Dhaabbatni Albuuda Akooboo fi Baankiin Oromiyaa, pirojeektiiwwaan oomisha albuuda biyya keessaa irratti waliin hojjachuuf waliigaltee mallatteessan

Akkataa walii galtee dhabbileen lamaan waliif mallatteessaniitti  oomisha albuudaa irratti waltumsuu fi dhiyeessi maallaqaa taasisuun tajaajila biyya keessaa gama kanaan taasifamu fi indaastirii oomisha albuudaa biyyatti sadarkaa idil addunyaatti guddisuudha.

Kanaanis kalaqni fi pirojeektonni haaraan Itoophiyaa keessatti hojjatamu gama hojiitinis ta’ee mallaqaatin deeggaramee, oomishni albuudaa  fi indaastiriiwwan guddina biyya keessatti ga’ee qabu akka uumamu gochuu keessatti walii galtichi shoora akka qabutu himame.

Walii galtichi deeggarsa mallaqaan alatti, hawaasa naannawa baadiyyaa damee kana irratti hojjatan kaannen  carraawwaan fi dhiyeessi maallaqaa jabanaa argachuu hin dandeenyeef deeggarsa  tajaajila adda addaa taasisullee ni hammata jedhameera.

Hoji gaggeessa olaanaan dhabbata albuudaa Akooboo Jørgeen Evijeen, “Ga’uumsaa fi muuxannoo keenya gama albuuda baasuu fi baankii walitti fiduun tajaajila qabatamaa fi haaraa ta’an dhiyeessuun guddina oomisha albuudaa Itoophiyaa fi hawaasa biyya keessaa cimsuuf walta’iinsi kenya murteessadha jedheen amana” jedhe.

Itti dabaluunis, “Daldala biyya keessaa fi indaastiriin baankii Itoophiyaa dhaabbilee idil addunyaa waliin haala dorgomuu danda’u keessatti deeggarsa barbaachisu kennuun illee kaayyoo walii galtichaa keessaa tokkodha” jedhe.

Baankii Oromiyaatti itti gaafatamaan Gamtaa baankotaa fi daldala idil addunyaa Fayiseel Yaasiin akka jedhetti, “ Nuti carraaqqii fi kutannoo dhaabbanni oomisha albuudaa Akooboo, tarsiimoo milkaa’ina biyyaalessaa fi ijaarsa naannoof qabate dinqisiifannerra. Falaasamni keenya fi kan isaanillee walsimata, waliin hojjannee dhaabbilee oomisha albuudaatiin Itoophiyaa milkeessuu barbaadan kanneen birootifillee waan guddaa hojjachuu akka dandeenyu kan itti mirkaneeffanneedha.”jedhe 

Akkuma waliigalticha irratti ibsaameetti, baatiwwaan dhufan keessa, dhaabbileen lameen wal ta’uun pirojeektota tajaajila oomisha albuudaa ijaaramaa jiran irratti hojjachuuf qophii barbaachisu xumuruun ibsameera. Haa ta’u malee walii galtichi kutannoo ga’ee fi dirqama dhaabbileen lamaan qaban irraan kan hafe walii galtee seeran danga’e akka hin taanellee himameera.

Tajaajila oomisha Albuudaa biyya keessaa waliin hojjachuuf adda ba’een malees, dhaabbanni oomisha albuudaa Akooboo kuufama dhiyeessii maallaqaa irratti Baankiicha waliin walii galaa jira jedhame. Kunis sochiiwwaan dhabbatichaa gara fuulduraa hawaasa naannoo giddu galeessa akka godhatu taasisuu, karaa hawaasummaa fi bulchiinsaa,  akkasumas deggarsa kappitaalaa oomisha albuudaa  xumura bara 2022 dura barbaachisuun jajjabeessuu fi kanneen biroo fuulduratti  walii galteera ga’amullee kan dabalatuudha jedhameera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.