Oduu: Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Bu’aa fi firii Mana barnootaa Bultii Addaa Barataa Raajii Ashannaafii jajjabeesan

Finfinnee, Hagayya 30/2022 – Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kabajamoo Obbo Shimallis Abdisaa Bu’aa fi firii Mana barnootaa Bultii Addaa Barataa Raajii Ashannaafii jajjabeesan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhalatoota barnootaafi teekinolojii gaumsuu karoorfatee hojii tarkaanfii haaraa(New Intiative) hojjachaa jira.Haaluma kanaan, hanga ammattii manneen barnoota Bu’uura Boruu 3,377, Ifa Boruu 100 fi MB Bulti Addaa 7 ijaaruun barattoota miliyonotatti lakkaa’aman barsiisaa jira. Manneen barnootaa bultii addaa keessatti baratoonni afaan Faransaayi, Chaayinaafi afaan Arabaa akka baratan ta’ee jira.

Bu’aa fi Firii Mana barnootaa Bultii Addaa WMO Kan ta’e Barataa Raajii Ashannaafii isa tokkoodha.Barataa Raajii Ashannaafii barataa qaxalee qabxii seensa Yuuniversiitii 647 fiduun akka Oromiyaattis ta’ee akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessee Yuuniversiitii Saayinsii fi Teeknolojii Adaamaa seene. Yuuniversiitii Adaamaattis qabxii olaanaa galmeessuun, gosa barnoota hundumaa A+ fiduun kan ebbiffamee dha.Dhaloota beekumsaafi barnoota ammayyaan ga’oomsuun dorgomaa taasisuuf hojiin eegalame cimee itti fufa.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.