarummaa agarsiisanii turan. Mootummaan federaalaa mariin nageenyaa kamuu giddu galeessummaa Gamtaa Afrikaatin qofa akka gaggeeffamu ibse ture, mootummaan naannoo Tigraay gama isaatiin giddu galeessummaa gamtichaa akka hin fudhanne ibsaa ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.