Lixa Oromiyaatti Hidhattootni Naannoo Amaaraatii Ka’an Haleellaa Gaggeessaniin Jiraattota Kumaatamaan Lakkaawwaman Buqqisan

Buqqaatota Oromoo haleellaa hidhattoota naannoo Amaaraatiin Lixa Oromiyaa irraa buqqa’anii Adaamaa Ganda Kurfaa jiran

Iteenash Abarraa @EteneshAB fi

Darajjee Gonfaa @DerejeGonfa tiin

Finfinnee- Walitti bu’insi godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessa jiru jiraattota kumaatamaan lakkaawwaman qe’ee isaanii irraa buqqisaa jira. Addis Standard jiraattota godina lameen irraa buqqa’aan bilbilaan qunnamee jira.

Jiraattotni godina Wallagga Bahaa hidhattootni ‘Afaan Amaaraa dubbatan’ qe’ee keenyaa nu kaasaniiru, mootummaan osoo warra haleellaa raawwate irratti tarkaanfii hin fudhatin qe’eetti nu deebisaa jira jedhu. Haaluma walfakkaatuun jiraattotni godina Horroo Guduruu Aanaa Abee Dongoroo ‘Hidhattotni Finxaaleyyiin saba Amaaraa’ daa’immanii fi dubartoota dabalatee namoota soddoma Sanbata Guraandhala 12/2022 ajjeesaniiru jedhu.

Godina Horroo Guduruu Wallagga

Hidhattootni Amaaraa Guraandhala 12/2022 godina Horroo Guduruu Wallagga aanaa Abee Dongoroo ganda Botoroo Booraa keessatti haleellaa gaggeessaniin namootni 29 lubbuu dhaban. Haleellaan kun saamicha fi qabeenya barbadeessus kan dabalate ture. Haleellaa kanaan manneen 64 gubataniiru. Jiraataan aanaa Abee Dongoroo eenyummaan isaa akka hin ibsamne gaafate “Hidhattootni Amaaraa aanaalee Abee Dongoroo fi Jaargadaa Jaartee irraa walitti dhufanii dubartoota fi daa’imman dabalatee namoota 20 haala sukkanneessan ajjeesan.” jechuun Addis Standarditti hime.

Akka ragaan kun jedhutti namoota reenfi argame malee namootni achi buuteen isaanii dhabame hedduudha, “Dubartoota hedduu humnaan butanii deemaniiru.”jedhe

Hidhattootni kun miseensi lama jalaa badanii isaan barbaaduuf akka walitti qabaman ibsa ragaan kun. “Subii ganama otoo nuti hirriiba hin ka’in dhukaasa nutti banan. Namuma argan irratti dhukaasaa turan. Manneen oduma namni keessa jiruu guban. Warri hafne lubbuu keenyaaf baqanne.” jechuun waan uumame dubbata. Akka ragaan kun jedhutti namoota reenfi argame malee namootni achi buuteen isaanii dhabame hedduudha. Danaluunis “Dubartoota hedduu humnaan butanii deemaniiru.”jedhe.

Jiraataan biraa haleellaa kana jalaa bahe, “Dhukaasa keessan hirriibaa dammaqe, manneen gubachaa turan namootnis lubbuu isaanii baraaruuf fiiga turan. Anis yeruma sanan matii kiyya wajjiin baqadhe.” itti fufuun “Manni kiyyaa qabeenya guutuu wajjiin gubate. Horii kudha jaha na jalaa hataniiru.” jedha. Jiraataan kun namootni haleellaa kanaan miidhaman hedduu daa’imman, manguddoota fi dubartoota, “Reenfa kudha sagal awwaallee, booda reenfa lama argine. Mataan namoota sagalii iddoo biraatti argamuu dhagaheen jira.”jedha.

Haadholii harma hoosisan haleellaa hidhattoota naannoo Amaaraatiin Lixa Oromiyaa irraa buqqa’anii Adaamaa Ganda Kurfaa jiran

Jiraatan dhokachaa jiru kun “Humnootni nageenya akka nuuf birmatan barbaadna. Manni keenya gubatus, qabeenyi nu jalaa hatame akka nuuf deebi’u barbaadna. Qe’ee keenyatti deebinee jiraachuu barbaadna. Namootni kana raawwatan seeratti akka nuuf dhiyaatan barbaadna.” jedhe.Jiraattotni bulchiinsi fi qaamoleen nageenyaa dhimma keenya furuuf hin yaalle kanaaf ammallee sodaa keessa jirra, baqannee jirra jedhu.

Yaaliin Addis Standard bulchaa godina Abee Dongoroo, Boorisaa Hayilee fi Itti gaafataama bulchiinsa fi nageenyaa aanichaa Addunyaa Waaqoyyaa dubbisuuf taasise hin milkoofne.
Godina Wallagga Bahaa
Amajjii darbe mootummaan naannoo Oromiyaa namootni 128,000 ta’an ‘hidhattota finxaaleyyii afaan Amaaraa dubbataniin’ aanaa Gutoo Giddaa irraa buqqa’uu isaanii beeksisee ture. Walitti bu’insi qaamolee kanaan uumame jedhame aanaalee godinicha biroottis babal’ateera. Jiraattotni aanaa Sibuu Siree fi Limmuu saamichi hamaa akkasumas gubachuun manneenii jiraachuu himu.

Kaliifan abbaa ijoollee torba qe’ee isaa Aanaa Sibuu Siree ganda Dallo Kojimmaatti argamu irraa erga baqatee baatilee sadi lakkoofsisee jira. Kaliifan namootni haleellaa isaanirratti raawwatan garee hidhattootaa Afaan Amaaraa dubbatani,“Nu reebanii mana keenya guban. Magaalaa dhihoo jirutti baqanne.”jedha. Haa ta’u malee hawaasni nuti itti baqanne nyaata fi waan barbaachisu nuuf dhiyeessuu hin dandeenye. Buqqaatotni kunneen haala qindaa’een gargaarsa hin argannee guutummaa aanichaa keessa jiraachuu hima Kaliifan.

Ibiraahim walitti bu’insa aanaa Sibuu Siree keessa jiru baqachuun yeroo ammaa kana qe’ee isaa irraa Km 700 fagaatee godina Harargee Bahaa jiraata. Ibiraahim rakkoo nageenyaa jiru osoo hin furiin bulchiinsi aanaa gara qe’eetti akka deebinu nu dirqisiisaa ture jechuun Addis Standarditti hime. Akka Ibiraahim jedhutti wal waraansi Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO, kan mootummaan Shanee jedhee waamu) fi hidhattoota Amaaraa gidduu jira. “Osoo waraanni jiruu akkamitti qe’ee keenyatti deebina?” jechuun gaafata.

Daa’imma, Dubartoota fi Maandguddota haleellaa hidhattoota naannoo Amaaraatiin Lixa Oromiyaa irraa buqqa’anii Adaamaa Ganda Kurfaa jiran

Ragaaleen lamaanuu namootni 14,000 ol ta’an aanaa Sibuu Siree irraa buqqa’uu quba qabu. Bulchiinsi aanaa fi qaamoleen nageenyaa namoota walitti bu’insa baqatan iddoo waraanni jirutti akka deebi’an dirqisiisa jiru jedhu Kaliifa fi Ibirahim. “Meeshaa aadaa of harkaa qabnuu akka of eegnu nutti himan” jedha Kaliifan. Bulchiinsa godina fi aanaa dubbisuuf yaaliin taasifame hin milkoofne.

Aanaan Limmuu keessattis hidhattootni Afaan Amaaraa dubbatan haleellaa gaggeessaniiru. Jiraataan aanichaa sodaa nageenyaatii eenyummaa isaa ibsuu hin barbaadne, “Amajjii 24/2022 subii ganamaa hidhattotni Afaan Amaaraa dubbatan ganda keenya irratti haleellaa banan.”jechuun Addis Standarditti hime. Hidhattootni kunneen saamicha fi manneen nama keessa jiru wajjiin gubaa akka turan jiraattotni ni dubbatu. “Bosona dhihoo jirutti baqanne. Namootni 50 abiddaan ajjeefaman,kaan immoo dhukaasan akka ajjeesan dhageenye.” kan jedhe jiraataan kun hidhattootni kunnee aanaa Giddaa Ayyaanaa iddoo Andoodee Gichaa jedhamu irraa ta’uu tilmaame.

Buqqaatotni aanaa Limmuus akkama buqqaatota aanaa Sibuu Siree manneen isaanii gubatee, maatii isaanii dhabanii mootummaanis akka isaaniif hin birmatin himatu. Jiraataan aanaa Limmuu “Ijoollee koo sadin dhabe. Amma bosona keessa dhokachaa jirra, bakka dhaqnu hin qabnu.”jedha. Hidhattootni kunneen loon 30,000 hataniiru jedha.

Ganda Saqaqallootti yeroo jiraattoonni naannoo gargaarsa buqqaatotaaf taasisan

Jiraataan aanaa Limmuu kan biraa gandi Fixi Boqqoo jedhamu guutummaaguututti akka barbadaa’e Addis Standarditti hime. Jiraatan kun akkuma aanaalee biroo hidhattoota Afaan Amaaraa dubbatantu haleele jedhe. Naannoo sana hidhattoota Afaan Amaaraa dubbatan malee humnoota nageenyaa dabalatee qaamni hidhate hin jiru jedhe. “Haleellaa kanaan namoota nagaatu ajjeefame. Mana qonnaan bultoota guban, Lukkuu osoo hin hambisin nu saaman.Namni hunduu lubbuu isaa baraaruf uffata qabatee fiige.”jechuun waan uumame yaadata. Buqqaatotni kunneen gargaarsa hatattamaa barbaadu, “Nyaata barbaadna. Kadhannee nyaachuufis magaalaa irraa Km 30 hanga 40 fagaannee jirra.” jedha jiraataan aanaa Limmuu

Komishiinarri Komishiini Hoggansa Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa Musxafaa Kadir, waajjirri godinichaa buqqaatota aanaa Sibuu Siree fi Limmuu jiran dhaqqabuuf yaalii taasisaa jira jedhe. “Hanga ammaatti midhaan kuntaala 20,000 godina Wallagga Bahaatiif ergine” jechuun Addis Standarditti hime.

“Haleellaa kanaan namoota nagaatu ajjeefame. Mana qonnaan bultoota guban, Lukkuu osoo hin hambisin nu saaman.Namni hunduu lubbuu isaa baraaruf uffata qabatee fiige.”

Kana malees buqqaatota 12,000 aanaa Limmuu irraa akkasumas buqqaatota 15,000 aanaa Sibuu Siree irraa galmeessinee jirra jedhe. Walitti bu’insu jiru lakkoofsa kana jijjiiru akka danda’u eere. Dabaluunis sababa walitti bu’insaatiin iddoowwan gargaarsi hin dhaqqabin akka jiran dubbate Mustafaan.

Komishiinarichi dhimma humnaan deebifamuu buqqaatota aanaa Sibuu Siree irratti yaada hin kennine. Dhimmoota akkanaatiif waajjira nageenyatu itti gaafatama jedhe. Yaaliin Addis Standard Waldaa Fannoo Diimaa Addunyaa Damee Itoophiyaa akkasumas bulchiinsa godina Wallagga Bahaa qunnamuuf taasise hin milkoofne.

Buqqaatotaaf Ganda Saqaqallootti mooraa Masgiidaa keessatti gargaarsi taasifame

Duub Duubee

Hagayya darbe qorannoon Addis Standard gaggeesse walitti bu’insa godina Wallagga Bahaa keessatti hidhattotni Amaaraa hirmaachuu agarsiisee ture. Gabaasa Addis Standard Onkoloolessa bahe keessatti ammo jiraattotni godinichaa hidhattootni Amaaraa daangaa ce’uun saba Amaaraa godinicha keessa jiran waliin ta’uun haleellaa akka gaggeessan dubbataniiru. Komishiinin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gama isaatiin walitti bu’insi hawaasaa akka hin uumamne akeekkachiise ture. Ji’uma sana keessa haleellaan namoota nagaa galaafate kun qaamolee hawaasaa of eeguuf hidhatanii akka raawwatame eere. “Haleellaan dabareen Oromoo fi Amaara irratti gaggeeffama. Hawaasa lamaan gidduu dhiphinnii fi sodaan walitti bu’insaa jiru guddaadha.” jedhe Komishiinichi.

Wallagga Bahaa keessatti walitti bu’insi deddeebi’ee uumamuu kun walitti bu’insa Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) fi hidhattoota Amaaraa gidduu jiru wajjiin walqabata. Jiraattotni godinichaa Addis Standard dubbise, “Hidhattootni Amaaraa erga Waraana Bilisummaa Oromoo(Kan mootummaan Shanee jedhee waamu)wajjiin walitti dhukaasanii booda deebi’anii hawaasa nagaa irratti dhukaasa banan.”jedhan.

Aanaalee Sibuu Siree, Limmuu, Gutoo Giddaa, Kiiramu fi aanaalee biroo irraa Oromootni kumaatamaan lakkaawwaman ji’oota darban keessa qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.

Godina Wallagga Bahaa bakka garaa garaa keessatti sababa rakkoo nageenyaa ‘Finxaaleyyiin Amaaraa’, Gumuuzii fi Waraanni Bilisummaa Oromoo qaqqabsiisaniin, jiraattootni hedduun baqachuu fi qabeenyi isaaniis manca’uu kan himan Bulchaan Godina Wallagga Bahaa Alamaayyo Tasfaaye, “Rakkoo nageenyaa kanaanis namootni kuma 100 fi kuma 28 fi dhibba 200 caalaan lubbuu isaaniif baqatanii rakkoo hammataa keessa jiruu.” jedhe. Finxaaleyyii Afaan Amaaraa dubbatan kana maqaa dhahuu baatus Alamaayyoon, “Finxaaleyyiin Afaan Amaaraa dubbatan qamolee nageenyaa Oromiyaa fi jiraattota irratti dhukaasa banan jiru.” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.