Oduu: Zaambiyaan godaantota Itoophiyaa 44 biyyaa baafte; godaanaan tokko buufata xiyyaaraatti du’e

Finfinnee, Fulbaana 15/2022 – Waajjira Godaansa Zaambiyaa godaantoota al idilee 44 gara Itoophiyaatti ari’uu isaa dubbi himaan waajjirichaa miidiyaa Zaambiyaatti himeera. Itti gaafatamaan Hariiroo Hawaasaa Kutaa Immigireeshinii, Naamaatii Nshinka, gareen kun xiyyaara yaabbachuuf qophaa’aa osoo jiranii godaantota keessaa tokko kaleessa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Keneet Kaawudaa keessatti du’uu himeera. Oduun kun maqaa nama du’e hin ibsine.

Miidiyaan Zaambiyaa dubbi himaa kana wabeeffachuun akka jedheitti, dargaggeessi lammii Itoophiyaa ganna 20 kun erga kufe booda ogeessota fayyaa buufata xiyyaaraatti teessoo godhataniin du’uu isaa ibsame. ”Sababni du’aa ammatti hin beekamu. Kanneen hafan 43 ammoo milkaa’inaan biyyattii keessaa baafamaniiru,” jedhe Naamaatiin.

Akka inni jedhetti, biyyaa ari’amuun kun lakkoofsi lammiilee Itoophiyaa bara kana qofa Fulbaan 08 hanga 12 gidduutti Zaambiyaa keessaa baafaman 107 geessiseera.

Naamaatiin godaantonni al idilee jireenya fooyya’aa barbaacha daldaltoota namaa fi kontirobaandistootaan gargaaramuun biyyoota gaanfa Afrikaa irraa dhufan imala balaa geessisuu itti fufu isaaniin yaaddoo qabu ibseera.

Ji’a Waxabajjii bara kanaa keessa godaantonni Itoophiyaa 500 ol ta’an kanneen Maalaawwii keessatti ukkaamfaman gara biyya isaaniitti deebi’uuf fedhii qaban ibsuun, ragaawwan imala isaanii aangawoota Itoophiyaatiin akka kennameef ibsameera.

Dhaabbatni Godaansa Idil addunyaa (IOM) akka jedhetti, Maalaawwiin biyya qaxxaamuraa daandii lafoo gara Afrikaa Kibbaatti geessu irratti argamtu yoo taatu, ‘Daandii Kibbaa’ jedhamuunis beekamti. Daandiin kun irra caalaa godaantota al idilee Itoophiyaa fi Somaaliyaa irraa dhufan carraa diinagdee barbaacha hanga Keep Taawunitti qaxxaamuruuf kan itti fayyadaman ta’uu ibsameera. Kanarraa ka’uun Afrikaa Kibbaa osoo hin seeniin dura Taanzaaniyaa, Maalaawwii, Zaambiyaa, Zimbaabuwee ykn Moozaambiik keessa imaluu qabu.

Godaantonni kunneen yeroo baay’ee biyyoota qaxxaamuraa keessattis ta’e bakka itti deemanitti dararaa fi miidhaaf saaxilamu jedha IOM.

Bara 2015, Poolisiin Zaambiyaa Serenje keessatti konkolaataa fe’umsaa godaantota al idilee Itoophiyaa 100 boorsaa naannichatti ‘kapenta’ jedhamuun beekamu duuba dhoksuun fe’ee ture to’atee ture. Konkolaataan fe’umsaa kun to’annoo jala kan oole bakka sakatta’iinsa poolisii Kaanonaa jedhamutti yoo ta’u, Naakondee irraa gara bakka hin beekamnetti imalaa ture.

Bara 2017 keessatti Zaambiyaan godaantota Itoophiyaa umuriin isaanii waggaa 15 hanga 38 lakkoofsaan 150 ta’an erga dhiifama pirezidaantii argataniin booda hidhaatti tursiifamanii turan gadhiiftee turte. Godaantonni kunneen Zaambiyaa keessatti waggaa tokkoo hanga shanitti hidhamanii kan turan yoo ta’u, manneen hidhaa biyyattii keessatti hidhaa adabbii godaansaan walqabatan adda addaa dabarsaa akka turan miidiyaaleen Zaambiyaa gabaasaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.