Gulaallii: Hongeen Itoophiyaa: Balaa Biyyoolessaati, Akkasitti Haa Waamamu

Finfinnee – Paanaliin Jijjiirama Qilleensaa Mootummoota Gidduu (IPCC) hongee, “yeroo qilleensi gogaa haala hin baramneen yeroo dheeraa turuun madaallii bishaanii faalleessu” jechuun ibsa. Haala qilleensaa goggogaa fi walakkaan goggogaa biyyoota Sahaaraa gadii keessa jiru irraan kan ka’e biyyoota kunneen keessatti hongeen itti fufiinsa qabu irra deddeebiin taatee balaa geessisu ta’ee jira. Itoophiyaan isaan keessaa tokko.

Itoophiyaa waggaa waggaadhaan sadarkaa adda addaatiin hongeedhaan qoramaa turteetti. Jijjiiramni qilleensaa sababa ijoodha. Hongeen yeroo ammaa Itoophiyaa muudachaa jiru kun kan sababa rooba giddu galeessaan gadi ta’een adda durummaan jijjiirama haala qilleensaa Galaana Hindiitti uumamuufi Laaninaadhaan walqabata.

Garuu jireenya hawaasa hongee amma jiruun manca’e gadi fageenyaan yeroo ilaallu sababni ijoo haalli qilleensaa qofa akka hin taane hubanna. Mootummaan sadarkaa federaalaas ta’ee naannootti, hawaasa yeroo darbe hongee irra deddeebi’ee mudateef saaxilaman gargaaruuf mala diriirsuu dhabuun isaa ifatti ni mul’ata.

Hongee guutummaan hidda bal’ifate yeroo dhumaaf Itoophiyaa keessatti mudate bara 2015/16 keessa kan galmaa’e yoo ta’u, guutummaa Kaaba Bahaa fi Kibba Lixa Itoophiyaa keessatti namoota gara miiliyoona 10.2 miidheera. Cimina isaa irratti hundaa’uun dhiibbaan hongee meeshaa xiinxala wabii nyaataa fooyyeessuuf gargaaru fi murtii iskeelii 1 (Nyaataan kan of danda’e) hanga 5 (Beela hamaa) murteessuuf gargaaru, iskeelii IPC jedhamuun kan beekamu, Ramaddii Marsaa Wabii Nyaataa Walitti Makamaa (IPC) fayyadamuun adda baafama. 

Bal’ina fi cimina hongee

Akka tilmaamni dhaabbata Neetworkii Sirna Akeekkachiisa Duraa Beelaa (FEWS NET) jedhutti, bara 2022tti Itoophiyaa keessatti fedhiin gargaarsa namoomaa kan bara 2021 fi 2016 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu caalmaa dhibbeentaa 40 ol agarsiisuun sadarkaa kanaan dura mul’ate hin beekamne irra kan gahu yoo ta’u, kunis hongee seena qabeessa El Niinoo bara 2015 mudate hordofee isa lammaffaa ta’a. 

Yeroo ammaa kana, FEWS NET, karaa Akeekkachiisa Wabii Nyaataa Fulbaana 2022 maxxanfameen, Itoophiyaa, Somaaliyaa, Keeniyaa, fi Yugaandaa keessatti hanga walakkeessa bara 2022tti namoonni hanga miliyoona 20 ta’an sababa dhiibbaa hongeen qofa osoo hin taane sababoota waldhabdee, nageenya dhabuu, fi qormaata dinagdee walxaxaa kaaba Itoophiyaa keessatti mudateen gargaarsa nyaataa akka barbaadan tilmaameera. 

Naannoleen waraanaan miidhaman Tigraay, Amaaraa fi Affaar fedhii atattamaa waliin yaaddoo guddaa ta’anii akka turan, Tigraay ammoo haala hamaadhaan miidhamtuu akka taate hubachiisa. Naannoowwan horsiisee bulaa naannoo kibbaa hongee yeroo dheeraatiin miidhamaniiru. Kanarraa ka’uun, bara 2022tti kaaba Itoophiyaa keessattuu Tigraay keessatti lubbuun namootaa guddaa akka hin dhabamneef gargaarsa namoomaa gufuu tokko malee qaqqabsiisuun dabalatee gargaarsa namoomaa bal’aa kutaa biyyattii harka caalu keessatti qaqqabsiisuun ni barbaachisa.

UNOCHAn, gabaasa Bitootessa 08 dhimma Itoophiyaa irratti baaseen, sababa hongee muudateen bara 2022tti naannolee hongeen miidhaman hunda keessatti namoota miliyoona 3 naannoo Somaalee, miiliyoona 2.4 baha Oromiyaa fi miiliyoona 1 kibba Oromiyaatti argaman dabalatee namoonni miliyoona torbatti dhihaatan gargaarsa nyaataa akka barbaadan akeekkachiiseera. Tilmaamni kun namoota tilmaamaan 700,000 ta’an sababa uggura UN irratti akeekkachiisa baaseen walqabatee beelaaf saaxilaman dabalatee namoota Tigraay keessatti gargaarsa nyaataa atattamaa barbaadan miliyoona 5.8 hin hammanne. 

Haala deddeebiinsa hongee

Hongeen Itoophiyaa keessatti irra deddeebiin mul’atu yeroo mudatu dhufu gaaga’ama guddaa geessisa, sababni inni guddaan qophii fi deebii ittisa yookaan miidhaa sana salphisuuf gahaa ta’e kennuuf xiyyeeffannoon barbaachisaan waan hin kennamneefi. 

Qorannoowwan akka agarsiisanitti hongeen Itoophiyaa waggoota shantama darban keessatti haala faca’iinsa qabuun kan mul’ate yoo ta’u, biyyattii keessatti naannoleen hongeen irra deddeebiin miidhaman keessattuu bahaa fi kibba bahaa, akkasumas naannoleen gammoojjii ta’an akka jiran ni mul’isa. Duraan irra deddeebiinsi hongee kanaan waggoota kudhan keessaa al tokko ture.

Qorannoowwan biroon akka agarsiisanitti hongeen Itoophiyaa kutaalee kaabaa biyyattii keessatti waggaa sadii hanga shanii, fi waggaa jahaa hanga saddeetitti, akkasumas kutaalee biyyattii hafan keessatti waggaa saddeet hanga kudhanitti al tokko mudata. Garuu agarsiistuwwan dhiheenya kana akka mul’isanitti irra deddeebiinsi hongee kan hir’ate yoo ta’u, waggoota sadii walitti aansuun hongeen hamaa muudateera. Hongee irra deddeebi’ee mul’achuun itti fufiinsaan dabaluun isaa sababa dabalataa bulchiinsa gaarii dhabuu ykn hanqina qabiinsa qabeenyaa naannoo lafa goggogaa keessatti argamuun walqabatee ta’uu danda’a.

Madaalliin kun kallattii imaammataa fi kutannoo dhiibbaa hongee irraa dhufu furuuf iftoominni dhabamuu, bu’uura imaammata saayinsiitiin hoogganamu dhabuu, tarsiimoo teeknikaa dhabuu, qophii fi deebii hongee dabalatee garee hojii fi caasaa, akkasumas tumsa hiika qabu dhabuu sadarkaa naannoo fi federaalaatti kan argamu ta’uu mul’iseera. Ragaan namoota kudhanii ol ta’an Naannoo Oromiyaa, Godina Baalee Bahaa irraa af-gaaffii Barruu kana waliin taasisaniin kufaatii kana ragaa ba’u.

Tarsiimoo dhiibbaa hir’isuu madaalawaa hin taane

Beela lamaa fi rakkoo hongee irra deddeebi’ee mudate erga arginee waggoota kurnan booda, kunoo ammallee beela hongeen dhufu kan biraa “lubbuu daa’immanii fi maanguddootaa” galaafachaa jiru dhufuu ilaalchisee yaaddoo guddaa qabnu ibsaa jirra. Naannolee lamaan hongee kanaan miidhaman keessaas beeylada Somaalee miliyoona dhibbaatamaan lakkaa’amanii fi naannoo Oromiyaa keessaa kuma dhibbaan lakkaa’aman galaafateera.

Kun dhaabbileen mootummaa sadarkaa federaalaa fi naannoleetti irra deebiin gurmaa’an, jalqabbii irraa eegalee hanga hojiirra oolmaatti, haala hongee yeroo hunda jijjiiramaa jiruuf deebii kennuudhaaf tarsiimoo isaanii fooyyessuu akka qaban agarsiistuu ifa ta’edha; akkasumas qooda fudhattoonni biyyoota hundaa odeeffannoo akka argatan dandeessisu, fi hunda caalaa hawaasa dhiibbaa irra gahe waliin qindoomuuf tarsiimoon ifa ta’e jiraachuu qaba.

Tarsiimoo wabii nyaataa Itoophiyaa irra deebi’anii ilaaluun walitti dhufeenya hongee fi wabii nyaataa gidduu jiru uumuu fi karaa oomisha biyya keessaan nyaata dabaluu, akkasumas qaqqabummaa nyaataa mirkaneessuun mala deebii atattamaa bu’a qabeessa ta’e argamsiisuu keessatti furtuu ta’uu danda’a.  

Ammallee, barruu kana kan gaddisiise deebiin Ministira Mummee Abiy Guraandhala 25 kenneen miidhamtoota komachuu qofa irratti xiyyeeffachuu isaati. “Hongeen uumamaan dhufa, beelli garuu bu’aa dadhabina keenyaati.” Komiin akkasii kun haqa kutaan hawaasa keenyaa baay’ee gaaga’ame qonnaan bultoota fi horsiisee bultoota cimanii hojjetan ta’uu isaanii dabsa; isaan dhibaa’ota miti. Mootummaa dhukkubbii isaanii dhaggeeffatee haaluma kanaan deebii isaanif kennuu danda’u barbaadu.

Haalli nageenyaafi diinagdee Itoophiyaa hammaataa dhufuun rakkoo hongeen walqabatee mudatutti ida’ama. Waraanni biyya keessaa ji’oota 17f gaggeeffame kun qabeenya diinagdee fi xiyyeeffannoo siyaasaa guddaa kan silaa gidiraa hongeen geessisu hambisuufi lubbuu namoota haala gaddisiisaa ta’een badaa jiru baraaruuf fayyaduu danda’u fudhateera. Haaluma walfakkaatuun, walitti bu’iinsa Oromiyaa, Beenishaangul Gumuzii fi Gaambeellaa keessatti hammaataa dhufe haala sadarkaa seenaa Itoophiyaa dhiyeenya keessatti mul’atee hin beekneen dhiyeessii gargaarsa namoomaa fi dhaqqabummaa nyaata lubbuu baraaruu akka hin geenye gufuu ta’eera. AS

Hubachiisa: Gulaalliin kun jalqaba maxxansa Barruu Addis Standard baatii Bitootessaa Afaan Ingiliziin Maxxanfame.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.