Oduu: Waraana Itoophiyaa keessatti “yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti raawwatamu” raawwatameera jedhanii amanuuf sababa amansiisoo jira: qorattoota UN

Finfinnee, Fulbaana 20/2022 – Komishiniin Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil addunyaa Itoophiyaa irratti xiyyeeffatu (ICHREE) gabaasa argannoowwan jalqabaa isaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif dhiheesseen, “sarbamni, kan akka ajjeechaa seeraan ala, gudeeddii, miidhaa saalaa, fi fi ummata nagayaa akka mala waraanaatti beelessuun Sadaasa 3, 2020 irraa eegalee Itoophiyaa keessatti raawwatamaa turuu isaaf wantootni amansiisoo ta’an jiraachu” akkasumas, “haalota baay’een, sarbamni kun yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti raawwatame ta’uu isaa amanuuf sababoonni madaalawaa ta’an” akka turan ibseera.

Kana malees, Komishinichi xumura yaada “mootummaan Federaalaa fi mootummoonni naannolee michuu ta’an, eegumsa fayyaa, gaaddisa, bishaan, barnoota fi nyaata dabalatee, meeshaalee fi tajaajiloota lubbuun jiraachuuf barbaachisoo ta’an uummata Tigraay irraa toftaan mulquuf tarkaanfiiwwan bal’aa ta’an fudhataniiru jedhanii amanuu kan dandeessisu argachuu” ibseera.

Akka gabaasa UNOCHA dhiyeenya kana bahetti, “sochiin konkolaataa gargaarsa namoomaa daandii Samaraa – Maqalee geessu Hagayya 24 irraa eegalee dhaabbatee jira, kunis geejjibni dhiyeessii gargaarsa namoomaa gufachiisa. Torbanitti al lama Finfinnee fi Maqalee gidduutti balali’aa kan turee fi dhiheenya kana balaliisaa sadaffaa torbanitti taasisu eegaluuf akka qophaa’u kan beeksise Tajaajila Qilleensa Gargaarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNHAS), balaliiwwan isaa Hagayya 26 irraa eegalee ammallee dhaabbatee kan jiru yoo ta’u, kunis sochii hojjettoota gargaarsa namoomaa fi sochii maallaqa hojii gargaarsa namoomaaf oolu irratti danqaa uumeera,” jedhe.

”Rakkoon gargaarsa namoomaa Tigraay keessatti mul’atu, akkaataa ulfaatina isaa fi turii isaatin kan nama rifachiisudha,” jette dura teessuun Komishinichaa Kaari Beetii Murungii. “Tajaajila bu’uuraa, nyaata, eegumsa fayyaa, fi gargaarsa namoomaa bal’inaan akka hin arganne dhorkuu fi gufachiisuun ummata nagaa irratti dhiibbaa hamaa geessisaa jira, kunaafis yakka dhala namaa irratti raawwatame jennee amanuuf sababa madaalawaa qabna. Mootummaan Federaalaa beela akka mala waraanaatti fayyadamaa jira jennee amanuufis sababa amansiisu qabna” jette.

Komishinichi yeroo hojii isaa keessatti “hanqina yeroo fi hojjettootaa, akkasumas iddoowwanii fi sanadoota argachuu dhabuun” akka isa mudate ibsuun, “qaamolee UN adda addaa Itoophiyaa keessatti socho’an sanadootaa fi meeshaalee barbaachisan akka qooddatan” gaaffii dhiheessee “haal baay’inaan karaa irraa maqee, ykn harkifannaa garmalee booda deebii argachuu” ibseera. Kanaafuu, gabaasichi “ galmee guutuu taateewwan hundaa, akkasumas tarsiimoo haqaa ce’umsaa guutuu dhiyeessuu hin danda’u.”

Kana malees, gabaasni fuula 19 qabu kun “walitti bu’iinsa naannoo Tigraayii fi Amaaraa” kan daangeeffame fi “taateewwan filatamoo” irratti kan hundaa’eedha. Haa ta’u malee, sarbamiinsa mirga namoomaa hamaa baqattoota Eertiraa dabalatee lammiilee nagaa irratti raawwatame bal’inaan ibseera. Sarbamoonni kunneen adeemsa waraana Itoophiyaa keessatti raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa, raayyaa ittisa Eertiraa, milishaa dabalatee humnoota naannoo Amaaraa fi garee hidhattoota al idile ‘Faannoo’, fi humnoota Tigraayiin sadarkaa adda addaatti raawwatamaniiru.

Caalaatti kan nama yaaddeessu ammoo waraanni Tigraay keessatti adeemsifamaa jiru deebi’ee eegaluun isaa balaa yakka hammeenyaa dabalataa fiduun Itoophiyaa rakkoo hamaa keessa galcha jechuun akeekkachiisa Komishinichi akeekkachisuu isaati.

Yaadota ariifachiisaa dhiheesse keessaa “Abbaan Taayitaa Misooma Mootummoota Gidduu (IGAD), Manni Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa, fi Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii haala Itoophiyaa ajandaa isaanii keessa kaa’uun tarkaanfii nageenya fi tasgabbii deebisuuf kaayyeffate fudhachuun, kanaanis sarbama seera mirga namoomaa idil-addunyaa fi seera namoomaa dabalataan akka hin raawwatamne gochuu,” akkasumas walitti bu’iinsa fi sarbama mirga namoomaa fi seera namoomaa idil-addunyaa qaamolee hundaan hatattamaan akka dhaabbatu taasifamu hubachiiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.