Oduu: Namootni Koree Mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa Hudeessuun Himataman Baatii Lama Booda Mana Murtii Dhiyaatan

Gaazexeessitoota ONN lama dabalatee namoota himannaa kanaan himataman keessaa muraasa

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Onkololeessa 11/2022 – Gaazexeessitoota ONN lama dabalatee himatamtootni 17 galmee Qaasiim Abdullaahi jala himata “Koree Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa hundeessuu” jedhuun himataman baatii lama booda Jimaata darbe Onkololeessa 07, 2022 Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhiyaataniiru. Oolmaa dhaddacha guyyaa sana irratti abbaan alangaa ragaa nama torba dhageessisuu Abukaatoon himatamtootaa, Guddannee Fiqaaduu Addis Standarditti himeera.

Guddanneen oolmaa dhaddacha Jimaata darbe yeroo ibsu, “Dhaddachi guyyaa sanii ragaa abbaa alangaa dhiyeessu dhaggeeffachuuf beellamame ture. Akkaatuma kanaan abbaan alangaa ragaa namaa 15 dhiyeessee isaan keessa kan namoota torba dhageessiseera. Manni Murtiis ragaa erga dhaggeeffate booda adeemsa itti aanu irratti [ragaa dhiyaate qoratee itti fufiinsa falmii irratti murteessuuf] beellama biraa laateera. Kanaan ala ammoo ragaa waraqaa fi suur-sagalee abbaan alangaa dhiyeesse waan nu harka gaheef beellama itti aanuun dura isarratti yaada keenya akka dhiyeeffannu ajajamneerra,” jedhe.

Manni Murtichi ragaa abbaan alangaa dhiyeesse qoratee adeemsa falmii itti aanu irratti murteessuuf Sadaasa 03, 2022tti akka beellame abukaatoon himatamtoota kunneen, Guddanneen Addis Standardiif himeera.

Dhaddacha Adoolessa 07 ooleen abukaatoonni himatamtootaa himata abbaan alangaa fooyyeessee dhiyeesse keeyyata yakkaa himaticha keessaa akka bahu ajajame ture [keeyyata 258] lakkoofsa isaa qofa baasuun qabiyyee keeyyaticha keessa jiran ammallee himata keessa waan jiraniif akkaataa dhaddacha kanaan dura irratti ajajameen hin raawwatamane jechuun mormanii turan.

Mormii himatamtootaa booda dhaddacha yeroo darbe Adoolessa 21 ooleen manni murtiichi wantootni ijoo himata keessatti tarreeffaman keeyyata yakkaa 258 keessatti kan eeraman ta’uus keeyyata 238 keessa hin eeramne kan hin jechisiifne waan ta’eef, akkasumas dhimmi kun adeemsa falmii irratti akka ragaatti kan dhiyaatu malee amma akka mormii sadarkaa duraatti kan dhiyaatu miti jechuun mormii himatamtootaa kufaa taasisuun himata abbaan alangaa yeroo lammaffaaf fooyyeesse dhiyeesse fudhatama argate ture.

Dhaddacha Adoolessa 21 irratti himatamtootni jecha akka laatan kan godhame yoo ta’u, akkaataa jecha laataniinis, “gochi raawwatameera jedhame kun yakka akka hin taane, mootummaa cee’umsaa Oromiyaa hundeessuunis heera mootummaatin kan eeyyamamu fi yaada ofii bilisaan ibsachuu bu’uura kan godhate akka ta’e, hundeeffama koree kanaas kallattii paartilee ABO fi KFO irraa itti laatameen qaama hawaasaa adda addaa irraa fi paartilee lamaan irraa walitti babbahanii akka ijaarame, akkasumas Komishinii Poolisii Oromiyaa, waajjira Pirezidaantii Oromiyaa, Biiroo Haqaa Oromiyaa fi Caffee Oromiyaa dabalatee qaamolee dhimmi ilaallatu hunda xalayaadhaan beeksisuun kan socho’an ta’uu ibsuun yakka raawwanne hin jiru” jechuun yaada laatanii turan.

Himatamtootni kunneen Mootummaa Cee’umsaa Oromiyaa hundeessuuf mootummaa adeemsa seera qabeessaan hundeeffame diiguuf hojjetaniiru jedhamuun Sadaasa 13, 2021 to’annoo jala kan oolan yoo ta’u, yeroo ammaa kana magaalaa Sabbataa mana hidhaa Daalattiitti argamu. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.