Oduu: Ogeessonni Mirgoota Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii Itoophiyaa Galan

Finfinnee, Adoolessa 26/2022 – Miseensotni Komishinii Ogeessota Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii daawwannaa Adoolessa 25 hanga 30, 2022 turuuf Itoophiyaa keessatti akka argaman dhaabbatichi beeksiseera. Komishinichi Muddee 17, 2021 Mana Maree Mirgoota Namoomaa MG Jeneevaatti argamuun erga hundeeffame booda daawwannaan amma gaggeessaa jiru isa jalqabaa akka ta’ees ibsameera. 

Komishiinii Ga’eessota Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaan qaama walabaa dhimmoota biroo dabalataan sarbiinsa fi dararaa mirgoota namoomaa idil addunyaa, akkasumas sarbiinsa seera namoomaa idil addunyaa fi seera godaantota idil addunyaa Sadaasa 3 bara 2020 irraa eegalee qaamolee walitti bu’iinsa keessa hirmaatan hundaan raawwataman irratti qorannoo walabaa fi gadi fageenya qabu akka gaggeessu mana maree mirgoota namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii irraa aangoon kan kennameefi akka ta’e ibsameera.  

Daawwannaan ogeessota komishiinichaa kun ogeessota sadi kan of keessatti hammate yoo ta’u, ogeessotni komishinichaa sadan kun; Dura teessuu jiila kanaa Kaarii Beetii Murungii (Keeniyaa irraa), Istevan Raatnar (USA irraa), fi Raadikaa Kumaaraaswaami (Sirilaankaa irraa) waajjira Ugaandaatti argamuun deeggaramu. 

Komishiinichi turtii Itoophiyaa keessa taasisu kanaan qooda fudhattoota baay’ee waliin walarguun marii akka gaggeessu fi Adoolessa 30 ammoo ogeessotni kun daawwannaa isaanii irratti ibsa ni laatu. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.