Oduu: Naannoo Amaaraatti magaalonni Dabra Birhaan, Kombolchaa, Saqoxaa, Laallibalaa sochii fi walga’ii ummataa irratti daangeeffama kaa’an

Finfinnee, Hagayya 31/2022 – Manneen Maree Nageenyaa bulchiinsa naannoo Amaaraa magaalota Dabra Birhaan, Kombolchaa, Laallibalaa fi Saqotaa namoota fi konkolaattota irratti daangeeffama sochii, walga’ii uummata hayyama malee dhorkuu, akkasumas dhorkii meeshaa waraanaa humnoota nageenyaatiin hayyama hin qabne fe’uu fi kanneen biroo kaa’aniiru.

Murtoon kun magaalonni Waldiyaa fi Dassee murtoo walfakkaataa Dilbata Hagayya 28 irraa eegalee dabarsan hordofeeti.

Haaluma kanaan, manni maree nageenyaa magaalaa Dabra Birhaan buqqaatotni galgala sa’aatii 12:00 booda iddoo qubannaa isaaniitti akka hin seenne ykn akka hin baane, sochii konkolaataa fi sa’aatii mana dhugaatii fi mana nyaataa sa’aatii 2:00 irraa eegalee akka hin banamne dhorkeera. Akkasumas dhaabbilee daldalaatiin gatii dabaluu dhorkeera. Hojjattoonni warshaa halkanii caasaa nageenya seera qabeessa irraa ragaa mirkanaa’e argachuu qabu.

Humna nageenyaa seera qabeessa ta’een ala meeshaa waraanaa qabachuunis ta’e hayyama mootummaa malee walga’ii ummataa gochu dhorkaadha. Namoota  shira hafarsanii fi ummata shororkeessaa jiran irrattis tarkaanfiin akka fudhatamu akeekkachiiseera. Ummannis sochiiwwan shakkisiisaa ta’an irratti odeeffannoo waliif qooduu akka qabu; hoteelonni fi bakkeewwan ciisichaa fi ciree itti qophaa’an kireeffattootaa fi maamiltoota shakkisiisoo ta’an irratti odeeffannoo humna nageenyaaf kennuu qabu.

Kombolchaa

Haaluma walfakkaatuun, Manni Maree Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Kombolchaa namoota “yaadaa fi sochii diinaa deeggaruun odeeffannoo sobaa facaasuun shororkeessummaa fi burjaajii ummataa facaasan” akeekkachiiseera. Namni uggura kana cabse kamiyyuu “seeratti ni dhiyaata” jedhe. Miidiyaa hawaasummaatti fayyadamuun “odeeffannoo sobaa facaasuun ummata tasgabbii dhowwuun” akka adabsiisu ibse.

Qaamolee nageenyaa magaalichaa hayyamameen ala gareedhaanis ta’e dhuunfaan meeshaa waraanaa qabatanii magaalaa keessa naanna’uun guutumatti dhorkameera.

Taaksiin sadarkaa magaalaatti hanga waaree booda sa’aatii 11:00 qofatti tajaajila akka kennan kan hayyamamu yoo ta’u, jiraattonni, manneen nyaataa, mana dhugaatii, manneen gurgurtaa fi kaffeewwanii akkanuma. Sababa malee meeshaalee irratti hanqina uumuuf yaadamee gatii dabaluunis seeratti kan gaafachiisu ta’a. Hoteelonni, bakki ciisichaa fi ciree, mana jireenyaa fi mana kiraa kooppii waraqaa eenyummaa kireeffattoota isaanii humnoota nageenyaaf dhiyeessuu qabu.

Jiraattonnis konkolaataa dabalatee sochiiwwan shakkisiisaa ta’an irratti odeeffannoo laachuun dirqama ta’uu ibsameera. Magaalichatti manneen Jimaa dabalatee bakka bashannanaa fi mana agarsiisa DSTV, manneen bunaa keessatti walga’uun kaleessa irraa eegalee dhorkaadha.

Saqoxaa

Manni Maree Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Saqoxaa akka galgala sa’aatii 1:00 hanga ganama 12:00tti sochii jiraattota daangesseera. Akkasumas konkolaattonni humnoota nageenyaatiin hojii nageenyaaf ramadaman ala galgala sa’aatii 12 hanga ganama 12:00 socho’uun dhorkameera.  Yeroo fi bakka kamittiyyuu meeshaa waraanaa hayyama hin qabne qabatanii deemuunis dhorkameera. Kanamalees dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa tajaajila uummataa kennan kanneen akka baankii, suuqii, fi hoteelota cufuun dhorkaadha.

Laallibalaa 

Haaluma walfakkaatuun bulchiinsa naannoo Amaaraa magaalaa seena qabeettii Laallibalaas sochii namoota fi konkolaattota irratti daangeeffama kaa’e. Haala yeroo irratti hundaa’uun bulchiinsi magaalichaa qaamni kamuu galgala sa’aatii 1:00 hanga ganama 12:00tti magaalattii akka hin seenne fi akka hin baane uggura kaa’eera. Akkasumas konkolaataan kamiyyuu galgala sa’aatii 1:00 hanga ganama sa’aatii 12:00tti socho’uun hin hayyamamu. Kana malees magaalattii keessatti meeshaa waraanaa aangawootaan hayyamame malee baatanii deemuu akkasumas mootummaan beekamtii mootummaa malee uffata humnoota nageenyaa itti fayyadamuu dhorkameera.

Akka odeeffannoo waajjira dhimmoota kominikeeshinii mootummaa magaalaa Laalibalaa irraa argame mul’isutti kantiibaan bulchiinsa magaalaa Laalibalaa, Tasfaa Haabtee, jiraattonni magaalichaa odeeffannoo sobaa jibba kakaasu hubachuun tasgabbaa’anii naannoo isaanii akka eegan akeekkachiisteetti. Kana malees, jiraattonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, Humna Addaa Amaaraa fi Milishaa Faannoo cinaa dhaabbachuun humnoota Tigraay “godina keenya keessatti jeequmsa raawwachaa jiran” irratti akka falman gaafataniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.