Oduu: Walitti Bu’insi, Hongeen dubartoota Haleellaa Koorniyaatiif saaxilaa jira

Tigraay keessatti haleellaa koorniyaa irraa lubbuun hafan. Suuraa: Human Rights Watch/Hagayya 2021

Finfinnee, Onkololessa 7/2022- Haleellaan Koorniyaa dubartoota irra gahu sababa hongee fi walitti bu’insatiin dabalaa jiraachuu eera gabaasni Fandii Uummataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii(UNFPA)  fi Kilaastara Eegumsaa(Protection Cluster). 

Lakkoofsi namoota Haleellaan Koorniyaatiin miidhamanii gargaarsa barbaadan bara 2021 miliyoona 3.5 kan ture bara 2022 gara 5.8Mtti ol guddachuun naannolee walitti bu’iinsa, hongee fi lolaadhaan miidhaman keessatti babal’ateera jedha gabaasichi.

Haleellaan Koorniyaa  hawaasa Itoophiyaa keessatti waldhabdee, walitti bu’iinsa, lolaa, fi hongee dabalatee balaawwan adda addaatiin miidhaman keessatti yaaddoo ijoo ta’uu kan eere gabaasni kun waldhabdeen fi haalli tasgabbii dhabuu akkaataa loogii dubartootaa fi shamarran irratti raawwatamu duraan ture hammeesse, kunis balaa haleellaa koorinyaa fi gochoota miidhaa geessisan biroof isaan saaxileera jedhe. 

Hongeen Itoophiyaa miidhu keessattuu naannolee Somaalee, Oromiyaa fi Affaar keessatti haleellaa koorinyaa dubartootaa fi shamarraniif hammeessaa jira, gabaasaleen haleellaa koorniyaa fi gaa’ila yeroo malee raawwatamu,akkasumas kittaannaan raawwatama jiraachuu agarsiisu.

Haata’u malee dubartoonni haleellaa koorniyaa irraa lubbuun hafan tajaajila addaa haleellaa koorniyaa qulqullina qabuu fi lubbuu baraaruu danda’u, kan akka Bulchiinsa Kilinikaalaa Gudeeddaa , deeggarsa xiinsammuu-hawaasummaa , bulchiinsa dhimma haleellaa Koorniyaa, gargaarsa seeraa, fi mala rifaralaa argachuu hin danda’an. Kunis hanqina tajaajilaa, hanqina hubannoo, sodaa maqaa balleessii fi sirna rifaralaa laafaa ta’uu isaatiin naannolee waldhabdeen miidhaman keessatti tajaajila addaan cituu fi sarara bilbilaa hojiirra ooluu dhabuu irraa kan ka’e ta’uunis ibsameera.

Kana malees gabaasichi Itoophiyaa keessatti haleellaan koorniyaa irratti hundaa’e baay’inaan kan mul’atu yoo ta’u, dubartoonni umuriin isaanii waggaa 15-49 ta’an kan bultii horatan keessaa %35 miidhaa qaamaa, miiraa, ykn saalaa abbaa warraa isaanii ykn hiriyaa gaa’elaa isaanii irraa kan isaan mudatu yoo ta’u, %68 haadha manaa reebuun sirrii ta’uu akka danda’uu fi  dubartoota umuriin isaanii 15-49 ta’an keessaa %65 kittaannamuun isaanii ibsameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.