Oduu: Naannoo Amaaraatti magaalonni Waldiyaa, Dassee uggura sochii kaa’an

Finfinnee, Hagayya 29/2022-Biiroon Bulchiinsa Magaalaa Waldiyaa fi  Dassee Diblata Hagayya 28 irraa eegalee uggura sochii ummataa kaa’aniiru.

Magaalota lamaan irraa kaa’amuun ugguraa kan labsame oduu Sanbata Hagayya 27 mootummaan federaalaa irraa miseensonni waraana federaalaa fi humnoonni nageenyaa naannoo Amaaraa, naannoo Amaaraa godina Kaaba Walloo magaalaa qobboo keessaa bahuun gidiraa hin barbaachifne jiraattota irraa  qusachuuf jecha bahuu isaa hordofeeti. Mootummaan federaalaa humnoota Tigiraay “tarsiimoo galaana namaa fayyadamaa jiru” jechuun himate.

Beeksisni bulchiinsa magaalaa Waldiyaa irraa bahe akka ibsetti, qaamota nageenyaa ramadaman irraa kan hafe, sa’aatii 1:00 hanga 12 :00 tti sochii namootaa dhorkuu ibseera. Kana malees konkolaattota hojii nageenyaaf ramadaman irraa kan hafe konkolaataan kamiyyuu akka sa’aatii biyyaatti galgala sa’aatii 12:00  irraa eegalee sochiin dhorkaadha. 

Haaluma walfakkaatuun bulchiinsi magaalaa Dassee sababa kamiinuu galgala sa’aatii 1:00  booda sochii namootaa dhorkuu dabalatee tumaalee qabxii hedduu baaseera. Kanamalees qaamoleen tajaajila kennan  daballii gatii gochuu kan dhorke yoo ta’u, kanneen tumaa kana cabsan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu akeekkachiiseera.

Abbootiin qabeenyaa siree ykn mana jireenyaa kireessan  odeeffannoo kireeffataa kamiyyuu dhaabbilee nageenyaaf kennuudhaaf dirqama qabu. Dhaabbileen tajaajila DSTV kennan, bakka itti walitti qabamanii jimaa  fi Shiisha fayyadamsiisan, ifattis ta’ee dhoksaatti tajaajila kennuun dhorkaadha. Kanneen “yaadaa fi sochii diinaa deeggaruun” oduu fi shororkeessummaa facaasaa jiranis seeraan itti gaafatamu.

Kana malees, buqqaatoonni achitti gaaddisa qabanis hojii sakatta’iinsaa fi of eeggannoo duraa humnoota nageenyaa hojiirra oolan akka tumsan magaalichi ajajeera. Keessummoonni sababa kamiinuu bulan sa’aatii 1:00 booda socho’uun dhorkaadha. Magaalichi namoota hin beeknee fi seensa haala hin baratamne magaalicha keessatti mul’ate jiraattonni ishees humnoota nageenyaaf akka beeksisan waamicha dhiyeessee jira. Dargaggoonni gama eegumsa naannootiin jaarmiyaa biraa osoo hin barbaachisin humnoota nageenyaaf deeggarsa taasisan akka cimsan gaafateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.