Xiinxala: Waraanni fi okkorri otoo jiruu mariin biyyaalessaa milkaa’aa?

Addis Standard ji’a Caamsaa

Finfinnee – Paartiin biyya bulchu Paartiin Badhaadhinaa (PB) Koomishinii Marii Biyyaalessaa  (KMB) kan miseensota mana marii paartichaatiin garmalee dhuunfatame ijaaruun “marii biyyaaleessaa” seenaa biyyattiitti isa jalqabaa ta’e adeemsisuuf murteessee jira. 

Jalqabumarraa kaasee paartiileen mormitootaa haala qindeeffama KMB irratti gaaffii kaasuun seera qabeessummaa koomishinichaa gaaffii keessa galchan. 

Waraanni guddaan Onkololeessa 2020 Tigraayitti eegalee gara nannoolee Affaarii fi Amaaraa babal’ate walitti dhufeenya hawaasa Itoophiyaa addaan kutee, dhiiga waliisaanii dhangalaasisee, badii hedduu qaqqabsiisee jira. Yeroo ammaa kana, dinagdeen Itoophiyaa kan butute sababa waraana walii wajjiiniitiinii fi balaawwan uumamaatiin hongee hamaa namoota miliiyoona saddeet gargaarsa nyaataa hatattamaa barbaaduuf saaxile dabalatee: naannoolee biyyaatti guutuumaan guutuutti hamma jedhamutti okkorri garaagaraa walgahee jira. 

Battaluma kanatti, paartiin biyya bulchu PB muummicha ministeeraa Abiy Ahimad pirezidaantii paartichaa isa jalqabaa godhee filachuun, hojii raawwachiiftuu fi miseensota koree giddugaleessaa waliin dhahuunsaa “marii biyyaaleessaa” yaadame duuba fedhii paartichi qabuu fi  haala adeemsa hundeeffamasaa, gahee inni nageenya irratti qabu, tasgabbii siyaasaa fi jireenya uummatoota irratti qabuun walqabatee gaaffilee adda addaa kaasee jira.

Haa ta’u malee, lammiileen Itoophiyaa, “Mariin biyyaaleessaa maali? Itoophiyaan haala amma jiru kanaan marii biyyaaleessaa gaggeessuu dandeessii?,” gaaffilee jedhan qabu.

Ilaalcha wal hin fakkaanne, shakkii, and gaaffii seera-qabeessummaa

Gaazeexeessitoonni Addis Standard gaaffilee “marii biyyaleessaatiiin” walqabatanii ka’anii fi kanneen biroorratti jiraattota kutaa biyyattii garaagaraa jiraatan hedduu wajjiin gaaffiif deebii godhanii jiru.  

Haata’u malee, deebiin gaafaatamtoota rakkina wal xaxaa biyyattii qunname irraa kan ka’e dararamaa osoo jiranii MB rakkinoota jiran hundaaf akka furmaataatti dhiyeeffamaafii jiru hedduusaaniirraa dhagahamu kan nama gammachiisu miti. Harki caalaan, adeemsi MB baayee walxaxaa fi shakkisiisaa yoo ta’u paarttilee siyaasaa mormitootaa MB kanatti hirmaachuu diduunsaanii maricha bu’a dhabeessa godheera jedhanii amanu. 

Deebiin gaafatamtoonni laatan naannoo tokkoo naannoo biraatti adda addummaa kan qabu yoo ta’u, amantaa fi sabummaadhaanis garaagarummaa ni qaba. Namoonni magaala guddittii Finfinnee ala jiraatan haala adeemsa marichaa beekumsi qaban xiqqoo yoo ta’u jiraattonni magaalota biyyattii keessa jiraatan garuu adeemsicha waan beekan fakkaatanis hubannoo isaanii karaan ittiin hiikan wal fakkaataa miti.

“Akkuman jalqabarraa hubadheetti, marichi kuni haqa-qabeessaa fi hunda hammataa dha jedhee hin yaadu. Hokkora kana kan uume mootummaa mataasaa ta’ee osoo jiruu akkamitti kophaasaa furmaata fiduu danda’a?”

Jaatanii Gadaa

Magaala guddoo Affaar, Samaraatti, hojjataa mootumma kan ta’e Hiishaam Xaahir akka jedheetti hir’inni bakka bu’iinsaa waan jiruuf bu’aa marichi fiduurratti shakkii akka qabu eeree jira. Jiraattonni naannoo sanaa kan biroos sababii loltoonni Tigraay magaala isaanitti dhiyoo jirtu keessa jiranii fi hidhattoonni badii qaqqabsiisaa waan jiraniif okkorri fi dhabamuu tasgabbii naannicha keessa jiruurraa kan ka’e lubbuun namootaa darbuu, qe’eerraa buqqa’uu fi bu’uuraleen misoomaa manca’uu eeruun milkaa’ina marichaarratti shakkii qaban ibsanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun, jiraattonni Oromiyaas rakkoon bakka bu’iinsaa madaalawaa argachuu akka jiru dubbatanii jiru. Jiraataan godina Wallaga Bahaa Magaalaa Naqamtee Jaatanii Gadaa kanneen seera qabummaa marichaa shakkan keessaa tokko. 

“Akkuman jalqabarraa hubadheetti, marichi kuni haqa-qabeessaa fi hunda hammataa dha jedhee hin yaadu. Hokkora kana kan uume mootummaa mataasaa ta’ee osoo jiruu akkamitti kophaasaa furmaata fiduu danda’a?” Gaaffii Jaataniiti. “Koomishinaroonni marii biyyaaleessaa deeggartoota mootummaaatiin filatamanii otoo jiranii gareewwan biroo isaanis ta’ee murtoo isaan dabarsan hi fudhatan.”   

Jaataniin waraana humnoota mootummaa fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) gidduutti adeemsifamaa jirurratti fulleeffattee dubbatee jira.  “Namoonni nagaa baay’inaan ajjeefamu, mana gubuu, hidhaa fi buqqa’uun guyyaa guyyaan raawwatamaa jira. Gargaarsi namoomaatu warroota kana biraan gahuun hin danda’amne. Jalqaba waliigaltee waraana dhaabuu yoo kan hin godhamne ta’e, mariin biyyaaleessaa bu’aa hin qabu. Ni milkaa’a jedhees hin yaadu.” 

Hojjattoonni fi jiraattonni godinaalee Oromiyaa biroos yaada wal fakkaataa calaqisiisanii jiru. Jiraataan Shaashamannee Boone Nuraddiin jedhamu maricha “mootummaan mataa isaa wajjiin mari’atu” jechuu ibsee jira. “Mataa ofii wajjiin mari’achuunii fi kanneen ilaalcha siyaasaa adda ta’e qaban wajjiin mari’achuun gonkumaa tokkoo miti.” 

Deebiin jiraattonni naannoolee Amaaraa fi uummatoota kibbaatii Addis Standard dubbise garuu deebii wal fakkaatu hin laanne. Naannoo Amaaraa magaala Dabra Siinaatti hojjataa mootummaa kan ta’e Ashannaafii Angaasuu faayidaa adeemsa marichaa uummataaf hubannoo laachuun hojii marsaa jalaqabaa mootummaan gochu yaade dha jedhe. Haata’u malee, yaada Ashannaaffiin laate kana Addis Standard biiroo koominikeeshinii naannichaarraa raggaasiisuu yaalus hin milkoofne.

Akkasumas, barataa Yuunivarsitii Gondar Sisaay Gizaachoo dabalatee adeemsa [marichaa] irratti hidhattoota uummata Amaaraa biyyatti keessatti jiran ajjeesaa turan maricharratti hirmaachisu danda’u sodaa jedhu qabaachuusaas dubbateera.

Siisaay aariidhaan akkas jedhe, “Gareen kunneen erga uummata nagaa ajjeessanii fi buqqisanii booda teessoo tokkoorrra taa’uun eyyamamuufii hin danda’u. Sababa jireenya hawaasummaa uummatoota gidduu jiru balleessaniif, adabamuu qabu.”

Jiraattonni godina Walaayittaa abukaatoon Abinnat Chimere fi Piroofeesar Taamen Ena biyya tana rakkina keessaa baasuuf mariin biyyaaleessa baay’ee barbaachisaadha jedhanii amanu. Naannoo sabaa fi sablammootaa kibbaatti keessumaa godinni Walaayittaa kan gaaffiin naannoo ta’uu humnaan uggurametti jiraattoonnii fi hojjattoonni sodaa qaban ibsanis sosochii itti fufuun barbaachisaadha jedhan.

Namoota magaala gudditii Finfinnneen ala jiraatan kan Addis Standard dubbise keessaa heddun isaanii odeeffannoo waa’ee marichaa kan hin qabne yemmuu ta’an kan magaalattii keessa jiran garuu waa’ee marichaa ni beeku.

Yaada laattonni tokko tokko maricha kan deeggaran yoo ta’u, isaan kaan deeggarsa haalarratti hundaa’e kennu, kan hafan kan mormanii dha. Deeggarttoonni marichaa biyyoota biraa kan marii biyyaaleessaa adeemsisanii milkaa’an akka fakkeenyaatti eeruun mormatu. 

Samu’eel Taaddasaa namoota milkaa’ina marichaatti abdii qaban keessaa isa tokko. 

“Ameerikaan sochii mirga dimookraaasiitiif godhamee ture kan dandamatte marii biyyaaleessaan adeemsisuun yoo ta’u Afrikaan Kibbaaas akkasuma rakkiinoota sochii appaartaayidii booda biyyattii keessa ture maridhaan furuu dandeessee jirti,” jechuun abdii qabu dubbatee jira.

Akkuma jiraattonni naanno Affaar, Amaaraa, Oromiyaafi Somaalee shakkii qaban ibsaniin kan naannoo biraas hir’ina iftoominaa, qaamolee dhimmi ilaalatu keessaa dhiibuu fi dhiibbaa paartii biyya bulchu akkaataa ijaarsa koomishinichaarratii fi sirna filannoo miseensota kudha tokkoonii fi paartiileen siyaasaa gurguddoon maricha fudhachuu diduu eeruun milkaa’ina marichaarratti shakkii akka qaban himanii jiru.

Waamichi “marii biyyaaleessaatiif” godhamu haaraa miti

Gaaffiin rakkoo ijoo siyaasa Itoophiyaa mariidhaan furuuf godhamu waggoota digdamaa ol kan turee dha. Gameessi  siyaasaa beekamaa Pirofeesar Mararaa Guddinaa dura taa’aan paartii Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) ammaa  fi qaama paartii mormiitootaa ta’uun yeroo dheeraaf kan beekamu yeroo ammaa biyya alaa kan jiru Lidatuu Ayyaalee namoota dura bu’ummaan marii biyyaalessaatiif waamicha gochaa turanii dha. 

Paartiileen mormitootaa sababoota paartiin biyya bulchu dheerachuu filannichaa fi yoom akka raawwatamuu qabus hirmaannaa paartilee siyaasaa malee qofaasaa waan murteesseef paartiileen dheerachuu filannichaa hin fudhanne ture.

Haa ta’u malee, waamichi mari biyyaalessa hunda hammateef taasifamaa ture deeggartoota Itoophiyaa addunyaa bahaa fi lixaa biratti fudhatama kan argate erga waraanni paartii biiyya bulchuu fi paartii mormitoota gidduutti eegale booda Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa ji’a Bitootessa 2020 keessa filannoo baruma sana raawwatamuuf ture dheeressee booda.

Paartiileen mormitootaa sababoota paartiin biyya bulchu dheerachuu filannichaa fi yoom akka raawwatamuu qabus hirmaannaa paartilee siyaasaa malee qofaasaa waan murteesseef paartiileen dheerachuu filannichaa hin fudhanne ture. Dabalataan turtiin aangoo paartii biyya bulchuus kan dhumate waan tureef filannoo dhereessu seerummaa kan hin qabne tures. 

Paartiileen akka KFO dhimma kana murteessuuf marii hunda hammachiisee akka godhamu kan gaafatan yoo ta’u paartiin Lidatuu Ayyaalee Paartii Dimookraatawaa Itoophiyaa (PDI) immoo mootummaan ce’umsaa akka ijaaramu gaafatanii ture. 

Paartiin biyya bulchu garuu gaaffiilee kanneen cinaatti dhiisuun hojiiwwan akka miseensota mana maree bakka bu’ootaa jijjiiruu, labsii yeroo hatattamaa baasuu fi heera hiikuu faa yaalee ture.

Afran keessaa heera akka barbaadetti hiiksiisuudhaan turtii aangoosaa dheereffatee yeroo itti mijatetti filannoo gochuuf murteeffate.  Murtoon filannoo dheeressuu paartii naanno Tigraay bulchu Adda Biliummaa Ummata Tigraay (ABUT) adda isaatti Fulbaana 2020 keessa filannoo akka adeemsisuuf sababa ta’e. Kanumaan Onkoloolessa 2020 keessa waraanni Tigraay keessatti jalqabe. 

Itti aansuun, filannoon otoo hin adeemsifamin ta’ee sana booda waldhabbii byya keessa jiru keessumaa Oromiyaa keessa jiru dhaabuuf “marii biyyaaleessaa hunda hammateef” akka godhamu paartiileen mormitootaaa gurguddoon sadii waamicha gochuu eegalan. Paartiileen kuni mootummaa amansiisuu waan dadhabaniif dhumarratti filannoo keessa bahuu filatan. Paartiileen kunneen KFO, Adda Bilisummaa Ummata Ogaadan (ABUO) fi ABO kan gaggeessaan paartichaa yeroo sana manatti hidhamee jiru turan. 

Paartiin biyya bulchu garuu waamicha paartileen mormitootaa fi qaamonni idil-addunyaatiin godhamaa ture tuffachuun filannoon nageenyaa fi tasgabbii ni raggaasisa jechuun filannichi akka raawwatamu taasise. 

Paartiileen mormitootaa biroo kan akka Baalderaas Dimookraasii Haqaatiif(BDH) filannichaan “kufaatii” yemmuuu jedhaniin paartiin Lammiiwwan Itoophiyaa Walqixxumma Hawaasaatiif (EZEMA) kan amma ministeera barnootaa ta’ee muudame Birhaanuu Naggaatiin hogganamu rakkinoota haala adeemsa filannichaarratti rakkoon akka jiru eeruun rakkinoota akka nageenya, birmadummaa biyyaa fi tasgabbii fiduu akka danda’u ibsee ture. Haata’u malee, paartiileen lamaanuu filannoo Caamsaa 23, 2021 adeemsifameerratti hirmaatanii ture.

Filannoon paartiileen mormitootaa gurguddoodhaan mormamee fi sababa nageenyaatiin iddoowwan biyyattii hedduutti hin raawwatamin hafe paartiin biyya bulchu PB otoo hin dorgomin mo’ataa filannoo waliigalaa marsaa jahaffaa ta’e. Pirezidaant Saahleewarq Zawudee waggoota shanan itti aanan biyya bulchuuf aangoon PB akka kenname ibsite.

Filannichi nageenyas ta’ee tasgabbii waan hin argamsiisiniif gaaffii uummanni nageenya, gaaafatamuummaa fi guddina dinagdeerratti qabus otoo hin deebi’in hafe.

Marii biyyaaleessaa akka PB’n barbaadutti

Paartiin biyya bulchu erga filannoo paartiilee mormitootaatiin fudhatama hin argatin mo’achuun aangoosaa jabeeffatee booda yaada “marii biyyaaleessaa” jeddhu kaaasuu eegale. Itti aansuun Manni Marii Bakka Bu’oota Uumataa (MMBBU) wixinee labsii 1265/2014 kan koomishinaroota filachuuf isa dandeessisu Muddee 2020 raggaasisuun ji’a Guraandhala keessa namoota 11 koomiishinarii marichaa godhee muude.  

Akkuma filannoo, sababa paartiin biyya bulchu adeemsota lamaanuu ofiisaatii dhuunfateef, rakkoowwan iftoominaa fi hunda hammachuu waan qabuuf adeemsi filannoo koomiishinaroota kudha tokkoos shakkisiisiisaa ture.  

Paarttileen mormitootaa gurguddoon ammas maricharratti hirmaachuu ni didan. KFOn adeemsi muudama koomiishinaroota dhiibbaarraa bilisa miti yoo jedhu ABUO immoo bakka bu’iinsa madaalawaa hin jiru jedhe: ABOn garuu adeemsi filannoo koomiishinarootaa kuniyyuu natti hin himamne jedhe.

Koomiishanaroonni kudha tokkoon ibsamun dura waldaan paartiilee mormitoota biyya keessa 51 ta’an irraa ijaarame Koree Waloo Paartii Mormitootaa (KPM) jedhamuun mormiin guddaan itti ka’e. 

KPM adeemsi marii biyyaaleessaa hanga hawaasaa fi qaamolee gahee qaban hunda hammataa ta’uutti “yeroodhaaf akka adda citu” mana maree bakka bu’ootaa gaafatee ture. 

Mootummaan yoo fudhatan sababa rakkinichaati. ABUT fi paartiilee biraas akkasuma. Adeemsi marichaa paartiilee kanneeniin to’atamuu hin qabu.

Raahel Baaffee

Dura teessuun Koree waloo fi miseensa Paartii Dimookraasii Hawaasaa Itoophiyaa (PDHI) kan taate Raahel Baaffee “qaamni ka’umsa rakkinaa ta’e rakkinicha furuu hin danda’u,” jettee akka amantu Addis Standard tti himtee jirti.

Mootummaan yoo fudhatan sababa rakkinichaati. ABUT fi paartiilee biraas akkasuma. Adeemsi marichaa paartiilee kanneeniin to’atamuu hin qabu. Gaaffii fi deebii miidiyaalee biyya keessaa biroo wajjiin taasifteenis adeemsi dogoggoraa guutame kan mootummaan saffisaan seera baaasuun, seericha raawwachiisuun koomishinaroota kudha tokko ittiin muude ifatti ceephuurraa duubattti hin deebine. 

Mariin yeroo waraanaa taasifamu ni milkaa’aa?

Waraanni walii wajjiinii naannoo Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti godhamaa jiru baay’ee hammaataa haa ta’u malee isa jalqabaa Itoophiyaa Abiy booda taasifamee miti. Waraanni qawwee inni jalqabaa Paartii Dimookraatawa Oromoo (PDO) jedhamuun beekamu kan booda gara Paartii Badhaadhina Oromiyaatti baqee fi ABO [kan mootummaan Itoophiyaa OLF-Shanee jedhee waamu] gidduutti naannoo Oromiyaa kessatti eegale. 

Waraanni lixa Oromiyaatti akka salphaatti eegale booda guddachuun gara Kibba, giddu-galeessa, lixa Oromiyaatti babal’atee jira. Naannoo torban jalqabaa Ebla keessa mootummaan naannoo Oromiyaa fi feederaalaa waloodhaan duula “si’a dhumatiif ABO dhabamsiisuuf” jedhuun waraana bananii turan. Akkasuma, “Gareen Shororkeessaa Islaamaawaas” naannicha keessatti socho’aa jiras jedhanii ture.

Duulicha labsuun yeroo bicuu dura, paartiin biyya bulchu PBn yaa’ii jalqabaa guyyoota Bitootessa 10 fi12 irratti walitti qabuun bulchiinsa isaa geeddaree ture. Yaa’ichi Abiy ahmad muummicha ministeera Itoophiyaa gochuun, naannoo Somaaleetii Adaam Faaraa fi itti aaanaa muummicha ministeeraa fi Ministeera Haajaa Alaa Dammaqaa Makkoonninimmoo pireezidaantii jalqabaa fi lammattaa PB gochuun muudee ture.

Abdii Mubaarakii fi Abdulrazaaq Ahmad daldaaltota naannoo Somaalee Godee fi Qabrii Daar keessa jiraataniii dha. 

Gaaffii waa’ee yaa’ii paartii biyyaa bulchaa jiruu irrattii fi bu’aan inni uummata Somaalee yeroo ammaa hongee hammaadhaan miidhamaa jiruuf wanti godheef akka hin jirre himanii jiru. 

Barataa Yuunivarsiitii Jigjigaa kan ta’e Ali Yaassin akkas jedhe, “Bara 2018 keessa mootummaa wajjiin marii goonee ture. Gaaffilee keenya kan akka bakka bu’iinsa madaalawaa argachuu, misoomni bu’uuraa, tajaajila barumsaa fi fayyaa nuuf hin deebine. Hunda caalaammoo, fedhiin keenya uummata birootiin qixa ilaalamuu keenya nuuf hin deebinetti jijjiiramni homaa natti hin mul’atu.”  

Paartiin biyya bulchu marichi ni milkaa’a amantaa jedhu haa qabaatu malee “marichatti kan hirmaatu eenyu?” gaaffiin jedhu deebii hin aragatin hafee jira. 

Waraanni al-idilee hidhattoota Amaaraa fi Oromoo gidduutti godhamu, waldhabbii hoggantoota naannoolee lamaanii gidduu jiruu fi gara dhiiga dhangalaasuutti akka hin geessine ni sodaatama.

Hanga yoonaatti, paartiin yaada addaa ta’e qaban kan naannoo Tigraay [ABUT] fi ABO dabalatee paartiileen waraana mootummaa feederaalaa fi naannoo wajjiin wal waraanaa jiran kamiyyuu maridhaaf hin affeeramne. Waraanaa naannoo kaaba Itoophiyaa fi Oromiyaa keessatti deemaa jiru, walitti bu’iinsa hawaasaa, amantaa fi saboota adda addaa gidduu jiruu kufaatii mootummaa Abiy kan mul’isu dha. Okkorri Itoophiyaa naannoowwan Amaaraa, Oromiyaa Beenishaangul Gumuz, Gambeellaa, Sabaa, Sablammmoota fi Uummatoota Kibbaa (SSUK) keessa jiru dhugaa Itoophiyaa si’anaa kan mul’isuu dha. Waraanni daangaa Affaarii fi Somaalee gidduu kan baratamee dha. 

Waraanni al-idilee hidhattoota Amaaraa fi Oromoo gidduutti godhamu, waldhabbii hoggantoota naannoolee lamaanii gidduu jiruu fi gara dhiiga dhangalaasuutti akka hin geessine ni sodaatama. Hidhattoonni naannoo Gaambeellaa, (Adda Bilisummaaa Gaambellaa (ABG) fi hidhattoota Benishaangulgumuz kan humnota alaatiin gargaaramu jedhamanii hamataman lubbuu namoota hedduu galafachuu fi qe’eesaanirraa buqqisuu itti fufanii jiru. 

Okkorri ji’a Ebla keessa eegale naannoo Jiinkaa, magaala guddoo Zoonii Oomoo Kibbaatti SSUKtti torban tokkoof ture namoota buqqisuu fi manca’uu qabeenya barbadeessee qaqqabsiise jira.

Okkori biraa naanoodhuma SSUK Zoonii Koonsootti hawasa gidduutti uumame ‘buqqa’iinsa haaraa qaqqabsiise” namoota naannoo dubartootaa fi daa’imman 19,000 qabaleewwan 10 ta’an irraa buqqqa’anii dha. Sababa waraana daraashee fi Koonsoo gidduutti Eblarraa eegalee godhameen aanaa Sagan Zuriyaa Qabalee Fuchuuchaa jedhamurraa namoonni 3,000 ta’an buqqa’anii jiru. Sababa okkora torbanoota dhiyoo kanaa keessa uumamaniin qabaleewwan Borqaaraa fi Mataragizaabaa keessa namoonni 1,000 ol ta’an buqqa’anii jiru. 

Haleellaa Ebla keessa sirna awwaala Sheeka beekamaa sababa dhukkubaatiin lubbuunsaanii darnee Kamaal Leegaas magaalaa Gondaritti hordooftoota amantaa muslimaarratti banameen namoonni heddu ajjeefamanii jiru. Namoonni biroo hedduun yoo miidhaman, Masgiidaa fi kitaabni Quraanaa gubamee qabeenyi musliimootaa saamamee jira. 

Okkorri fi addaan kutamuu walitti dhufeenya hawaasaa kuni hundi bakka jirutti  keessumaa naannoo Kaaba Itoophiyaatti, haleellaan jiraattota naannoo Oromiyaa fi Somaalee keessatti gdhamuu fi okkorri hawaasaa keessa otoo jiru gaaffiilee akka “okkorri fi waraanni otoo jiruu mariin ni milkaa’a?” jedhu deebii hin arganne. AS

___________________________________________________________________________//________________________________________________________

Hubachiisa Gulaalaa: Barruun kun jalqaba Maxxansa Addis Standard ji’a Caamsaa irratti Afaan Ingiliziin maxxanfame. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.