Oduu: Haleellaan qilleensaa Maqaleetti raawwatame “abdii nageenyaa dadhaboo ta’e” balaaf saaxilaa, Eertiraan tattaaffii nagaa Itoophiyaa keessatti taasifamu “gufachiisuu” itti fufteetti: Gamtaa Awurooppaa

Finfinnee, Fulbaana 15/2022 – Gamtaan Awurooppaa (EU) ibsa kaleessa galgala baaseen, “haleellaan qilleensaa diroonii lamaan Fulbaana 14 magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqalee rukute ammas abdii Itoophiyaa keessatti nagaa buusuuf baay’ee dadhaboo ta’e balaadhaaf saaxiluu isaatin” akka gadde ibse.

Ibsi Gamtaan Awurooppaa baase kun Roobii, Fulbaana 14 ganama magaalaa Maqalleetti naannoo Dagim Amsaal jedhamutti haleellaa qilleensaa raawwatamu isaa hordofeeti. Haleellaa qilleensaa diroonii lama raawwatameen lammiilee nagaa 10 ajjeesuu fi kanneen biroo 14 madaa’uu isaanii Daarektarri Olaanaa Hospitaala Waliigalaa Aydar fi Gargaaraa Pirofeesara Baqaqsanii Hodhuu Yuunivarsiitii Maqalee Kibroom Gabrasillaasee beeksiseera.

Haleellaa qilleensaa walfakkaataa Kibxata darbe raawwatameen sarara tamsaasa buufata TV Dimtsi Wayyaanee miidhamuu dhaabbatichi beeksiseera. Kana malees, miidhaa irra gaheen tamsaasa idilee isaa addaan kutuun gara istuudiyoo yerootti akka jijjiiramus akka dirqisiise ibseera. Akkasumas haleellaa qilleensaa kan biraan Yuunivarsitii Maqalee mooraa Addi-Haaqii irratti miidhaa geessisuusaa Yuunivarsitichi beeksiseera. Mootummaan federaalaa haleellaa qilleensaa diroonii lamaan ilaalchisee hanga ammaatti yaada hin kennine.

Gamtaan Awurooppaa dabalataan “erga lolli haaromfamee as gargaarsa namoomaa ugguramuun lubbuu, diinagdee fi misooma biyyattii irratti miidhaa hamaa fi baasii guddaa ta’e irratti dabalata ta’eera. Gaheen Eertiraa, tattaaffii Itoophiyaan gara nageenyaatti deebi’uuf taasisaa jirtu gufachiisuu itti fufee jira,” jedhe.

Gamtaan Awurooppaa, Gamtaa Afrikaa fi mootummaa Ameerikaa waliin ta’uun ibsa mootummaan naannoo Tigraay Fulbaana 11 baaseen ejjennoo isaa ”adeemsa nagaa cimaa gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamu fudhachuu isaa” fi “adeemsa gaarii uumuuf waliigaltee dhukaasa dhaabuu atattamaa irratti waliigaluuf qophii akka ta’e” beeksisuu isaa akka gaariitti fudhachuu beeksise ture.

Ibsichi “waraana dhaabuu, waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhaabbataa irratti mari’atame irra ga’uu fi kallattiin marii irratti bobba’uuf carraa banuu qaba ture,” kan jedhe Gamtaan Awurooppaa, “mariin nagaa karaa tokkicha qofa. Bara haaraa Itoophiyaa bara nagaa taasisuu irratti yeroon tokkollee baduu hin qabu,” jedhe.

Kana malees, ibsichi aanga’oonni federaalaas ta’e kan Tigraay “carraa kana hatattamaan fayyadamuun waraana dhaabuu fi waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhaabbataa buusuu irratti waliigaluu akka qaban” jajjabeessa jechuun, ammas, “adeemsa Gamtaa Afrikaatin durfamu akka deeggaruu fi michuuwwan idil addunyaa waliin ta’uun dammaqinaan irratti bobba’uuf qophii ta’uu” waadaa galeera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.