Oduu: Itoophiyaatti Namoonni Miliyoona 7 ol Ta’an Sababa Hongeetin Hanqina Nyaataaf Saaxilamaniiru – OCHA

Suuraa: UNICEF/Mulugeeta Ayeene

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Adoolessa 25/2022 – Gaanfa Afrikaatti hongee Onkololeessa 2020 eegaleen yoo xinnaate namoota miliyoona 19.4 miidhamaniiru. Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaatti namoota miliyoona 18.6 hanqina wabii nyaataa hamaa fi hanqina nyaataa isaan mudateera. Kunis hanga Fulbaanatti miiliyoona 20 gahuu danda’a jedhameera.  Akka gabaasa dhaabbatichi baaseen Itoophiyaa keessatti qofa namoonni gara miliyoona 7.4tti dhiyaatan sababa hongeetin hanqina nyaataaf saaxilamaniiru jedhe UNOCHA’n.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Waajjirri Qindeessaa Gargaarsa Namoomaa (OCHA) gabaasa Adoolessa 25,2022 baaseen Gaanfa Afrikaan hongee hamaa waggoota 40 keessatti mul’ate hin beekneen miidhamaa jira jedhe. Bakkeewwan muraasa Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaatti haala waggoota afurtama darban keessatti mudate hin beekneen waqtii gannaa walitti aanan afuriif osoo hin roobiin darbu isaatiin kan ka’e namootni hedduu beelaaf saaxilamaniiru jedhe.  

Gaanfa Afrikaatti erga Onkololeessa 2020 eegalee yoo xinnaate horii maatiin horsiisee bultoota nyaataa fi jireenyaaf itti hirkatan miiliyoona 7 du’aniiru. Kibba fi Kibba bahaa Itoophiyaa keessatti qofa horiin miiliyoona 2.1 hanga 2.5 ta’an du’aniiru. Sababa kanaan daa’immaan aannan isaan barbaachisu hin argatan. Itoophiyaa dabalatee biyyoota sadan kana keessatti hanqina nyaataa dabalaa jira jedhe, OCHA. Akka UNICEF beeksisetti, daa’imman miiliyoona 7.1 ol hanqina nyaata madaalawaa kan isaan mudate yoo ta’u, isaan keessa kanneen miiliyoona 2 ta’an hanqina nyaata madaalawaa hamaaf saaxilamaniiru.  

Namoonni miiliyoona 11.6 ol bishaan qulqulluu dhugaatiif, nyaata bilcheeffachuufi qulqullinaaf ooluu hin argatan kan jedhe OCHAn, carraa dhibeewwan bishaan irraa dhufaniif saaxilamu dabalaa akka jiru ibseera. Hir’ina bishaan yeroo ammaa kana mudachaa jiru sababa ho’aan hammaachaa akka jiru kan ibsame yoo ta’u, kunis hanga Fulbaana 2022 akka itti fufu raagameera.  

Kana malees, bakkeewwan hongeen miidhaman baay’eetti sababa oomisha gadi aanaa fi qaala’insa gatii sadarkaa idil addunyaatti mudateen gatiin nyaataa dabalaa jira jedhe, OCHA. Balaa lolaa, walitti bu’iinsa COVID-19 fi weerara hoomaa awwaannisa hawaasa Itoophiyaa dabalatee naannoo kana jiran akka miidhe ibsameera. AS  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.