Oduu: KFOn waraanni akka dhaabbatu waamicha dhiyeesse, mariisistoonni Idil addunyaa araara namoomaa fayyadamuun nagaa buusuu dhabuu isaaniitti gadde, rakkoo Oromiyaa keessa jiruuf beekamtii kenne

Finfinnee, Hagayya 31/2022- Paartiin mormituu, Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) hawaasni addunyaa foddaa ji’a jahaaf waraana gargaarsa namoomaatiif dhaabate fayyadamuun “qaamolee waraanaa jiran minjaala marii irratti fiduu fi dhukaasa dhaabuu hunda galeessa ta’e mirkaneessuuf” dadhabuu isaanii qeequun “Hawaasni idila addunyaa, walitti bu’iinsa Naannoo Oromiyaa keessatti babal’ata ture hilkuun hafee beekamtii kennuu illee dadhabuun KFO yaachisee jira” jedhe.

Waraanni humnoota Tigraay fi mootummaa federaalaa gidduutti Hagayya 24 deebi’ee kan ka’e yoo ta’u, kunis araaraa namoomaa lamaan isaanii Bitootessa bara kana keessa labsame hordofuun baatii jahaaf erga dhaabbatee booda. Itti aansuunis waraanni biyya keessaa Sadaasa bara 2020 jalqabee mootummoota naannoo Affaar, Amaaraa fi Tigraay gaaga’e karaa nagaa fiduuf yaaliin hawaasa addunyaa gidduu seenuun hedduun taasifameera.

Waraanni deebi’ee eegaluun isaa duraanuu Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (EHRC), biyyoota hedduu fi dhaabbilee fi hoggantoonni isaanii kanneen akka Ameerikaa, Turkii, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii António Guterres, fi Dura Taa’aa AU, Moussa Faki dabalatee balaaleffataniiru haala jiru ilaalchisee yaaddoo qaban kaasuun mariin nagaa deebi’ee akka jalqabamu cimsanii dubbataniiru.

Koongirasiin Federaalawa Oromoo ibsa kanaan “waraana bifa haaraan kaaba Itoophiyaatti jalqabee fi walitti bu’iinsi Naannoo Oromiyaa keessatti itti fufe hammaachuu isaatiin baay’ee gaddeera. Hammaachuu fi itti fufuu walitti bu’iinsota kanaatiin irra deebi’iin ummaticha du’aa fi buqqa’iinsa hamaaf kan saaxilu ta’uun gamatti naannoolee barbadaa’insa qabeenyaa fi misoomaalee bu’uraaf saaxilaman tasgabbaa’ina dhabuu ol’aanaaf saaxila” jedhe.

KFO araarsitoonni naannoos ta’ee Idila addunyaa ji’oota darban kan tasgabbii murtaa’aa qaban sanatti humnoota wal falmaa jiran gara mariitti fiduu fi dhukaasa dhaabuu walii galaa, buusuuf itti fayyadamuu dadhabuu isaaniitti gaabbiin ol’aanaa ta’e itti dhaga’amee jira.

Dabaluunis “Paartiin keenya wal waraansi gaga’aan kun jalqabuu isaa dursee akkuma ibsaa ture, waraanni rakkoo siyaasa wal xaxaa Itoophiyaaf furmaata ta’uu akka hin dandeenye, ammas irra deebiin cimsee ibsa. . Rakkoowwan kunneen itti fufiinsaan furamuu kan danda’an marii dhugaa fi hunda hammate qofaan akka ta’e cimsinee amanna. Kana gama hund humnoonni wal falmaa jiran walitti bu’iinsa qabbaneessuun furmaata nagayaa akka barbaadan gaafanna” jedhe.

Kana malees”Hawaasni idila addunyaa, walitti bu’iinsa Naannoo Oromiyaa keessatti babal’ata ture hilkuun hafee beekamtii kennuu illee dadhabuun KFO yaachisee jira. Naannichatti keessumaa, naannoolee hoongee walitti bu’iinsaan miidhamanitti haalli namoomaa jiru sadarkaa yaaddeessaa irra gahee jira. Waan ta’eef, hawaasni dippiloomaasii walitti bu’iinsi hammaachaa jiru hatattamaa fi karaa nagaa qabeessa ta’een mariin akka hiikamu, haalota akka mijjeessu gaafanna.”jedha ibsi KFO.

Dhumarraattis KFO-n “ummata Itoophiyaa, paartii biyya bulchaa jiru, paartiilee siyaasaa mormitootaa, dhaabbatoota miidiyaa, ogeeyyoota miidiyaa hawaasummaa fi Aktiivistoonni, haasaawwan rakkicha hammeessu irraa akka of qusatanii fi rakkicha tasgabbeessuu fi hiikuuf, sagalee tokkoon akka wal tumsan kadhata, waraana kanaan biyya keenya Itoophiyaa fi lammiilee Itoophiyaa hundaatu miidhamoo ta’a. Waan ta’eef, walitti bu’iinsa hammaachaa jiran karaa nagaatiin hiikuuf hundi keenya shoora gama keenyaa akka bahannu” dhaamsa jedhu dabarse. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.