Oduu: Namni dhuunfaan maallaqa birrii kuma 100 ol, dhaabbatni birrii kuma 200 ol baankiin ala kaawwachuun dhorkaadha: Baankii Biyyooleessaa Itoophiyaa

Finfinnee, Onkololeessa 07/2022 – Itoophiyaa keessatti namni dhuunfaan maallaqa birrii kuma 100 ol, dhaabbatni ammoo birrii kuma 200 ol baankiin ala  kaawwachuun dhorkaa ta’uu Baankiin Biyyooleessaa Itoophiyaa beeksise. Akkasumas Warqee karaa seeraan alaa mana keessa keewwachuunis dhorkamuu ibseera. 

Bulchaan Baankii Biyyooleessaa  Yinnaagar Dassee (PhD)dhimma to’annoo jijjiirraa maallaqa seeraan alaa fi tarkaanfii bulchiinsaa irratti fudhatamu, akkasumas qaala’iinsa gatii ilaalchisee ibsa kenneera.  Ibsa har’aa irratti Itoophiyaa keessatti riiformii diinagdee godhameen bu’aan argamaa jiraachu kan hime Yinnaagar, qaala’insa gatii fi sirna gabaa ammayyeessu irratti hanqinni jiraachuu ibse. 

Jijjiirraa maallaqa biyyoota alaa karaa seeraan alaa raawwatamu qaala’insa gatii fi rakkoo sirna gabaa uumamuuf dhibbaa guddaa geessisaa jira kan jedhe Yinnaagar, haaluma kanaan qaamolee jijjiirraa maallaqa seeraan alaa irratti bobbahanii jiran irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu eeruun, namootni jijjiirraa maallaqa seeraan alaa irratti bobbahanii argaman, lakkoofsaan 391 ta’an, herreegni baankii isaanii akka cufamu taasifamuu himeera. 

Yinnaagar, yakkoota akkanaa ittisuu fi yakkamtoota gaafatamaa taasisuuf hojii to’annoo cimaa ni gaggeeffama jedhe. Maqaan namootni yakka kana irratti hirmaatanii jiran Ministeera Haqaatti erguun hojiin qorannoo akka itti fufu taasifamuus hime. 

“Lammiin Itoophiyaa kamuu namni dhuunfaan maallaqa birrii kuma 100 ol, dhaabbatni ammoo birrii kuma 200 ol mana isaa keessatti kaawwachuun dhorkaa ta’uu beekamu qaba. Maallaqni baankii keessa taa’uu qaba. Namoota yakka kana irratti eeruu laachuun saaxilan haala iccitii qabu fi nageenya isaanii mirkanaa’etti ni badhaafamu. Namni nama maallaqa sanaa ol keewwate irratti eeruu laate maallaqicha irraa 15% ni laatamaafi,” jedhe Yinnaagar. 

Kana malees warqee seeraan ala mana keessa kaa’uun dhorkaa akka ta’e fi namni dhimma kana irratti eeruu laatees gatii yeroos jiruun shallagamee 15% akka argatu ibseera. Akkasumas namni qaamolee maxxansa maallaqaa seeraan alaa irratti bobbahan saaxile qarshii kuma 20 hanga kuma 200 akka laatamuuf ibsameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.