Oduu: Hubannoo laachuun Godaansa Seera-qabeessaaf Akka Fayyadu Qorannoon Mul’ise

Finfinnee, Fulbaana 30/2022 – Qorannoo Dhaabbanni Idil-Addunyaa Godaansaa (DIG) taasiseen waa’ee baqannaa ilaalchisee hawaasa bal’aaf hubannoo laachuun baqannaa seera-qabeessaaf faayidaa akka qabu mul’isee jira.

Qorannoo kana kan adeemsise dhaabbanni qaama DIG ta’e kan Giddu-gala Xiinxala Daataa Baqannaa Idil-Addunyaa jedhamu yoo ta’u. Qorannoo kana kan adeemsise DIG damee Itoophiyaa wajjiin ta’uudhaani.

Akka qorannichi jedhutti godaantonni irra caalaan imala kan eegalan waa’ee rakkinoota godaansan walqabatanii jiran irratti hubannoo gahaa otoo hin qabaatin yookiinimmoo odeeffannoo sobaatiin sossobamuudhaan ta’usaa qorannichi lafa kaa’eee jira. Yaalii daangaa qaxxaamuruuf taasisaniin hedduun isaanii kan du’an yoo ta’u isaan kaanimmoo achi buutee isaaniii kan hin beekamne ta’uu qorannichi ibsee jira.

Ragaan qorannicharraa argame akka mul’isutti biyya keessatti hojjachuun jireenya godaansaa caalaa qabeenya horachuuf mijataa ta’uusaas ni mul’isa. Qorannaan kuni namoota 5,700 iddoolee to’annoo 126 fi gandoota 104 irratti kan adeemsifamee.

“Argannoon qorannoo kanaa rakkinota jiran, eenyu qooda fudhataa akka ta’e, akkamitti qaamonni tokko tokko kaan caalaa hojjatan adda baasuuf ni tajaajila. Akkasumas, caasaa keenya babl’isuudhaan hawaasaa hafan biroo biras akka geenyu nu tajaajila,” kan jedhe DBGtti xiinxalaa daataa kan Eduwaardoo Akoostaamaadidoo dha.

Akka DIG jedhutti, hojiin hubannoo hawaasaaf laachuu gandoota 1,000 naannoolee Oromiyaa, Amaaraa fi Saba Sablammootaa fi Uummatoota Kibbaa keessa jira keessatti raawwatamee jira.

Saawud Arabiyaan yeroo dheeraaf  “Godaantota Seeran alaa” kan jettun Lammilee Itoophiyaa eeyyama hojii qabanis ta’ee hin qabne irratti xiyyeffachuun tarkaanfii haaraa fudhataa jirti. Tarkaanfichi lammilee Itoophiyaa karaa seera qabeessaan deemuun jiraattota lammilee alaa ykn Afaan Arabaan ‘Muqeemen’ jedhaman illee kan dabalatuudha. Haalumaa kanaan, lammilee biyya alaa Saawud Arabiyaa  keessa jiraatani fi lammilee Itoophiyaa kumaataman lakka’aman manneen hidhaa keessatti dararaan sarbamiinsa mirgaa namoomaa irra ga’aa jirachuu Addis Standard gabaasa turee jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.