Inistiitiyuutiin Siinqee UNESCO’n Ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu Akka Balaaleffatuuf Xalayaa Barreesse

Xalayaa Siinqee

Inistiitiyuutiin Siinqee xalayaa Guraandhala keessa UNESCOf barreesseen ajjeechaa jibbinsaa fi gara jabinaa abbootii Gadaa Karrayyu irratti raawwatame akka balaaleffatu gaafate. Siinqeen Abbootiin Gadaa Karrayyuu bakka tokkotti ajjeefamuu jechuun aanga’oota mootummaa bakka tokkotti ajjeesuun tokkouma jedhe. Kanaanis uummatni Karrayyuu hoggansa dhabuu eere. 

Sirni Gadaa Hambaa Kiliyaa UNESCOn galmaasse keessa tokko ta’uu kan yaadachiise xalayichi ajjechaan abbootii gadaa aggaammii hambaa fi beekumsa isaa balleessuf godhamee jedhe. 

Komishiinin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaan Abbootii Gadaa Karrayyuu ajjeechaa seeraan alaa humnoota mootummaatiin gaggeeffame ta’uu qorannoon mirkaneesse jira. Kana malees komishiinichi namootni ajjeechaa kana raawwatan seeratti akka dhiyaataniif waamicha dhiyeessus hanga ammaatti namni seeratti dhiyaate tokkollee hin jiru jedha xalayaan Siinqee. 

UNESCOn adeemsa haqa Abbootii Gadaa barbaaduu keessatti dhaabbatichi akka gargaaru akkasumas akka qaama Sirna Gadaa akka Hambaa Kiliyaatti galmeessetti ajjeechaa Abbootii Gadaa kana ifatti balaaleffachuu qaba jedha xalayaan Siiqqee.  Dabaluunis, UNESCOn araarri akka bu’uu fi dhugaan bahu akkasumas hawaasni Karrayyuu haqa akka argatu qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatu gaafachu qaba. Kana malees UNESCOn itti gaafatamummaa isaa walqixummaa aadaa fi addaa addummaa aadaa kabachiisuu isaa bahachuun hawaasni Karrayyuu beekamti akka argatu taasisu qaba jedha Xalayaan Inistiitiyuutiin Siinqee UNESCO’f barreesse. Inistiitiyuutiin Siinqee qorannoo dhuunfaa fuula 34 maxxansee jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.