Oduu: Godina Baale Aanaalee Harannaa Bulluq, Barbarretti weerarri koleeraa muudate

Finfinnee, Onkoloolessa 5/2022- Godina Baalee aanaalee Harannaa Bulluq, Barbarretti weerarri koleeraa muudatachuu gabaasni Federeeshinii Waldaalee Fannoo Diimaa Fi Ji’a Diimaa Idil-addunyaa ni mul’isa. 

Gabaasni kun Fulbaana 16/2022- ministeerri fayyaa aanaalee lamaan keessatti weerarri koleeraa muudachuu labsee ture. Fulbaana 17-20 qorannoo gaggeeffameen aanaalee lamaan irraa  namoonni 102 dhukkubichaan qabamuu fi namni tokko akka du’e ni mul’isa.

Tatamsa’inni dhukkubichaa aanaa Harannaa Bulluqitti 55.1/100,000 yoo ta’u aanaa Barbarreetti ammoo 24.94/1000.  Kana malees weerarri kun gara aanaa Dollo Mannaattis mul’achuun gabaafameera, kunis balaa daran babal’achuu uuma jedha gabaasichi.

Aanaalee lamaan Haranna Bulluq fi Barbarree keessatti weerarri dhukkubichaa mul’ateera. Keessattuu ummanni aanoolee kanneen keessatti argaman hongeen saaxilamoo ta’uu isaaniitiin, mana fincaanii fi tajaajila qulqullina naannoo argachuun daangeffamuu isaatiin daran hammaateera. Aadaa  Bishaan danda’anii dhuguu naannoo sana akka hin jirres eerameera.

Bitootessa darbe naannoo Oromiyaatti namootni baay’ee dhibee finnoo fakkaatu Gifiraa fi Koleeraan dhibamanii lubbuu isaani akka darbe Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise. Haaluma walqabatuun naannoo Oromiyaa dabalataan, naannolee Somaalee fi Kibbatti kanneen dhibbaatamaan lakkaawwaman dhibee kanaan akka qabaman Dhaabbata Mootummoota Gamtooman (UN) gabaasuun isaa ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.