Oduu: Mootummaan Itoophiyaan waamicha marii nageenyaa Gamtaan Afrikaa dhiyeesse fudhachuu beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 05/2022 – Mootummaan Itoophiyaa waamicha marii nageenyaa Gamtaan Afriikaa waraana Itoophiyaatti ji’oota 21f gaggeeffamaa ture furuuf dhiyeesse fudhachuu beeksise.

“Waamichi Gamtaan Afrikaa dhiyeesse ejjennoo mootummaan Itoophiyaa kanaan dura ture waliin kan walsimuudha. Mootummaan mariin kun giddu seentummaa Gamtaa Afrikaatiin qofa akka gaggeeffamu fi haal-duree tokko malee akka raawwatamu ejjennoo isaa akka ibse ni beekama,” jechuun Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen ibseera.

Mootummaan federaalaa kanaan dura yeroo fi bakka fedhetti mari’achuuf, akkasumas haalduree tokko malee mariin akka eegalamu qophii ta’uu ibse ture.

Mootummaan Naannoo Tigraay ibsa Fulbaana 11 baaseen, “adeemsa marii nageenyaa Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf qophii ta’uu” ibseera. Itti dabaluudhaanis, mootummaan naannoo Tigraay ”haala mijaawaa uumuuf jecha waliigaltee waraana dhaabuu atattamaa irra gahuuf” qophii ta’uu ibsuun, Gorsaa Pirezidaantii Naannoo Tigraay kan ta’e Geetaachoo Raddaa fi Hogganaa Olaanaa Raayyaa Ittisa Itoophiyaa duraanii Letenaal Janaraal Tsaadiqaan Gabratinsaa’e garee marii nageenyaa gochuun filate ture. 

Xalayaan waamichaa Onkoloolessa 01 Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa, Muusaa Faaqii Mahaamaatiin barreeffamee Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Tigraay fi Dura taa’aa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) Dabratsiyoon Gabramikaa’el (PhD)f ergame  marii nageenyaa Onkololeessa 08 irraa eegalee Afrikaa Kibbaatti gaggeessuuf karoorfame irratti akka hirmaatu affeereera.

Yaaliin marii nageenyaa kun qaamoleen lameen waliigaltee waraana dhaabuu baatilee shaniif ture cabsuun Hagayya 24 irra deebiin waraana erga eegalanii booda isa jalqabaati.

Akka xalayaa waamicha Dura taa’aa Gamtaa Afrikaa Musaa Faaqii Mohaammadiin barreeffame ibsutti, mariin nageenyaa kun Onkololeessa 08, 2022 irraa eegalee Afrikaa Kibbaatti gaggeeffama. Marichi Pirezidaantii Naayijeeriyaa duraanii fi Gamtaa Afrikaatti Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa kan ta’e Oluseguun Obaasaanjoon kan durfamu yoo ta’u, Pirezidaantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaattaa fi Pirezidaantii Itti aanaa Afrikaa Kibbaa duraanii Dr. Faamzilee Milimboo Nigukaa hirmaattota marichaa ta’uun ni argamu.

Ibsi mootummaan federaalaa har’a ganama baase xalayaa waamichaa yeroo walfakkaatutti ergameef deebii ta’uu fi dhiisuu isaa ifa miti. Gorsaa nageenya biyyooleessaa Ministira Mummee Abiy Ahmad kan ta’e Ambaasaaddar Reedwaan Huseen dhimma kana ilaalchisee barreeffama twiitara isaa irratti maxxanseen, mootummaan federaalaa waamicha Gamtaan Afrikaa mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay gidduutti marii nagaa eegaluuf dhiheesse fudhachuu isaa beeksiseera. Ambaasaaddar Reedwaan akka jedhetti, waamichi gamtichi godhe qajeelfama mootummaan Itoophiyaa waraana kana karaa nagaan xumuruu fi haalduree tokko malee marii eegaluuf qabate waliin kan walsimu ta’uu ibseera.

Hanga oduun kun maxxanfamutti mootummaan naannoo Tigraay waamicha Gamtaan Afrikaa marii nageenyaaf dhiheesse irratti deebii kenne hin jiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.