Oduu: Poolisiin Naannoo Amaaraa gaggeessaa hidhattoota Faannoo beekamaa Zammana Kaasee to’annoo jala oolche

Zammana Kaasee

Finfinnee, Fulbaana 21/2022 – Poolisiin Naannoo Amaaraa gaggeessaa beekamaa hidhattoota Faannoo, Zammana Kaasee, yookiin “qabsaa’aa Zammana” jedhamuun beekamu to’annoo jala oolchuun gara magaala guddittii naannichaa Baahirdaar fudhachuusaa ibseera.

Akka miidiyaa naanichaa Korporeeshinii Miidiyaa Amaaraa (AMC) ibsa Hogganaa Itti aanaan Kutaa Qorannoo Tooftaa Poolisii Naannoo Amaaraa Komaandar Kinduu Waldee baase wabeeffachuun gabaasetti, Zammanan yeroo ammaa kana humnoota seera raawwachiiftuutiin qoratamaa jira. Poolisiin eeruu hawaasarraa argateen mana nama dhuunfaa magaalaa Baahirdaar Ganda 4 argamu keessatti to’achuu isaa beeksiseera. .

Sababa poolisiin naannichaa miseensota Faannoo [hidhattoota al-idilee naannoo Amaaraa keessa socho’an] qabuuf adamsaa tureef, Zammanan ji’oottan darban hedduuf dhokatee turuusaan ni beekama.

Bara kana Adoolessa keessa, gareen raawwachiiftuu waloo nageenyaa fi odeeffannoo Itoophiyaa, kan Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa, Koomishinii Poolisii Federaalaa, Bulchiinsa Odeeffannoo fi Nageenyaa (INSA) irraa ijaarame, ‘miseensota finxaleeyyii Faannoo’ 5,804 ta’an ‘jeequmsa babal’isuun’ shakkaman to’atamuu fi qorannoon irratti adeemsifamaa jiraachuusaa ibse ture.

Akka garichi jedhetti, kan barbaadaman keessaa irra caalaan isaanii yakka raawwachuu isaanii manni murtii kan mirkanneesse yoo ta’u, yakka ajjeechaatiin kan yakkaman ta’uu ibsameera.

Gareen raawwachiiftuu waloo kun miseensoota Faannoo “yeroo duula seera kabachiisuu kutaa kaabaa biyyattii keessatti gaggeeffamaa turetti” humnoota nageenyaa federaalaa deeggaruun humnoota Tigraay “lolaniiru”, nageenya naannichaatifis gumaacha godhaniiru jechuun jajeera. , Garuu warreen Faannoo isa dhugaa “fakkeessanii” socho’aa jiru jedheen, meeshaa waraanaa seeraan alaa fayyadamuun guutummaa naannoo Amaaraa keessatti jeequmsa babal’isaa jiru jechuun himateera. Akkasumas “dargaggoota beekamtii raayyaa ittisa biyyaa fi dhaabbilee poolisii osoo hin argatin bobbaasuun, dhoksaan leenjisuun meeshaa waraanaa seeraan alaa hidhachiisuu” jechuun himateera.

Tarkaanfiin kun duraanuu walakkeessa baatii Caamsaa bara kanaa kan eegale yoo ta’u, yeroos hogganaan Biiroo Nageenyaa Naannichaa Dassaalagn Xaasaw torban tokko duraa kaasee naannichatti “hojii olaantummaa seeraa” gaggeeffamaa jiruun walqabatee shakkamtoonni 4,552 to’annoo jala ooluu isaanii ibse ture.

Kanneen keessaa miseensoota humna nageenyaa naannichaa dabalatee namoonni 1780 ol ta’an shakkamtoota hojii isaanii bahachuu dadhaban ta’uu ibsameera. Hogganaan biirichaa “shakkamtoonni to’annoo jala oolan kanneen miidiyaa hawaasaa fayyadamuun, naannicha keessaa fi alaa, “naannicha caalaatti tasgabbii dhabsiisuuf” hojjechuun shakkamanis ni dabalata jedhan Dassaalagn.

Ibsa har’a kenname irratti, Zammanan birrii kuma 541,000 harkaa ture, akkasumas meeshaalee biroo waliin to’annoo jala akka oole Komaandar Kinduun ibseera. Qorannoon kunis komishinii poolisii naannichaatiin kan gaggeeffamu ta’uu mirkaneesseera.

Kana malees, Zammanan “shakkamaa seeraan barbaadamaa turedha” jechuun “hidhamuun isaa namni seera jalaa miliquu akka hin dandeenye agarsiisa” jedhan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.