Hubachiisaa: Waldhabbii Itoophiyaa: Siyaasa Sabummaa fi Federaalizimii Federeeshinii Dhabe

Guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummatoota Itoophiyaa 13ffaa Muddee 08 bara 2018 Finfinneetti gaggeeffame.
Suuraa: Anadolu Agency/V
iidiyoo irraa fudhatame

Milkeessaa Miidhagaatiin @milkessam

Ibsa Fulbaana 11, 2022 baaseen, Koomishiniin Gamtaan Afrikaa kutannoo Mootummaan Naannoo Tigraay waraana karaa nagaatiin hiikuu fi waliigaltee waraana dhaabuu karaa Gamtaa Afrikaatiin godhamuutti hirmaachuuf mul’ise simatee jira.

Oduun kuni kan himame, waraanni Tigraay dhaabbatee ture Hagayya 24, 2022 irraa eegalee itti fufee fi walitti bu’iinsa Oromiyaa keessaa kan akka addaatti Ebla 19, 2022 eegalee boodadha.

Waraanni Kaaba biyyattii daran cimaa dhufuunsaa gabbaafamaa waan jiruuf, waamichi waraana dhaabuu taasifamaa tures waan fashalaa’e fakkaata.

Iddoowwan Tigraay, Amaaraa, Affaarii fi Oromia waraanaan miidhaman irraa kan hafe, hongeennaannoowwan gammoojjii Itoophiyaa kan akka naannoo Somali, Bahaa fi Kibba Oromiyaa fi walakkaa Naannoo Sabaa fi Sablammootaa fi Ummmatoota Kibbaatti uumame haala namoomaa hammeessee jira.

Akka gabaasaawwan tokko tokkootti, sababoota waraanaa, hongee fi qaala’iinsa jireenyaatiin ummanni Itoophiyaa miliyoona 23 ol ta’an gargaarsa midhaan nyaataa hattatamaa barbaadu.

Itoophiyaa keessatti fedhii saboota qubsuma mataa isaanii irra jiraatan irraa  kan madde ta’uusaa kan falmu dha. Haata’u malee, dandeettiin federeeshinii seera-qabeessa hawaasa hundaan fudhatama gahaa qabu hin ijaaramne

Barruun kuni qabxiilee hidhata qaban lama addeessuuf dubiiftoota gara jalqabaatti deebisuu barbaada. Qabxiin inni jalqabaa sababiin walitti bu’iinsa naannoowwan Tigraayii fi Oromiyaa keessaa bu’uurri isaa waldhabbii yaadrimee ‘siyaasa naationalism’ fi ‘siyaasa ethnicity’ gidduu jiru ta’uusaa kan hubachiisu ta’a.

Qabxiin lammataammoo sababiin barbachisummaa federaalizimii biyya, Itoophiyaa keessatti fedhii saboota qubsuma mataa isaanii irra jiraatan irraa  kan madde ta’uusaa kan falmu dha. Haata’u malee, dandeettiin federeeshinii seera-qabeessa hawaasa hundaan fudhatama gahaa qabu hin ijaaramne. Ta’us guddachuu qaba.

Barruun kuni burjaaja’iinsa rakkinoota hawaasaa [Itoophiyaatiin] wal qabatanii jiran ifa gochuun taajjabdoota addunyaa fi yaada laattota rakkina siyaasa Itoophiyaa ijoon maal akka ta’e beekuu barbaadaniif haala adda ta’een gargaaruu danda’a.

Mee jalqaba gaaffii siyaasa ‘politics of nationalism’ fi ‘ethnic politics’ gargar nuuf baasuu danda’u haa gaafannu. Adeemsa haala Itoophiyaa keessa jiru sirriitti kan ibsu isa kami? Wal dhabbii yaadrimee siyaasa armaan olii yeroo kaafnu, jechoonni nationalism  fi ethnicity hariiroo kan qaban ta’us tokkoo miti.

Akka qor-hawaasummaatti, gareen tokko akka garee national yookiin akka garee ethnic  ilaalamuuf afaan, eenyummaa, seenaa, aadaa fi duudhaa, fi xiinsammuu waloo qabaachuu qaba kan jedhu lamaansaaniyyuu ni fudhatu.

Nation ta’uuf garuu fedhiin “akka biyyaatti ofiin of bulchuu” yookiin daangaa biyyattii keessatti bulchiiinsa mataa ofii qabaachuu jedhu waan dabalatuuf dhimmoota kanneen biras ni darba.

Yoo garaagarummaan yaadota armaan olii garaagarummaa sadarkaa guddina hawaasaati yoo ta’e, nation/sabni siyaasaan kan guddate ta’uu agarsiisa jedhuudha.

Walumaagalatti, sabaa fi sablammoonni Itoophiyaa (national groups) uummatoota qubsuma mataa isaanii qabanii fi ofiin of bulchaa turaniidha. Mootummaan giddu galeessaa garuu isaanitti dhaqee, isaan weeraree isaan dhuunfate malee isaan isatti hin dhaqne.

Akkuma Will Kymlicka ibsetti ‘ethnic group’ jechuun garee lakkoofsaan xiqqoo ta’anii fedhasaaniitiin gara uummata lakkoofsaan baay’ee ta’aniitti makaman, gaaffiin isaaniis mirgoota hawasdinagdee kan hin dabarre yoo ta’u, kan lammataa immoo ‘national group’ kan jedhaman warra humnaan weeraramanii qabamani yoo ta’u gaaffiin isaaniis gaaffii siyaasaa ofiin ofbulchuu fi akka biyyaattis bakka bu’insa sirrii qabaachuudha. (Fuula 75).

Inni lammataa biyyoota akka Kanaadaa, Beeljiyemii fi Ispeenii keessatti feedereshinii sab-daneessummaa kan fideedha. Itoophiyaa keessatti, humnooni hawaasaa fi siyaasaa ofiin of bulchuuf falman naannoowwan ofiin of bulchaa turanii boodarra garuu dhuunfatamanii dha.

Hawaasni naannoo tokkoo gara naannoo biraatti godaane, qubsuma mataa isaa hin qabne amala adda isaan taasisu qabatee jiraatu yookaanimmoo saboota gurguddoodhaan walitti makamu.

Seenaa yoo ilaalle, Itoophiyaan kan ijaaramte naannoo marsaa xumuraa jaarraa kudha saglaffaa keessa yeroo qoqqoodannaa Afrikaa keessa saboota Kaaba-baha Afrikaa keessa turan mootummoota Abisiiniyaatiin humnaan kan to’atamuunii fi of jalatti bitamuudhaani.

Mootummoonni Abisiiniyaa mootummoota Awurooppaa wajjiin ta’uun, dharaanii fi walitti buusuudhaan saboota daangaa murtaa’e qabanii fi ofiin of bulchaa turan kan akka Oromoo [harka tokko sadaffaa Itoophiyaa kan ta’an], Somaalee, Tigraay, Affaar, Sidaamaa, Walaayittaa fi saboota  biroo baay’ee gara bulchiinsa Impaayera isaanitti humnaan galchaniiru.

Yaalii ummata walfakkaataa kan afaan Amaaraa dubbatu, amantaa Ortodooksii hordofu, aadaa Amaaraa hordofu uumuuf godhamuun sabaa fi sablammoonni biroo afaan isaanii bilisaan akka hin fayyadamne, amantaan isaanii akka hin adeemsifne, seenaa akka hin barree, fi aadaa fi duudhaa isaanii akka hin guddifne dhowwamanii turan.

Itti aansuun, impaayerri heera haaraa bara 1931 baheetti dhimma bahuun, sabaa fi sablammoota humnaan bitaman irratti bulchiinsa sirna mootii itti fe’e.

“Seerichi kabajni impaayerichaa qaccee sanyii mootii Mooticha Saahlee Sillaasee kan ta’e Mooticha Haaylasillaasee I, kan sarara sanyii Miniliik tokkooffaa ilma mooticha Yihuudaa Salamoonii fi mootittii Itoophiyaa Sheebaatiin qofa kan walqabatee ta’uusaa murteessa. 

Hubannoo inni ijaarsa Itoophiyaarratti qabu, “Ummanni Itoophiyaa eenyuufaa irraa ijaarame? jedhee gaafatu irratti kan eeramee ture.

Teessoon mootichaa fi muudamni aangoo seera Impaayeratti hordofuun sanyii mootichaatti [Haylasillaasee] kan darbu ta’a. (Keeyyata 3 fi 4). Kanaafuu, Itoophiyaan biyya impaayera sab-danuu turuun ishee ifa ture.

Bara 1960moota keessa, yeroo koloneeffattoonni Awurooppaa ardii Afrikaa dhiisanii deemanitti, saboonni Itoophiyaa keessaas sosochii bilisummaa gochaaa turte. Ka’umsi (hundeen) sosochii sanaas Sochii Barattoota Itoophiyaa(SBI) ture. Bara 1969 keessa, gaggeessaan SBI, Waalaliny Makonniin barruu  mata-dureen isaa “gaaffii saboota Itoophiyaarratti” jedhu maxxanse.

Hubannoo inni ijaarsa Itoophiyaarratti qabu, “Ummanni Itoophiyaa eenyuufaa irraa ijaarame? jedhee gaafatu irratti kan eeramee ture.

Jecha ummatoota jedhurratti xiyyeeffannoon laadha sababiinsaas sadarkaa qor-hawaasummaatiin Itoophiyaan hawaasa uummata tokko hin taane waan ta’eef. Itoophiyaan sabootaafaan ofii isaanii, haala uffannaa, seenaa, ijaarsa hawaasaa fi daangaa mataasaanii qaban irraa kan ijaaramtee dha. Hiikaan biyyaa kan biraa hoo maali?

Kanaafuu, saba (nation) Oromoo, saba Tigray, saba Guraagee, saba Walaayittaa, saba Sidaamaa, saba Adaree( Harari), fi saba Somaaleetu biyyattii keessa jira jedhee goolabuu nan danda’a. Inni kuni fakkii Itoophiyaa isa sirrii dha.

Kanaafuu, bara 1960mootaa eegalee gaaffin lafaa, mirga ofiin of bulchuu mormii hayyootaa ta’ee tureera. Sochiin kuni suuta suutaan bara 1974 gara warraaqsaatti geeeddaramuun mootummma fiiwuudaalaa aangoorraa buusuun mootummaaa abbaa irreetiin bakka buuse.

Sababa mootummaan abbaa irree fedhii federashinii ijaaruu dhabeef, carraan saboota qubsuma mataa isaanii qabanii, aadaa fi afaan ofii qaban ofiin ofbulchuu fedhan kan barattoonni federaalizimii William Livingston irraa fudhachuun “hawaasa federaalawaaf mootummaa federaalawaatu mala” jedhan bara 1974 ni fashalaaye.

Impaayerri Itoophiyaa kan mootummaa tokkummaawaaa irratti ijaaramte, sababoota aadaa marii fi marabbaan rakkoo keessoo ofii furachuu hin barreef, saboota ofiifuu fedhii federeeshinii ijaaruu qabaniif caaseffamaa haguuggii siyaasaa uumuu waan fedhii hin qabneef, “federalawuu hin dandeessu” jedhamees baldhinaan ni ka’a.

Sababa kanaan, waraanni cimaan waggoota kudha torbaaf erga adeemsifamee booda, garee loltoota humna ciccimoo [Adda Bilisummaa Ummata Tigray(ABUT), Adda Bilisummaa Ummata Eritriyaa (ABUE) fi Adda Billisummaa Oromootiin (ABO)]bara 1991 mootummaa abbaa irree Darguu aangoorra kuffisuun goolabame.

ABUE fottoquu yommuu filatu, isaan hafan immoo keessumaa ABUT fi ABOn chaartarii ce’umsaa baasuun caasaa Impaayera sana fooyyessuun caasaa Itoophiyaa sabaa fi sablammoonni ofiin of bulchuu akka danada’anitti ijaarurratti waliif galteerra gahan. (Keeyyata 2).  

Eejjannoo kuni caasaa mootummaa tokkummaawaa sana diiguun gara bulchiinsa sab-daneessummaa waan geeddareef akka jijjiirama guddaatti fudhatamee ture.

Adeemsi siyaasaa kuni bara 1995 yennaa heerri Itoophiyaa raggaasifame san seera ta’ee tumamee caaseffama siyaasaa ta’ee ijaaramuu eegale.

Haata’u malee, akkuma ABUT “tuuta siyaasaa olaanaa” ta’uun ABO fi humnoota jijjiramaa biroo cinaatti dhiibuun paartiilee Dhaabbilee Dimookraatawaa Ummataa (DHDU) [dhaabbattoota miseensa dhaaba siyaasaa Adda Dimokraatawaa Warraaqsa Uummata Itoophiyaa (ADWUI) jedhaman sobaan ijaaruun carraa gaarii kana si’a lammaaffaaf qisaasessanii jiru.

Rakkina haa qabaatu malee, heerri bara 1995 bahe gaaffii caasaa hawaasaa fi bulchiinsa mootummaa Itoophiyaa walsimsiisuun federaalessuuf yaalee ture. Fedhii feederaalizimii dura tureefis heera gubbaatti hiika laatee ture. 

Seensi heericha akkana jechuun eegala, “Nuti, sabaa fi sablammoonnifi ummatoonni Itoophiyaa ofiin of bulcuun hawaasa siyaasaa olaantummaa seeraarratii hundaa’e ijaaruu fi nageenya, adeemsa dimookraatawaa fi dinagdee fi hawaasa keenya guddisu guutuumatti hojii irra oolchuuf fedhii guddaa qabna.”

Kanaafuu, siyaasni sabaa fi sabboonummaan achirraa madde qabsoo federaalizmii dhugaa ijaaruuf godhamu keessatti shoora guddaa qaba jechuu dha.

Haaluma wal fakkaatuun, Keeyyati 39 heerichaa, “saba, sablammoonnii fi uummatoonni Itoophiyaa hundinuu mirga ofiin of bulchuu hanga fottoquutti haalduree tokko malee ni qabaatu…Saboonni, sablammoonnii fi uummatoonni Itoophiyaa mirga ofiin of bulchuu guutuu naannoo isaanitti jaarmayaa siyaasaa ijaarrachuu fi mootummaa feederalaa keessatti bakka bu’iinsa madaalawaa qabaachuu guutuu qabu….  Saba, sablammii fi uummata kan jedhu heera kana keessa jiru garee uummatoota aadaa fi duudhaa, afaan walfakkaataa, ilaalcha waloo, xiinsammuu waloo, caalmaatti daangaa beekamaa qubsuma tokko qaban jechuu dha.”

Kanaafuu, siyaasni sabaa fi sabboonummaan achirraa madde qabsoo federaalizmii dhugaa ijaaruuf godhamu keessatti shoora guddaa qaba jechuu dha.

Jechi “ethnic” jedhu heericha keessatti bakka tokkottuu hin eeramne. Kanaafuu heerri Itoophiyaa madda siyaasa ethnic miti jechuudha. Yaanni kuni siyaasa sabaa fi sabboonummaa akkasumas heera Itoophiyaa maqaa balleessuuf kan dhufe jedheen morma.

Karaa biraaatinimmoo, warroota Itoophiyaa walitti baqxee tokko taate, afaan tokko dubbattu, aadaa tokko qabdu, amantaa tokko hordoftu ijaaruu barbaadantu malaan federaalizmii sabdaneessa maqaa balleessudhaa fi sochii heera gochuuf godhamuu mormuu barbaadanii dha.

Siyaasa federaalizmii Itoophiyaa bara 1991 boodaa fakkeenyota federeeshinii Awurooppa Lixaa fi Ameerikaa Kaabaa cinatti dhiibuun isa kan warra federeshinoota kufanii kan Awurooppaa Bahaatiinis walfakkeessanii jiru.

Federeshinii akka Awurooppaa Lixaa fi Ameerikaa Kaabaa hundeessuun dimookraasii ijaaruu fi Itoophiyaa sab-daneettii ijaaruurratti xiyyeeffachuu isaan akka gaafatu waan hubataniif ta’uu danda’a. Federeeshiniin Awurooppaa Bahaa kan baay’een isaanii kan kufaniif hanqina dimokiraasii irraan kan ka’e malee, waan federaalawaniif miti.

Akkuma ABUT olaantummaa ADWUI keessatti qabu dhabee, Abiy Ahmad bara 2018 muummicha ministeeraa ta’ee muudameen mormiin siyaasaa federeeshinii sab-daneessuummaa irratti ka’aa ture ammas deebi’ee dhufe. Carraan hawaasa biyyattii sab-daneessa ta’eef mootummaa federeeshinii sab-daneessa ta’e uummuun dimokraatessuuf carraan argame si’a sadaffaaf fashalaa’e.  

Yaadonni federaalizmii kan akka ofiin of bulchuu fi qoodama aangoo bara 1960 keessaa eegalee kan turee dha.

Preston King akka kaahetti, “federaalizmiin feedereshinii malee jiraachuu danda’a”. (Mika’eel Burgees F. 47 kan fudhatame). Kunis, haala Itoophiyaa sirriitti ibsa jedheen amana.

Bara 1991 dura siyaasni tokkummaa iddoo guddaa kan qabuu yoo ta’u mirga ofiin of bulchuu kan tuffatu ture. Haata’u malee humnoonni federaalizmii deeggaran ABUTiin dabalatee gurmaa’anii gaaffii ofiin of bulchuu fi waliinis biyya bulchuu kaasan.

Biyyi Itoophiyaa sirna dulloomaa waaltawaa ijaaruuf gubbaaarraa  asii gadi buusu jijjiiruun sirna federaalawaa sab-daneessummaa fedhii sabaa fi sablammootaa guutuu danda’u jalaa-ol ijaaruu jalqabuu qabdi.

Kanaafuu, walitti bu’iinsi naannoo Oromiyaa, Tigraay, Gaambeellaa yookiin Beenishaangul Gumuuz keessatti uumamuuf sababni guddaan dhimma gaaffii ofiin of bulchuu fi mootummaa federeshinii dhugummaan isaan fakkaatu hundeessuudha.

Biyyi Itoophiyaa sirna dulloomaa waaltawaa ijaaruuf gubbaaarraa  asii gadi buusu jijjiiruun sirna federaalawaa sab-daneessummaa fedhii sabaa fi sablammootaa guutuu danda’u jalaa-ol ijaaruu jalqabuu qabdi. Fedhiin federaalizimii fi mootummaan federeeshinichaa walsimuu qabu.  

Biyyi Itoophiyaan haala hawaasa hunda hirmaachisaa haaraa ta’een ijaaramuu qabdi. Ilaalchi “waraanni biyya uume, tokkummaan biyyaas waraanaan tikfama” kan jedhu ilaalcha duubatti hafaadha. [D5] 

Itoophiyaan filannoo siyaasa sab-daneessummaa filachuun federeeshinii sab-danaa’e ijaaruu yookiinimmoo eejjannoo ishee duraa cimsitee itti fufuun biyyattii fi gahee isheen siyaasa Gaanfa Afrikaa keessatti qabdus akka daran dadhabaa deemu gochuu ni dandeessi. AS

Milkeessaa Miidhagaa Gammachu (PhD), Hogganaa Biiroo Lafa Oromiyaa fi Miseensa Koree Giddu Galeessaa ODP duraanii. Amma barsiisaa Saayinsii Siyaasaa Kolleejjii Albion. Twitter: @milkessam

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.