Oduu: Itti gaafatamaan Poolisii Hawaasaa magaalaa Baahardaar rasaasaan ajjeefame

Komaandar Waagaaw Taarraqany, Itti gaafatamaan Kutaa Poolisii Hawaasaa

Finfinnee, Fulbaana 22/2022 – Komishiniin Poolisii Naannoo Amaaraa poolisii bulchiinsa magaalaa Baahirdaar keessatti Itti gaafatamaan Kutaa Poolisii Hawaasaa kan ta’e Komaandar Waagaaw Taarraqany rasaasa itti dhukaafameen rukutamee ajjeefamuu isaa beeksiseera.

Komaandar Waagaaw kaleessa halkan naannoo sa’aatii 6:00tti ajjeefamuu poolisiin naannichaa beeksiseera. Poolisiin gadda itti dhaga’ame yeroo ibsu, “uummata fi naannichaa tajaajilaa osoo jiruu wareegamee” jedhe.

Jalqaba baatii kanaa, Naannoo Amaaraa, Godina Shawaa Kaabaatti  kantiibaan magaalaa Shawaa Roobit, Wubisheet Ayyaaleew, Kamisa Fulbaana 01 galgala “konkolaataa isaa keessaa bu’ee gara mana isaa seenaa osoo jiruu” namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen rasaasaan rukutamee ajjeefamuun isaa ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.