Oduu: Kaampii baqattootaa Sudaanitti namoonni 120 dhukkuba maaree jaldeessaatiin qabaman- UNHCR

Finfinnee, Onkoloolessa 4/2022 – Lakkofsi namoota maaree jaldeessaan qabamanii 120 gahuu Dhaabbata Mooutmmaa Gamtoomaniitti Koomishinii Olaanaan Dhimma Baqqatttootaa ( UNHCR) beeksise. 

UNHCR akka jedhetti, kaampiiwwan Gara bahaatti argaman keessatti dhukkubichi kan mula’te yoo ta’u lammiilee Itoophiyaa Kaampii Tuunaayidibaah keessa turan sadi irrattis mul’atee jira. Kaampiin kuni bulchiinsa Sudaan Gadaariif keessatti kan argamu yoo ta’u baay’inaan baqqattoota naannoo Tigraay irraa baqatan achi akka jiraatan ni himama. Akka UNHCR jedhutti, walumaagalatti namoota 24,000 ta’aniitu kaampicha keessa jiraata.

Namootni lama dhukkuba kanaan qabamuun shakkaman kaampii Um Rakuba keessattis argamaniiru. Kampii kana keessa namootni 21,000 ol kan jiraatan yoo ta’u namootni dhibee kanaan qabaman kophaatti baafamuun isaanii gabaafamee ture.  Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa, Ministeerri Fayyaa Sudaanii fi qaamonni dhimmi ilaallatu biroos weerara dhukkubichaa cabsuuf gamtaan hojjachaa jiraachuu himamaee jira.

Akka gabaasa UNHCRtti lakkoofsi namoota maaree jaldeessatiin qabamanii fi shakkamanii 120 gaheera. Akka dhaabbata fayyaa Addunyaatti Mareen jaldeessaa vaayirasii Monkiy Poxin dhufa. Dhukkubichi bineensota irraa gara namaatti, nama irraa namatti akkasumas naannoo irraa namatti darbuu danda’a. Mallattoon dhukkubichaa hoo’insa qaamaa,  dhukkubbii mataa, maashaa, dugdaa, fi humna dhabuu dabalata.

 Adoolessa 23,2022 Daayirekteerri Olaanaan dhaabbata fayyaa Addunyaa Teediros Adhaanom weerara maree jaldeessaa kana rakkoo Fayyaa Hawaasaa Hatattamaa Yaaddoo Idil-addunyaa jechuun labsee ture.  AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.