Oduu: Mootummaan Naannoo Oromiyaa dargaggoonni garee hidhateetti makaman akka deebi’an waamicha dhiyeesse, waraana naannichaa xumuramuuf marii nagaa akka hin taasifamne eere
Finfinnee, Sadaasa 29/2022- Waajjirri kominikeeshinii Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa kaleessa miidiyaleef laateen nageenya naannoo Oromiyaa mirkaneessuuf hojii hedduu hojjechaa turuufi keessumaa “humni shororkeessaa Shanee” karaa nagaatti akka dhufuuf yaalii hedduu akka taasise ibse. Dabaluunis humni kun humna wal dhaga’ee gurmaa’ee deemu waan hin taaneef mootummaan