Oduu: Mirgi sochii namoota naannoo Tigraay irraa buqqa’anii Awaash Torbatti qabamanii dafee kabajamuufi qaba- KMNI

Finfinnee, Fulbaana 19/2022- Haalli mirga namoomaa buqqaatota naannoo Tigraay fi naannoo Amaaraa Tigraay daangessan irraa buqqa’anii  buufata buqqaatotaa Jaarree Walloo Kibbaa irraa gara Giddugala Leenjii Poolisii Federaalaa Awaash Torba geeffaman deebii hatattamaa kan barbaadu ta’uu Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa dheengadda baaseen beeksise. Kana malees Mirgi sochii namoota buqqa’anii Awaash Torbatti hidhamanii dafee kabajamuufi qaba jedhe.  

Komishinichi Caamsaa bara 2014 irraa eegalee haala buqqaatota buufata Jaarree keessa turanii gamaaggamee jira. Ergasii hordoffii gochaa kan ture yoo ta’u, buufata kana keessatti namoota gara 2,800 ta’an kanneen irra caalaan isaanii dhalattoota Tigraay ta’anii fi magaalota giddu-galeessa Tigraay Maqalee, Addigiraat, Axum, Shiree fi naannawaa irraa buqqa’an ta’uu eera ibsi komishiinichaa. 

Buqqaatonni kunneen gara buufata Jaarree yeroo seenan “hanga haalli nageenyaa qoratamutti ni turtu” jedhamaniiti. Haa ta’u malee haala garmalee rakkisaa, hidhaa wajjin wal fakkaatu, deeggarsa namoomaa gahaa malee, qorannoo malee, maatii isaanii  osoo hin qunnamin akka tursiifaman mirkaneesseera jedhe KMNI. 

Ogeeyyiin Komishinii Bulchiinsa Sodaa Balaa Federaalaa, kanneen qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif deeggarsa namoomaa nyaataa fi nyaataan ala ta’e kennuuf yaalaa ture, dhiibbaa humnoota nageenyaa fi hidhattoota naannoo sanaa irraa kan ka’e hojii isaanii dhaabuuf akka dirqaman hubatameera jedha ibsi komishiinichaa. 

Komishiinichi haala mirgoota namoomaa sodaachisaa buufata Jaarree keessa ture  erga hordofee booda,  rakkoowwan jiran dhaabbilee mootummaa Federaalaa fi naannoo dhimmi ilaallatuuf ibsuun, namoonni buqqa’an bu’uura seeraatiin waan hin qabamneef mirga socho’uu isaaniif wabii ta’uu akka qabu ibseera. Kana malees namoota buqqaatota keessaa  sodaa nageenyaa ta’u jedhamanii shakkaman hojiin namoota adda baasuu, qorachuu fi akkaataa seeraatiin itti gaafatamu karaa ifaafi seera qabeessa ta’een akka hojjetamu gaafachaa tureera.

Haata’u malee, haala buqqaatotaa irratti fooyya’iinsi qabatamaan osoo hin dhufin , tibbana waraanni Kaaba Itoophiyaatti deebi’ee ka’uu hordofuun, buqqaatota mooraa buufata Jaarree keessa turan gara Inistitiyuutii Leenjii Poolisii Federaalaa bara Awaash Torbatti jijjiiramuu isaanii mirkanaa’u eera ibsichi. 

Dhaabbileen nageenyaa hanga yeroo ibsi kun bahutti daawwannaa kanaaf hayyamuu diduu isaanii irraa kan ka’e namoota buqqa’an daawwachuu fi haala yeroo isaanii hordofuuf sochiin ture akka hin milkoofne komishinichi ibseera. 

Komishinarri Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Dr. Daani’eel  “Buqqaatonni Giddugala Leenjii Poolisii Federaalaa Awaash Torba keessa jiran  naannoo Tigraay irraa dhufan qofa irratti hundaa’uun yeroo dheeraaf bilisummaa sochii isaanii mulqamuun qajeefamoota  barbaachisummaa, sababa qabachuu kan faallessu ” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.