Oduu: Naannoo Gambeellatti Gareen Qindaa’e Hojjattoota KMNI Sodaachisuun Ibsame

Finfinnee,Onkololessa 7/2022 – Namoonni gareen qindaa’an Onkolooleessa 5, 2022 biiroo Koomishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) damee Gaambeellaatti argamuun  hojjattoota dhaabbatichaatti dhaadachuun, qabeenya barbadeeessuun “dhaabbilee mirga namoomaa biroo magaalattii keessa jiranis gadhiisanii akka bahaniif akeekkachiisaniiru,” jedhe KMNI.

Gabaasa Fulbaana 28 baaseen sababa humnoota nageenyaa mootummaa fi waraanni riphee loltoota naannicha keessa socho’an [waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Adda Bilisummaa Gaambeellaa(ABG)] wajjiin godhameen lubbuun namootaa darbuusaa gabaasee ture. Erga haleellaan garee lamaan giddduutti godhame raawwatee booda Fulbaana 17 fi 18, 2022 “humnoonni nageenyaa  mootummaa lammiileee nagaarratti miidhaa geessuusaanii” KMNI gabaasee ture.

KMNI ibsa Onkoloolessa 6, 2022 baaseen akka jedhetti, badiin kuni kan qaqqabe sababa KMNI gabaasa haala sarbiinsa mirga namoomaa ilaalchisee baaseen kan walqabatu ta’uusaa eereera.

“Haata’u malee, erga gabaasichi ifa ta’ee booda ergaawwan jibbaa, sobaa fi dhaadannoo kan hojjattoota KMNI irratti xiyyeeffatan miidiyaa  hawaasaa fi miidiyaalee adda addaarra naanna’aa tureera,” jedha ibsi KMNI.

Koomishinarri KMNI Daani’ee Baqqalaa(PhD) mootummaan federaalaa fi naannichaa gochaa akkanaa dhaabsisuuf tarkaanffi hatattamaa akka fudhatan gaafataniiru.

“Hojjattoonni keenya yeroo qorannoo adeemsisan rakkoowwan adda addaa kan isaan qunnamu ta’us gochaan akkanaa kan dhaabbattoota mirga namoomaa biyyaalessaa fi hojjattoota irratti xiyyeeffatu gonkumaa fudhatama kan hin qabnee fi akkaataa qabiinsa mirga namoomaa naannicharratti ilaalcha badaa kan uumu waan ta’eef mootummaan federaalaa fi naannichaa waloon ta’uun badii kana hatattamaan dhaaabsiisuuf tarkaanfii akka fudhatan Koomishinichi ni hubachiisa,” jedhe  Koomishinar Daani’eel.

KMNI ibsa Fulbaana 28 baaseen, sababa waraana garee riphee loltootaa fi humnoota nageenyaa mootummaa gidduutti godhameen lubbuun namoota 50 ta’an darbuusaa gabaasee ture.  Haata’u malee, Mootummaan Naannoo Gaambeellaa gabaasichi “saba Gaambeellaa fi obbolootaasaanii Itoophiyaa biroo naannicha keessa jiraatan walitti buusuuf yaadamee kan hojjatame” jechuun balaleeffatee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.