Oduu: Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti riqichi jiguun barattoota kutaa 12ffaa irra miidhaan gahe; lubbuun barataa tokko darbe

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Onkololeessa 10/2022 – Har’a ganama riqichi mooraa guddicha Yuunivarsiitii Hawaasaa fi mooraa teeknooloojii walqunnamsiisu jigee barattoota kutaa 12 irra miidhaan gahuu bulchiinsi Yuunivarsiitichaa fi waajjirri Nageenyaa Mootummaa Naannoo Sidaamaa beeksisan.

Hogganaan Waajjira Nageenyaa Naannoo Sidaamaa Alamaayyoo Ximotewoos Raadiyoo fi Televiziyoonii Kibbaaf akka himeetti; hanga ammaatti barataan tokko sababa miidhaan irra gaheen lubbuun isaa darbuu fi barattoonni lama baay’ee akka miidhaman akkasumas kanneen biroo ammoo miidhaan salphaan irra gahe Hospitaala Rifaraal Hawaasaatti yaalamaa jiraachu ibse.

Yuunivarsitiin Hawaasaa dhimmicha ilaalchisee ibsa baaseen; Riqichi mooraa guddicha Yuunivarsiitii Hawaasaa fi Inistiitiyuutii Teeknooloojii waliin walqunnamsiisu sababa baay’ina barattotaa humnaa ol ta’een akka jigee beeksiseera.

“Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti har’a barattoonni kutaa 12ffaa mooraa guddicha irraa gara Inistiitiyuutii Teeknooloojiitti yeroo ce’aan riqicha mooraa lamaan walqunnamsiisu irratti dandeettii ba’aa riqichicha ol barattootni hedduu waan irra bahaniif jiguun balaan mudateera,” jedhe Yuunivarsiitichi.  

Ministeerri Barnootaa gama isaatiin dhimma kana ilaalchisee ibsa baaseen barattootni balaa dhaqqabeen miidhaman Hospitaala keessatti wal’anamaa akka jiranii fi erga bayyaannatanii booda marsaa biraan akka qoraman akka taasifamu ibse. Yeroo ammaa kanas guutuu biyyattiitti barattootni kuma 560 ta’an wiirtuuwwan qormaataa 131 keessatti nagayaan qormaaticha fudhachaa akka jiran beeksiseera.    

Waajjira Barnootaa Naannoo Sidaamaa, mooraa guddichaan alatti moraawwan shan Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti qormaanni kennamaa jiraachuu fi wiirtuuwwan qormaataa biroos akkaataa sagantaa qabameen qormaata kennaa akka jiran beeksiseera.

Sababa balaa mooraa guddicha keessatti mudateen barattoonni wiirtuu qormaataa mooraa sana keessatti ramadaman qormaata fudhachuu waan hin dandeenyeef Ministeera Barnootaa waliin irratti mari’atamee filannoo biraa ni barbaadama jedhe.

Barattoonni wiirtuu qormaataa kana keessatti ramadaman hedduu haala jiruun jeeqamuun mooraa sana godhiisanii bahaa akka jiran gabaafamaa kan jiru yoo ta’u, waajjirri barnoota naannichaa barattoonni har’a waaree booda tasgabbaa’anii gara wiirtuuwwan qormaatatti deebi’anii qormaata itti aanu akka fudhatan gaafateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.