Oduu: Yuunivarsitiin Jimmaa moojula sociology “dogoggoraa fi seer-maleessa” qopheessuun walqabatee hojjettoota lama hojii irraa ittise; koreen naamusaa dhimmicha qorachaa jira

Yuunivarsiitiin Jimmaa

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Fulbaana 23/2022 – Yuunivarsiitiin Jimmaa, Yuunivarsiitichaatti sagantaa barnoota fagoo Muummee Sooshiyoolojiitiin kennamuun moojula gosa barnootaa ‘Sociology of Ethiopian Societies’ jedhamuuf barattootaaf qophaa’e irratti dhimma seenaa ummata Oromoo irratti ibsi “dogoggoraafi seer-maleessa” kennameen walqabatee hojjettoota lama hojiirra ittisuun murteewwan adda addaa akka fudhataman beeksiseera. Moojulichi sagantaa barnoota fagoo Muummee Sosholoojii Yuunivarsitichaatin kan qophaa’e yoo ta’u, guyyoota muraasa darban keessatti qeeqa cimaa keessummeessaa tureera.

Dhimma kana ilaalchisee Addis Standardiif yaada kan laate Pirezdaantiin Yuunivarsiitichaa Jamaal Abbaafiixaa (PhD) murtoo darbe mirkaneessuun, “Yuunivarsiitichi adeemsa hojii cimaa qaba. Moojuloonni yeroo qophaa’an adeemsa gulaallii adda addaa keessa darbu. Kanaafis hojjettoonni Yuunivarsiitichaa waliigaltee yuunivarsiitichaa waliin mallatteessan jira. Muuxannoo fi baay’ina dabalatee madaalliiwwan nama barreessuu fi gulaaluuf kaawwame jira. Haaluma kanaanis kanaan dura rakkoon nu mudatee hin jiru. Kan ammaa kun rakkoo adeemsa hojii keessa mudate ta’u danda’a,” jedhe.

Moojulli barnootaa “Sociology of Ethiopian Societies, (SOCI 2022)” jedhamu kan barana Ebla 2022 Yuunivarsitii Jimmaatti maxxanfamee ba’e fuula 48 – 49 irratti “Oromoon qe’ee isaa kan ture gammoojjii gara kibbaa irraa ol godaanee lafa giddugalaa fi lixa biyyattii kan Amaaraa ture irraa qubate” jedhu fi “Sirni Gadaa mirga dubartootaa waan hin kabajneef dimokiraasii ammayya irraa baay’ee fagoodha” jechuun isaa fayyadamtoota miidiyaa hawaasummaa biratti qeeqamaa ture.

Qeeqa guddaa kana hordofee deebii kan kenne bulchiinsi Yuunivarsiitichaa, xalayaa mallattoo Pirezdaantii Yuunivarsiitii Jimmaa Jamaal Abbaa Fiixaatin (PhD) gara I/ Aanaa Pirezdaantii Dhimmoota Akkaadaamii Yuunivarsiitichaatif ergameen, moojula sagantaa barnoota fagoo raabsame irratti yaadni fi ibsi kenname kan ejjennoo Yuunivarsiitii Jimmaa hin ibsine tahuu hubachiisuun sirreeffamni atattamaa akka taasifamu ajajeera.

“Ibsi Moojula raabsame irratti dhiyaate kan ummataa fi ummata walitti buusuu fi seera bilisummaa akkaadamii dhaabbata barnoota olaanoo seeraan alaa fayyadamuun kan barraa’eedha” kan jedhe Yuunivarsiitichi, moojulichi akka hin baay’ifamne, barattootaaf kan raabsames akka sassaabamu godhamee atattamaan akka dhabamsiifamu ajaja dabarseera.

Kana malees, qaamonni hojii kana keessatti hirmaatan keessattuu barreessaafi gulaalaan moojuulichaa guyyaa kaleessaa Fulbaana 22, 2022 irraa kaasuun hojiirraa dhaabsifamanii seera Yuunivarsiitichaatiin dhimmichi koree namuusaaf dhiyaatee atattamaan murtiin akka itti kennamu murtoo dabarseera. Rakkoon akkanaa irra deebiin akka hin mudanneefis kitaabota barnootaa Yuunivarsiitichaa hunda irratti xiinxalli gadi fagoon akka taasifamu murtaa’uu beeksiseera.

Dr. Jamaal dhimmicha irratti yaada isaa yeroo ibsu, “dhimmi kun yeroo bulchiinsa Yuunivarsiitichaa bira gahu dafnee kan goone tarkaanfii fudhachuu fi akka qoratamu taasisuudha. Dhimmi kun koree naamusaatin ilaalamaa waan jiruuf hanga qorannoon sun dhumutti bal’inaan ibsamu baatuus, dhimmichi qulqullina barnootaa kan gadi buusu fi rakkoo hawaasummaa guddaa kan geessisu waan ta’eef xiyyeeffannoon ilaalamee qoratama. Yuunivarsiitichi hojimaatawwan jiran qoratee tarkaanfii ni fudhata. Bu’aa qorannoo kanaas uummataaf ifa goona. Hanga moojula biraa qophaa’utti mala to’annoo rakkoo (crisis management system) fayyadamnee barnooticha akka itti fufu taasifna. Moojula kan sassaabanii gatuu bira darbee rakkoon walfakkaataa deebi’ee akka hin uumamneefis kanneen biroo irrattis xiyyeeffannoon kennameefi qoratama,” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.