Oduu: Butii fi gudeeddiin naannoo Tigraay, Affaarii fi Amaaraa keessatti dabaluusaa UN ibse

Tigraay keessatti haleellaa saalaa irraa lubbuun hafan. Suuraa: Human Rights Watch/Hagayya 2021

Finfinnee, Onkololessa 6/2022- Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) dubartoonni sababa waraanaatiin naannolee Tigraay, Amaaraa fi Affaar irraa baqatan buttaa fi daldaala qunnamtii saalaatiif garmalee kan saaxilaman ta’uu ibseera. 

“Dubartoonnii fi shamarran baqattootaa fi buqqaatonni  biyya keessaa naannoo Tigraay, Affaari, fi Amaaraatti bakka nageenya qabutti socho’uuf osoo yaalanii butamuu isaanii nu sodaachiseera,” jedhan ogeeyyiin kunneen.

Akka ibsi Komishinii Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii baaseetti, ogeeyyiin kunneen keessumaa “garbummaa saalqunnamtii dabalatee, daldala saalqunnamtii, balaa daldala namaa yaaddoo keessa galaniiru”.

Qaamoleen waraanaa keessa jiran hundi kanaan dura gareewwan mirgaaf falman gudeeddii fi haleellaa saalqunnamtii akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun himatamaniiru.

Naannoo Tigraayitti daa’imman dhibbaatamaan  lakkaa’aman maatii irraa adda bahanii jiru akka ogeeyyiin kun jedhanitti, naannichatti hanqinni gargaarsa namoomaa itti fufuun rakkoo kana hammeessee jira.

Ogeeyyiin kunneenis waa’ee Dubartootaa fi shamarran Eertiraa “Miidhaa saalaaf, butamuu fi qe’ee isaanii irraa buqqa’uu hordofuun balaa addaatiin daddabarsuuf saaxilaman” yaaddoo qaban kaasaniiru.

Ibsi UNHRC baase akka jedhutti, ogeeyyiin kunneen mootummoota Itoophiyaa fi Eertiraa waliin mari’achaa turuu isaanii ibsuun, dubartootaa fi shamarran miidhaa saalaaf akka hin daddarbineef tarkaanfiiwwan biyyoolessaa, biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu hatattamaan akka fudhataman gaafateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.