Oduu: Naannoon Gaambeellaa Gabaasa KMNI Baase Akka Hin Fudhanne Ibse

Mihirat G/Kiristoosiin

 Finfinnee, Onkololeessa 03/2022- Mootummaan Naanno Gaambeella ibsa Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) sarbama mirgoota namoomaa sababii walitti bu’iinsa garee hidhattoota naannicha keessan socho’anii fi humnoota nageenyaa mootummaa giduutti ji’a Waxabbajjii keessa uumameen walqabatee baase kan fudhanne ta’uusaa ibsuun koomishinicha komatee jira.

Mootummaan naannichaa ibsa baaseen akka jedhetti  gabaasni KMNI Fulbaana 28 baase “kan garmalee guddifamee fi haqa lafarra jiru kan hin mul’isneedha” jedhee jira.

Namoonni odeeffanno kana laatan deeggartoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) ta’anii yakkoota adda addaatiin shakkamanii fi bakka tokkootti murteeffamanii argamanii dha.

Gabaasni kuni dhalattoota naannoo sanaa fi  lammiilee Itoophiyaa biroo gidduutti walitti bu’insa uumuuf yaadamee kan hojjatameedha jechuun komishiinicha qeeqee jira.

Waxabajjii 14, 2022 WBO fi hidhattoota Adda Bilisummaa Gaambeella (ABG) magaala Gaambeellaa seenuun halleellaa raawwatanii turan.

Waraana sa’aatii dheeraaf humna addaa naannichaa, hidhattoota mootummaa fi humna poolisii feederaalaa gidduutti erga godhameen booda humnoonni nageenyaa mootummaa magaalatti to’achuu danda’anii turan.

Gabasni KMNI humnoonni nageenyaa mootummaa Waxabajjii 14 sa’aa boodaa eegalee hamma Waxabajjii 16tti “shanee fi meeshaa waraana mana keessa awwaaltan” sababa jedhuun  yoo xiqqaate namoota 50 ajjeesanii jiru kan jedhu  ture. 

Bulchiinsi mootummaa naannichaa akka jedhutti gabaasni kuni hamilee humnoota nageenyaa haleellaa WBO fi ABG qolachuuf aarsaa kaffalanii cabsuuf yaadamee kan godhamee jedhe.

“Gabaasni kun mirga haleellaa ofirraa ittisuu ummata keenyaa kan miidhu waan ta’eef itti gaafatamummaa kan hin qabnedha,” jedha ibsichi. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.