Oduu: Ergamaan Addaa Ameerikaa Gaanfa Afrikaa Maayik Hamar gara Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Itoophiyaa imaluufi

Finfinnee, Onkoloolessa 4/2022- Biiroon Afyaa’ii Haajaa Alaa Ameerikaa (USA) ibsa baaseen ergamaan Addaa Gaanfa Afrikaa Ameerikaa Maayik Haamar Onkoloolessa 3, 2022 hanga 18, 2022 tti gara Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa fi Itoophiyaa kan imalan ta’uu beeksisee jira.

Ergamaan  addaa kun gara Gaanfa Afrikaa deebi’anii kan dhufan yaalii waraana Kaaba Itoophiyaatti godhamaa jiruu dhaabsisuuf godhamaa jiru daran jabeessuufi. Haaluma kanaan, Finfinnee kan dhufan mootummaa Itoophiyaa fi hoggantoota Gamtaaa Afrikaa waliin dhimmicha mari’achuufi.

Akkasumas, akkaataa raabsaa gargaarsa namoomaa ummata kaaba Itoophiyaatti sababoota waraanaa fi hongeetiin miidhamaniif itti taasisan irrattis hoggantoota Dhaabbattoota Mootummaa Walta’anii fi kanneen biroo wajjiin marii taasisu.

Gara Keeniyaa imaluun mootummaa Keeniyaa, dhaabbatoota Idil-Addunyaa, Dhaabbaatoota Miti -mootummaa fi qaamolee biroo dhimma nageenya naannichaa fi raabsaa gargaarsa namoomaarratti hojjatan wajjiin kan wal-qunnaman ta’uu, ibsichi addeessee jira.

Haamar gara Magaala Afrikaa kibbaa Piritooriyaa kan dhaqanimmoo adeemsa lola Itoophiyaa karaa nagaatiin hiikuuf Gamtaan Afrikaa gochaa jiru gargaaruufi. Dhimmoota lola Itoophiyaa fi nageenya Gaanfa Afrikaarratti garee hojjattoota Ameerikaa fi Afrikaa gidduutti Waashiingitanitti Fulbaana 27, 2022 Waashingitanitti mariin godhamuusaas ibsichi eereera. 

Finfinneetti ergamaan addaa Hamar qondaaltota mootummaa Itoophiyaa fi Gamtaa Afrikaa waliin ni mari’atu. Walitti bu’iinsa kaaba Itoophiyaa muudateef deebii kennuuf aanga’oota mootummoota gamtoomanii fi michoota biroo waliinis ni mari’atu. Walitti bu’iinsa jiru furuu fi araara biyyaalessaa galmaan gahuu keessatti dhimma mirga namoomaa irratti itti gaafatamummaan barbaachisaa ta’uu ergamaan addaa Hamar cimsee ni dubbata. Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irrattis tattaaffii gamtaa Afrikaa jalatti dantaa qaamolee hundaa ilaallatuu akkasumas naannoo nagaa fi badhaadhina qabuuf gumaachu irra ga’uuf tattaaffii taasifamu deeggaruun ni bobba’a. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.