Oduu: Humnootni Nageenyaa Hayyuu Oromoo Beekamaa Gammachuu Magarsaa Yeroo Gabaabaaf Too’atan

Geetaahun Laggasaatiin

Finfinnee, Fulbaana 24/2022 – Humnootni nageenyaa hayyuu Oromoo beekamaa Gammachuu Magarsaa (PhD) guyyaa kaleessaa erga to’atee booda gadi lakkisuu, ilmi isaanii kan ta’an Soolan Gammachuu Addis Standarditti hime.

Humnootni nageenyaa ganama sa’aatii 12:30 mana jireenyaasaaniitii fudhanii guyyaa guutuu erga to’annoo jala oolchanii booda galgalarra gadi lakkisuusaanii, Soolan himeera.

Dr. Gammachuun har’a ganama gara poolisii magaalaa Finfinnee deebi’uun bilbila isaanii kan harkaa fuudhame poolisii irraa  fudhate.

Gammachuun hayyuu Oromoo beekamaa fi barreessaa aadaa, siyaasaa fi seenaa ummata Oromooti. Dhiheenya kana kitaaba “Duudhaalee Beekumsa Qulqulluu Oromoo Gaanfa Afrikaa”(Sacred Knowledge Traditions of the Oromo of the Horn of Africa) jedhu haadha warraa isaanii Dr Aneesaa Kassam waliin barreessanii turan. Seenaa Itoophiyaafi hariiroo ummanni Oromoo mootummaa Itoophiyaa waliin qabu  qeequun beekama.

Akka Soolan jedhetti, poolisiin sababa Gammachuu to’ateef hin ibsine.

Hayyoonni  to’annoo jala oolfamuun  yeroo jalqabaaf miti. Ebla bara darbee keessa hojjattoonni Yuunivarsiitii Jimmaa kudhan fonqolcha mootummaa yaalan, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) deeggaran jechuun to’annoo jala oolfamanii turan. Barsiisota kana keessaa 8 Ebla 2, 2021 to’annoo jala kan oolan yoo ta’u, kanneen hafan lamaan ammoo Ebla 4 fi 5 too’anno jala ooluu abukaatoon himera. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.