Oduu: Paartiin Federaalawaa Sidaamaa dura taa’aa, hoji gaggeessitoota filate; sagantaa dhaabaa raggaasise

Finfinnee,Hagayya 30,2022- Adoolessa darbe Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa irraa waraqaa ragaa galmeessa yeroo kan argate Paartiin Federaalawaa Sidaamaa kora walii galaa gaggeessuun  sagantaa dhaabaa raggaasise, dura taa’aa fi miseensota koree hojii raawwachiiftuu dhaabichaa filatee kaleessa Hagayya 29/2022  hundeeffame. 

Paartiin  siyaasaa haaraa uummata Sidaamaa giddu galeessa godhachuun hundeeffame Paartii Federaalawaa Sidaamaa ibsa Adoolessa baasen, “uummatni Sidaamaa uummata erga waggoota 135 dura eegalee ofiin of bulchuuf, aadaa fi afaan isaa akka kabajamuuf cimsee falmaa kan turedha” jechuun “qabsoo hadhaawaa uummatichi taasiseen” Bulchiinsa Naannoo ta’uun “qabsoon ofiin of bulchuuf godhamu dhugoomeera” jedhe. Haata’u malee “mirgi heera mootummaa ofiin of bulchu sirnaan hin deebifamne. Gochaan, sirna biyyaaleessaa yeroo ammaa kana jiruun naannoleen kan hogganaman aangoo mootummaa giddu galeessaan mudameeni. Kunis sababa Paartiin biyya bulchaa jiru aangoo giddu galeeffachuu isaatin abbummaa/aangoo of bulchuu naannolee heera mootummaa irratti eerame jiru kabajamuu dhabu irraan kan ka’eedha,” jedha ibsichi.  

Paartichi yaa’ii fi  filannoo hoji gaggeessitoota karaa nagaan akka xumurame beeksise. Walgahichi miseensota koree hojii raawwachiiftuu armaan gadii filachuun xumurameera.

Pirof. Tasamma Eliyaas- Dura taa’aa,  Paatros Dubbisoo- Itti aanaa dura taa’aa fi itti gaafatamaa hariiroo alaa, Dassaaleny Damissee- Dura Taa’aa fi Hogganaa Dhaabbatichaa, Muluu Galasaa- Dura teessuu Dubartootaa fi Gorsa Dargaggootaa, Gannanee Hassanaa- Hogganaa Waajjira Paartichaa, Dr.Peengdahu Ashandee-Hogganaa Damee Leenjii fi Abbootii Qabeenyaa, Abinnat Roratoo -Hogganaa Damee Hawaasummaa fi Diinagdee, Tamasgeen Kaqawoo-Hogganaa Qorannoo fi Tarsiimoo, Maslee Harbichoo-Hogganaa Faayinaansii fi Bulchiinsa Qabeenyaa, Isheete Ifaa- Hogganaa Damee Miidiyaa fi Maxxansaa, Ladhoo Yoosef-Hogganaa Dhimmoota Seeraa, Ayyalaa Maaraso- Hogganaa Damee Aadaa fi Afaanii fi Tsaadquu Mooses – Hogganaa Komunikeeshinii fi Qunnamtii Hawaasaa. 

Paartichi  kan hundeeffame gaaffii bu’uuraa uummatichaa deebisuuf akka ta’e ibseera. Dhugaa amma jiruun ammoo haala barbaadameen kutaalee hawaasa hunda hirmaachisuuf paartii siyaasaa gurmaa’e hundeessuun dirqama akka ta’e ibseera. Paartichi bu’uuraalee dimokraatawaa kan qabu, abbummaa aangoo dimokraatawaa fi uummata giddu galeessa godhate hojiirra oolchuuf kan qabsaa’u, mariidhaan kan amanu, paartilee sab daneessa federaalizimii biyyaaleessaa dhugaa gadi dhaabuuf kaayyoo walfakkaataa qaban waliin kan hojjatu akka ta’e ibsuun  isaa ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.