Oduu: Dhaabbata Albuudaa KEFI fi Mootummaan karoora hojii marsaa jalqabaa hawaasa deebisanii qubsiisuu, carraa hojii, Albuuda Warqee Tulluu Kaappiitti nageenya fooyyeessu irratti waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 22/2022 – Dhaabbanni qorannoo fi misooma albuudaa Itoophiyaa fi Sa’uudii Arabiyaa keessatti pirojektoota qabu, Tulluu Kaappii, bakka bu’oota dhaabbilee mootummaa Itoophiyaa adda addaa waliin walga’ii guyyoota sadiif turu milkaa’inaan xumuruun tarkaanfiiwwan hatattamaan

Pirojektii Warqee Tulluu Kaappii, Oromiyaa Lixaa magaalaa Ayraa-Gullisoo irraa gara bahaatti 28km fagaatee kan argamu, eegaluu dandeessisu fudhatamuu qaban irratti waliigaluu isaa beeksise.

Akka ibsa dhaabbata albuudaa KEFI Addis Standardiif ergetti, walga’iin guyyoota sadiif ture kana irratti dhaabbata albuudaa Tulluu Kaappii fi dhaabbileen mootummaa adda addaa fi kanneen biroo irratti argaman “hojiirra oolmaa qubsuma hawaasaa marsaa jalqabaa, hojjettoota qophii iddoo irratti bobbahan dabaluu, fi sochiin namootaa akkuma dabalaa deemuun eegumsa nageenyaa fooyyessuu dabalatee karoorawwan hojii irratti waliigalaniiru. ”

Qooda fudhattoota walga’icha irratti argaman bakka bu’oota hawaasaa pirojektiin miidhaman, Ministeera Maallaqaa, waajjira Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, bulchiinsa Godina Wallagga Lixaa, waajjira bulchiinsa lafa Oromiyaa fi godinaalee, dhaabbilee haaromsaa fi deebisanii dhaabuu, bulchiinsa aanaalee Geenjii, Gimbii fi Laaloo Assaabii, humnoota nageenyaa naannichaa, Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa fi Dhaabbata Humna Elektirikii Itoophiyaa ta’uu dhaabbatichi beeksiseera.

Waltajjiin marii kun kan gaggeeffame walga’ii dhiheenya kana KEFI fi Ministeera Albuudaa, Ministeera Maallaqaa fi waajjira Muummicha Ministeeraa gidduutti taasifameen ijaarsa pirojektii fi waliigalteewwan hojii fi faayinaansii xumuruuf tumsaan ciminaan hojjechuuf waadaa waliif galan hordofeeti.

Hojii Raawwachiisaan dhaabbata KEFI, Haarii Anaagnostaaraas-Adaams, yaada kenneen: “Bu’uuraalee misoomaa naannichaa qixeessu fi tajaajila deeggarsaa kennuudhaaf, hawaasa fi dhaabbilee mootummaa dabalatee qooda fudhattoota hedduu waliin harka walqabatanii hojjechuun garee keenyaaf kabaja guddaadha. Pirojektiin Warqee Tulluu Kaappii waggoota kurnan hedduuf Itoophiyaa keessatti kan jalqabaa kan ta’u yoo ta’u, raawwii hawaasummaa, naannoo fi teeknikaa sadarkaa idil-addunyaa olaanaa ta’e eeguuf kutannoo tumsaan akka galma ga’u guyyoota muraasa darban keessatti hundi keenya walii galleerra,” jedhe.

Pirojektiin Warqee Tulluu Kaappiin oomisha waggaa guutuu jalqabaa bara 2025tti tilmaamaan doolaara Ameerikaa miiliyoona 250 akka argamsiisuuf karoorfameen dhaabbilee gurguddoo Itoophiyaa maallaqa alaa olaanaa argamsiisan keessaa tokko ta’a jedhamee kan eegamu yoo ta’u, carraa hojii kallattii tilmaamaan 1,000 fi hojii al-kallattiin namoota 5000 – 10,000f akka uumu karoorfameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.