Oduu: Barattootni haala nageenyaan walqabatee qoramuu hin dandeenye marsaa biraan baatii tokko giddutti ni qoramu:- Ministeera Barnootaa

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Onkololeessa 03/2022 – Ministeera Barnootaa adeemsa kenniinsa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee ibsa har’a Onkololeessa 03, 2022 kenneen qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa karaa nagaan akka xumuramu qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjatamaa jiraachu ibse. Qophiin qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Onkololeessa 10, 2022 irraa eegalee kennamu xumuramuu kan beeksise Ministeerichi, qophii fi maxxansi qormaatichaa teeknoloojiin kan deeggarame fi nageenya kan qabu ta’uu ibseera.

Ministeerri barnootaa waggoota jahaan darban keessatti hanna qormaataa fi faca’iinsa odeeffannoo sobaa waliin walqabatee rakkoon mudachaa akka ture ibsuun, bara kana rakkoo kana furuuf Wiixata dhufu irraa eegalee qoramtootni Yuunivarsiitiwwan mootummaatti akka qoraman taasifamuu ibseera.

Haata’u malee bara kana barattoonni 900,000 ol ta’an qormaata kan fudhatan ta’uurraa kan ka’e lakkoofsa kana yeroo tokkotti keessummeessuun waan hin danda’amneef, qormaanni kun marsaa lamaan kan kennamu ta’uu beeksiseera.

Haaluma kanaan qoramtoonni saayinsii hawaasaa Onkololeessa 6 – 8, 2022tti gara yuunivarsiitiiwwan itti qoraman erga seenanii booda, Fulbaana 10 hanga  02tti qormaata fudhachuun Onkoloolessa 13 irraa eegalee gara bakka dhufanitti akka deebi’an eerameera. Kana malees, marsaa 2ffaan barattoonni saayinsii uumamaa Onkoloolessa 15 – 16tti gara yuunivarsiitiiwwan seenuun Onkoloolessa 18 hanga Onkoloolessa 11tti qormaata ni fudhatu.

Barattoota bakka itti ramadamanitti kan geessan qaamolee nageenyaa naannolee yoo ta’an, miseesonni poolisii federaalaa yuunivarsiitiwwan keessatti hojii eegumsaa fi sakatta’iinsa kan hojjatan ta’uu ibsameera. Barattoonni qormaataaf yeroo dhufan bilbila harkaa fi meeshaalee balaa uumuu danda’an qabatanii deemuu akka hin dandeenye ministeerichi beeksiseera.

Barattoonni naannolee adda addaatti haala nageenyaan walqabatee qormaata fudhachuu hin dandeenye fi barattoota kominiitii biyyaa bahan; waliigalaan barattoota 56,000 ta’an baatii tokko giddutti qormaanni marsaa lammaffaa qophaa’ee akka qoraman Ministeerri Barnootaa beeksiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.