Oduu: Mootummaan naannoo Tigraay Affeerraa Gamtaa Afrikaa fudhachuun ibsa gaafate

Finfinnee,Onkololessa 6/2022 – Ibsa kaleessa galgala baaseen, Mootumman Naannoo Tigraay affeerraa marii nageenyaa  Gamtaan Afrikaa godheef fudhadheeera jechuun qaamolee akka hirmaatan, taajjabdootaa fi ragaa baatonni affeeraman eenyuu  ta’anii fi  “gaheen qamolee idil- addunyaa maal akka ta’ee fi loojistikiiwwan akka geejibaa fi tikaa garee mari’attoota keenyaaf qophaa’e maal akka ta’e akka ibsamuuf” gaafatee jira.

”Garee mari’attootaa keenya Afrikaa Kibbaa erguuf nuti qophiidha.  Affeerraan nuuf godhamuun dura wanti nun mari’atame jiraachuu baatus mariin nageenyaa kuni bu’a qabeessa akka ta’uuf dhimmoota armaan gadii kan akka hirmaattonni biroo, taajjabdoonni fi ragaa baatonni affeeraman jiruu  jedhanirratti  ibsa ni barbaanna,” jedha xalayaan Pireezidaantii Naanno Tigraay Dabratsiyoon Gabra Mikaa’eeliin mallatteeffame.

Dabalataan, xalayaan Dura Taa’aa Gamtaa Afrikaa Mussaa Muhaammat Faqiif barreefame kuni akka jedhutti, “lola dhaabsisuun ajandaa keessan ijoo ta’uusaa beekuun adeemsa marichaa bu’a qabeessa gochuufis faayidaa kan qabu ta’a,” jedha. 

Xalayichis affeerraa Dura Taa’aa Gamtaa Afrikaa Muussaa Faqiitiin mallattaa’e Dabratsiyoon Gabra Mikaa’eeliif Onkololeessa 01 ergameef deebii laatameedha. 

Xalayaan Gamtaan Afrikaa  “Mariin nageenyaa qaamolee lamaan gidduutti taasifamu seera ittiin bulmaataa, dhimmoota ajandaa, maloota, gucaa fi gabatee yeroo marichaa irratti kan hundaa’e yemmuu ta’u waldhabbii mootmmaa feederaalaa Itoophiyaa fi ABUT gidduu jiruuf furmaata yeroo dheeraa kaa’uu fi marii itti fufiinsa qabu kan furmaata yeroo dheeraa fiduu danda’uuf dhagaa bu’uuraa kaa’uurratti kan fulleeffatuudha.” jedha. 

Mootumaan Itoophiyaa kaleessa akka jedhetti affeerraa Gamtaan Afrikaa godheef “eejjannoo mootummaa Itoophiyaa wajjiin kan wal simatu waan ta’eef,” fudhadheera jedheera. Mootummaan Itoophiyaa marichi Gamtaa Afrikaatiin qofaa fi haal-duree tokko malee ta’uu qaba jechuun isaa ni yaadatama.

Kanaan duras, mootummaan Federaalaa “yeroo kamiyyuu fi eessumattuu maridhaaf qophaa’aadha” kan jedhe yoo ta’u, “marichi garuu haal-duree tokko malee eegaluu qaba,” jedheera.

Ibsa Fulbaana 11 baaseen, Mootummaan Tigraay “marii nageenyaa cimaa Gamtaa Afrikaatiin godhamutti hirmaachuuf qophaa’aa ta’uusaa,” ibsee jira. Mootummaan Tigraay walligaltee waraana dhaabuu battalaa fi walootiif haala mijataa uumuuf godhamuuf ajajamuuf qophaa’aa ta’uusaa dabalee addeessuun, gorsaa Mootummaa Naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaa fi Hogganaa Humna Raayyaa Ittisa Itoophiyaa isa duraa Tsaadqaan Gabra Tinsaa’ee garee mari’attootaa  godhee kan filate yemmuuu ta’u “turtii tokko malee erguuf qophaa’aa dha,” jedheera.

Erga waliigalteen waraana dhaabuu ji’a shaniif hojiirra ture sababa gareewwan lamaan Hagayya 24 waraana itti fufanii fashalaahee booda yaaliinwwan garee lamaan araarsuuf godhaman keessaa inni kuni isa jalqabaati. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.