Oduu: Hidhattootni Al-Shabaab karaa Godina Afdeeraan seenan humnoota naannichaatin “guutummaatti barbadeeffamaniiru” – Naannoo Somaalee

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Adoolessa 25/2022 – Manni Maree Nageenyaa Naannoo Somaalee ibsa Dilbata darbe baaseen, Adoolessa 20 hidhattootni Al-Shabaab bakka Aatoo jedhamu kan biyya Somaaliyaa keessa argamu irraa karaa Godina Afdeeraatin gara naannoo Somaalee akka seenan beeksiseera.

“Hidhattootni Al-Shabaab guyyaa afur dura bakka ‘Aatoo’ jedhamu irraa gara naannoo Somaalee, Godina Afdeeraa seenan ganda Hulhul jedhamutti marfamee guutummaa guutuutti barbadeeffameera,” jedha ibsi bahe kun. 

Duula guyyaa sadiif tureen hidhattootni Al-Shabaab 100 ol ta’an akka ajjeefaman kan ibse manni marichi “konkolaattonni 13 kan gubatan yoo ta’u, meeshaa waraanaa fi wantoota fidanii dhufan irraa fudhatameera” jedhe.  

Boodarra, Pirezdaantiin Naannoo Somaalee Musxafee Umar, suuraa humnoota addaa naannichaa waliin ka’an barreeffama “gootota godina Afdeeraa bakka Huluul jedhamutti Al-Shabaab dhabamsiisan waliin laaqana hirmaadhe” jedhu waliin marsaa Twiitara isaa irratti maxxanseera.  

Ibsichi miidhaa gama humnoota nageenyaa naannoo Somaalee irra gahe ilaalchisee kan hin kaasne yoo ta’u, “hidhattootni Al-Shabaab kun aanaa Elekeree (godina Afdeeraa keessatti kan argamu) darbuun gara naannoo Oromiyaa seenuun garee shororkeessaa Shanee waliin walqunnamuuf kaayyeeffatanii ture” jedhe.  

Manni marichi, uummatni Somaalee nyaata, horii, dhugaatii, uffata fi dhiiga arjoomuun humna addaa naannoo Somaalee bukkee dhaabbachuun isaani “galtee milkaa’ina duula guyyoota sadan darbaniiti” jedhe. 

Adoolessa 20, Al-Shabaab daangaa Itoophiyaa keessa seenuun haleellaa raawwachuu erga dhagahame booda ibsi kun kan jalqabaati. Guyyaa itti aanuu Rooytarsi ajajaa nageenya Itoophiyaa maqaan isaa hin ibsamne tokko eeruun “gareen islaamaa Somaaliyaa al Shabaab qe’eewwan lama gara daangaa Itoophiyaatti dhiyaatan irratti haleellaa banuun lammiilee nagaa sadi fi miseensa poolisii Itoophiyaa dabalatee namoota 17 yoo ajjeesu, hidhattoota isaa 63 ammoo jalaa ajjeefamaniiru,” jechuun gabaaseera. Oduun kun hanga qindaa’utti, mootummaa federaalaa Itoophiyaas ta’e Raayyaan Ittisa Biyyaa dhimma kana ilaalchisee waan jedhan hin jiru. 

Manni maree nageenyaa kun “odeeffannoo dabalataa yeroo dhiyootti ifa godhama” jedheera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.