Oduu: Haleellaa dhiyeenya Lixa Oromiyaa Godina Horroo Guduruu raawwatameen namoonni 100 ol akka ajjeefaman Komishiniin Mirgoota Namoomaa ibse

Finfinnee, Fulbaana 29/2022 – Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa haleellaa eenyummaa irratti hundaa’e irra deddeebiin hidhattoota al-idilee naannoo Amaaraa, miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) (baay’inaan aanga’oota mootummaatin Shanee jedhamuun beekaman), akkasumas hidhattoota dhuunfaa Lixa Oromiyaa, Godina Horroo Guduruu keessatti argaman raawwataniin torban sadii keessatti lammiileen nagaa 100 ol ta’an ajjeefamuu isaanii gabaaseera.

Akka gabaasa KMNItti ajjeechaan kun kan raawwatame godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee Amuruu, Horroo Bulluq fi Jaardagaa Jaartee keessatti yoo ta’u, yeroo walqunnamtiilee hawaasaa naannoo sanaa addaan citee jirutti kan raawwatame ta’uu ibsameera. Gabaasni kun namootni kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee irraa buqqa’uu, saamichi bal’aa raawwatamuu fi qabeenya dhuunfaa barbadaa’uus ibseera.

Dubbii himaan Waraana Bilisummaa Oromoo fi Waldaa Hawaasa Amaaraa Ameerikaa (WHAA) lamaan isaaniiyyuu himannaa kana haaluun, walduraa duubaan miseensota hidhattoota Amaaraa Faannoo fi miseensota WBO komataniiru.

Jiraataan aanaa Jaardagaa Jaartee maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne fi nageenyaaf jecha naannawa sana irraa gara magaalaa Aliibootti baqate tokko haala ture akka Addis Standarditti himetti, haleellaan kun erga haleellaa walfakkaataa guyyaa lamaaf ture hidhattoota naannichaa fi hidhattoota naannoo Amaaraa irraa ce’anii dhufan raawwataniin Agaamsaatti lubbuu namoota 60 ol galaafate torban sadi booda Fulbaana 22, 2022 irraa eegalee magaalota Jaardagaa, Aliiboo, fi Amuuruu keessatti badii qaqqabsiisaa jira.

“Haleellaa kana kan raawwate gareen hidhatee Amaaraa irraa dhufe Faannoo akka ta’e ifadha… Horroon gidiraa dubbatamuu hin dandeenye keessa darbaa jirti. Biyyi lafaa dhugaa jiru beekuu qaba”

Ragaan waa’ee haleellaa dhiyeenyatti raawwatame ilaalchisuun dubbate kun hidhattoota Faannoo komachuun firoota dhiyoo 21 dhabuu isaanii kan dubbate yoo ta’u, isaan keessaa 14 bakka tokkotti ajjeefamuu hime. Haleellaan kun magaalaa Jaardagaa irraa eegalee gara baadiyyaa naannawaatti babal’ateera. Haleellaan kun itti fufee waan jiruuf namoonni nagaa lubbuu isaanii baraaruuf naannolee sana baqachaa jiraachurraa kan ka’e lakkoofsa sirrii kaa’uun hin danda’amne. “Eenyu akka du’ee fi eenyu akka lubbuun jiru, akkasumas namni hundi eessatti akka baqate adda baasuuf karaan walqunnamtii hin jiru,” jechuun ragaan naannoo sanarraa baqate kun bilbilaan Addis Standarditti himeera. “Haleellaa kana kan raawwate gareen hidhatee Amaaraa irraa dhufe Faannoo akka ta’e ifadha… Horroon gidiraa dubbatamuu hin dandeenye keessa darbaa jirti. Biyyi lafaa dhugaa jiru beekuu qaba,” jedhe.

Kana malees waa’ee namoota guyyoota muraasa darban keessatti qe’ee isaanii irraa buqqa’an, saamichi bal’aan irratti raawwatamaa jirus dubbateera. Namoonni jaalleewwan isaanii eessa akka jiran kan hin beekne hedduudha. Hedduun isaanii du’anii jiru garuu awwaalamuu hin dandeenye. Wanti keessa darbaa jirru jechootaan ibsuu fi hubachuun rakkisaadha” jedhe.

Argamuu humnoonni nageenyaa mootummaa ilaalchisee gaaffii gaafatameef ragaan kun; “Qaamoleen nageenya mootummaa naannicha gadhiisanii bahanii jiru. Lammii nagaa namni tiksu tokkollee hin jiru. Mootummaan nu gateera,” jedhe.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa gabaabaa Fulbaana 24 baaseen, ajjeechaa namoota nagaa fi miseensota milishaa naannoo Horroo Guduruu irratti raawwatame amanee ajjeechaa kanaaf hidhattoota WBO komateera. Mootummaan ibsa kana irratti, WBOn haleellaa kana kan raawwate ajjeechaa Ajajaa Olaanaa WBO naannichaa kan ta’e Jaal Urjii fi garee isaaf haaloo bahuuf, akkasumas ayyaanota masaqalaa fi irreechaa qeequufii jechuun himateera.

Hanga oduun kun maxxanfamutti mootummoonni naannoo Amaaraa fi Oromiyaa dhimma kana ilaalchisee ibsi laatan hin jiru.

Waldaan Hawaasa Amaaraa Ameerikaa (WAA) ibsa Fulbaana 24 baaseen ajjeecha kanaaf WBO yakkeera. Dhalattootni Amaaraa Naannoo Oromiyaa Aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti jiraatan bakka mootummaan Abiy Ahmad maloota qunnamtii hawaasaa [teelekoom] addaan kutee jirutti miseensota WBOtiin haleellaan itti baname. Tarkaanfiin seeraan alaa kun qorannoon akka hin gaggeeffamne gufachiisa, akkasumas jiraattonni gargaarsa akka hin waamne dhorka,” jedhe.

Haaluma walfakkaatuun, bareeffama dubbi himaan idil addunyaa WBO Odaa Tarbii fuula tiwiitaraa irratti maxxanseen haleellaa Faannoon Amaaraa bakka humnoonni murna biyya bulchuu jiranitti raawwatameen jiraattonni 80 ol yemmuu ajjeefaman, 40,000 kan ta’an Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee irraa buqqa’anii jiru jedhe. Akka Odaa Tarbiin jedhetti “murni mootummaa” kun ummata naanichaatiin, “Adabbiin kuni haloo sababa isin mootummaa Abiy deeggaruu diddaniif kan isin qaqqabee dha,” jedhaniin jedheera.

Waldaa Hawaasa Amaaraa Ameerikaa (WHAA) “madaallii sobaa” uume jechuun KMNI yoo himatu, WBOn ammoo dhaabbatichaan [KMNI] “dhimma siyaasaaf kan oole” jedheenii jira. Kana malees, murni biyya bulchu “ajjeechaa Oromoota akka duula WBO irratti godhamuutti ilaala,” jedhee jiras.

Akka gabaasa KMNItti, sababa haleellaa Faannoo Amaaraa, WBO fi hidhattoota idileetiin Fulbaana 09 irraa eegalee torban sadii darban keessa godina Wallagga Lixaa aanaawwan Amuruu, Horroo Bulluq fi Jaardagaa Jaartee keessatti namoonni 100 ol ajjeefamanii jiru. “Ragaaleen namoota lubbuun hafan, qaamolee haqaa fi bulchiinsa godinaa fi dhaabbilee gargaarsaa naannoo sanatti socho’an irraa argame akka agarsiisutti qabeenyi dhuunfaa akka fudhatame, jiraattonni kumaatamaan lakkaa’aman gargaarsa gahaa malee naannoo sana baqachuuf dirqaman haala hamaa keessa jiru,” jedha ibsichi.

Koomishinarri KMNI Daani’eel Baqqalaa mootummaa “tarkaanfii barbaachisaa” fudhachuu qaba jechuun mootummaa Itoophiyaa hubachiisee jira.

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ibsa Fulbaana 26 baaseen, heera biyyattii fi seera idil-addunyaa cabsuutiin mootummaa Itoophiyaa himatee jira. Akkasumas, ABOn “loogii amantaa fi sabummaa malee lammiilee nagaa fi qabeenya isaaniitiif eegumsa akka taasisan” qaamota dhimmi ilaallatu hundaaf waamicha godheera.

“Daandiiwwan namooota haleellaa dheessanii boorsaa baatanii buqqa’anii fi gareen deemaniin guutamanii jiru. Buqqaatoonni iddoo hunda guutanii jiru. Gariin isaanii Yuunivarsitii Wallaggaa Damee Shaambuutti kan boqotan yoo ta’u isaan hafan manuma namootaatti maxxananii jiru.

ABOn ajjeechaa kanaaf hidhattoota al-idilee Amaaraa himateera. “Maqaa waraana bilisummaa balleessuutiin humni waraanaa mootummaa naannoo Amaaraa, Faannoo Amaaraa fi hidhattoonni naannoo Amaaraa fi humni addaa naannoo Amaaraa aanaawwanii fi gandoota Lixa Oromiyaa keessumaa Godinaalee Horroo Guduruu fi Wallagga Lixaa humnaan dhuunfatee jira,” jedhe.

Paartichi “otoo hacuuccaan mirga namoomaa fi ajjechaan akkanaa kuni Oromiyaa keessatti deemaa jiruu” hawaasni idi-addunyaa cal’isuu isaatiif komii qabu ibsee jira. “Oromiyaa dirree ajjeechaa fi dararri taatee jirti” jedhe.

Hojjataan mootummaa magaala Shaambuu jiraatu bilbilaan Addis Standarditti akka himeetti namoonni hedduu haleellaa kana jalaa dheessuun magaala guddoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Shaambuu, gahuu danda’aniiru. “Daandiiwwan namooota haleellaa dheessanii boorsaa baatanii buqqa’anii fi gareen deemaniin guutamanii jiru. Buqqaatoonni iddoo hunda guutanii jiru. Gariin isaanii Yuunivarsitii Wallaggaa Damee Shaambuutti kan boqotan yoo ta’u isaan hafan manuma namootaatti maxxananii jiru. Namoota ani dubbise keessaa hedduun isaanii dhiphina sammuun isaanii jeeqameera. Jireenyaa fi jaalleewwan isaaniitiin gargar bahanii waan jiraniif lubbuun jiraachuu isaaniiyyuu hin beekan. Ijoollee isaanii muraasa of biraa kan qaban ta’us kanneen hafan eessa akka jiran hin beekan,” jedhe.

Ragaa bahaan kun mootummaan haala mijeessuu dhabuu isaa qeequun “Yuunivarsitii Wallaggaa damee Shaambuu malee qaamni mootummaa iddoo itti boqotan laate hin jiru. Haata’u malee, jiraattonni naannichaa uummata buqqa’e kanaaf nyaataa, uffata fi iddoo boqonnaa laachuun gargaaraa jiru,” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.