Manni Amantaa Wangeelaa, Godina Booranaatti Hawaasaa Hongeen Miidhaman Gargaaruuf pirojeektii Baraarsa Lubbuu Eegale

Finfinnee-Komishiiniin Mana Amantaa Warra Wangeelaa Makaana Iyyasuus Itoophiyaa tajaajila misoomaa fi hawaasummaa (EECMY-DASSC) pirojeektii miidhaa hongeen hawaasa naannoo Oromiyaa godina Booranaa irraan gahu ittisuuf oolu birrii Miliyoona 23 fi kuma 500tti tilmamamuun jalqabsiise.Pirojeektichi Abbootii warraa 15,232 fayyadamoo ni taasisa jedhame eeggama.

Godinni Booranaa godinaalee Oromiyaa hongee umameen, akka malee miidhama keessaa tokko yoo ta’u, beeladoonni hedduun du’anii namoonnis hanqina nyaataafi bishaaniitiif saaxilamaniiru.

Gaanfa Afrikaatti Daayirekteerri waligaltee fi Boordii Komishiinii Mana Amantichaa(EECMY-DASSC) Amaanu’eel Dibaabaa akka jedhetti Pirojeektichi baatiwwaan salgan dhufaniif kan turu yoo ta’u,  adda durummaan deeggarsa baraarsaa lubbuu lammilee hongeen miidhamanii fi miidhaa sanaaf saaxilaman  irratti aanaa Taltalletti hojjatama. Akka ibsichatti keessumaa pirojeektichi deeggarsa namoomaa, haala jireenyaa, bishaan dhugaatii fi deeggarsa xiinsamuu irratti xiyyeeffata.

Akka Amaanu’eel Addis Standarditti himetti Ajansiin Pirooteestaantii  dhaabbata Jermanii deeggarsa baajataa fi pirojeektii gurraandhala 16, bakka aanga’oonni mootummaa Godinaa, komishinii mana amantichaa Kibba Itoophiyaa EECMY-DASSC akkasumas, daayirekteerri Sinodosii damee Kibba Itoophiyaa fi qondeessitootni damee addaa addaa argamanitti eegalchiseera.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.