Oduu: Pirezidaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo Finfinnee gale

Finfinnee, Onkololeessa 06/2022 – Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo daawwannaa hojiif har’a ganama Finfinnee gale. Wayita Finfinnee gahuus Muummee Ministiraa  Abiy Ahimadiin simatameera. Pirezidaantichi turtii Itoophiyaa keessatti taasisuun dhimmoota biyyoota lamaanii, naannoo fi idil-addunyaa adda addaa irratti ni mari’atu jedhamee akka eegamu miidiyaaleen gabaasaniiru.

Pirezidaant Ruutoon gaaffii fi deebii France 24 waliin Fulbaana 23 taasiseen waa’ee waraana Itoophiyaa irratti kan dubbate yoo ta’u, ergamaa isaa Itoophiyaa fi DR Koongoo kan ta’e Pirezidaantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaattaan adeemsa furmaata karaa nagaa argachuuf akka itti fufu abdii qabu ibseera. “Baay’ee yaaddoo qabna, sababa ollaa keenya ta’aniif baay’ee yaaddoo qabna. Itoophiyaa keessatti wanti ta’u kamiyyuu Keeniyaa ga’a. Nuti lameen golee sana keessatti biyyoota diinagdee gurguddaa qabaniidha. Kanaaf Itoophiyaan laamsha’aa jirtu Keeniyaa laaffisti, kanaaf nuti keessa seenuun barbaachisaadha. Sababii kanaafidha yeroon aangoo fudhadhu Pirezidaantii na dura ture Keeniyaattaa waldhabdee Itoophiyaa keessa jiru furmaata akka argannuuf tattaaffii eegalame akka itti fufu kan gaafadhe,” jedhe.

Akkasumas Ministira Muummee Abiy Ahimad, Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoozaa, Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa duraanii Taaboo Mbeekii, fi Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkeen waliin “qormaatawwan Itoophiyaa hiikuuf akkaataa bu’uuraafi mala ittiin kaa’uu danda’amu irratti” mari’achuu isaa ibseera.  

“Waraanni sun lubbuu namaa dhabamsiisaa kan jiruufi Gaanfa Afrikaatiin bakka baay’ee mucucaatu fi baay’ee balaa ta’e taasisa” kan jedhe Ruutoon, bu’uura Gamtaa Afrikaa jalatti, deeggarsa Bakka Bu’aa olaanaa Gamtaa Afrikaa Gaanfa Afrikaa Oluseguun Obaasaanjoo fi ergamaa isaa Uhuruu Keeniyaattaa, fi qooda fudhattoota biroo hundaan, “yeroo gabaabaa keessatti qaamolee lamaan gara mariitti fiduuf” amantaa qabu ibseera. 

Daawwannaan isaa mootummaan federaalaa fi mootummaan naannoo Tigraay “marii nageenyaa” Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamuuf beellamameef waamicha Gamtaa Afrikaa irraa dhiyaate fudhachuu isaanii erga beeksisan guyyaa tokko booda gaggeeffame. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.